Dhaabbileen teeknolojii gurguddoon to'annoo hubannoo nam-tolcheerratti 'waliigalan'

Maxxanfame

Hoji gaggeessaan Tesla Elon Maask walgahii Waashingitaniitti gaggeefameen dhaabbileen teeknolojii gurguddaan to'annoo hubannoo nam-tolcheerratti ''waliigaltee guddaarra'' gahaniiru jedhan.

Hooggantootni dhaabbilee teeknolojii gurguddaa akka hogganaa Meta Maark Zuukarbarg, hogganaan Googil Sundaa Pichaay, hogganaan duraanii Maayikiroosoft Biil Geets fi hoji gaggeessaan Maayikiroosoft ammaa Saatiyaa Naadeelaa argamaniiru.

Walgahiin dhaabbilee teeknoolojii idila-addunyaa fi seera baastota US gidduutti adeemsifame cufaatti gaggeefame. Quuqamtootni mirga siiviliis marii kanarratti hirmaataniiru.

Humni hubannoon nam-tolchee(artificial intelligence) wanta gaariifi badaa raawwachuuf qabu amma namoota siyaasaa biyyoota teeknolojiin dagaaganii yaaddessuu eegaleera.

Camsaa darbe hoji-gaggeessaan dhaabbata OpenAI, abbaa teeknolojii ChatGPT, Saam Altimaan seeneetii US'tti dhiyaachuun balaawwan teeknolojiin kun fiduu danda'urratti dubbataniiru.

ChatGPT fi sagantaaleen AI kanneen kana fakkaatan biroon gaaffii dhiyaatuuf akkuma dhala namaa deebii sirrii kennu, takka takka garuu waanuma walitti hin siiqnes deebisuu danda'u.

''Teknoolojiin kun dogoggorarra yoo oole, dogoggorichi badii guddaa ta'a...waayee kanaa ifatti dubbachuu qabna'' jedhan Altimaan.

''Kun akka hin dhalanneef mootummoota waliin to'aannoosaa gubaatti hojjechuu qabna.''

Teknoolojiin kun carraa hojii baayee cufuun, waliin dhahuu hammeessuufi odeeffannoolee dogoggorsoon akka dhugaa fakkaatan gochuun balaa guddaa uuma yaaddoon jedhu dabalaa jira.

Ebla darbe ammoo Maask yaada BBC'f kenneen AI uummatarra balaa akka hin qaqqabsiifne mirkaneessuuf qaamni to'annoo gaggeessu hundeeffamuu qaba'' jedhee ture.

Walgahii isa Roobiirratti dirree hubannoo nam-tolchee kana keessa ''taphachiisaan''(daanyaa) ni barbaachisa jedheera.

Balaa hubannoon nam-tolchee qabatee dhufu yoomiifi akkamitti akka ta'e himuutu rakkisa malee hin oolu jedhan Maask.

''Waa ta'ee arguu malla. Yeroo hammamii keessatti ykn bifa kamiin kan jedhu wallaalla malee'' jedhan.

Hoji-gaggeessaan meta Zuukerbeerg gama isaan, Koongireesiin US kalaqoota AI deeggaruufi to'achuu qaba'' jedhe.

''Wantoota barbaachisoo ta'anirratti kaampaaniiwwan Ameerikaafi mootummaan hojimaata diriirsuu qabu.''

Senaatarri warra Rippaablikaan Maayik Raawunds Kongireesiin dhimma kanarratti tarkaanfii tokko fudhachuuf yeroo itti fudhata jedhan.

''Gad baanee seera tumuuf qophiidhaa? gonkumaa, achi hin geenye.''

Senaatarri warra Dimookraatii Kooriiy Buuker gama isaaniin, kaampaniiwwan teekneloojii kun mootummaan gahee to'achuu akka qabaatu waliigalaniiru jedhanii, seera boocuun garuu qormaata akka ta'e dubbatan.

Nageenyaa fi to'annoo hubannoo nama-tolchee irratti gidduugalli hojjetu, Centre for AI Safety, ibsa ji'a Caamsaa keessa baaseen hooggantoota OpenAI fi Google Deepmind, dhaabbilee AI irratti bal'inaan hojjechaa jiran dabalatee ogeeyyiin hedduun guddinni AI haala amma jiruun itti fufnaan hegeree dhala namaaf yaaddoo ta'uu ibsuu himee ture.