Paakistaan qabiyyee ‘amantiitti bu’u’ baasee jechuun Wiikiipiidiyaa uggurte

Madda suuraa, Getty Images
Paakistaan kuusaa odeeffannoo onlaayinii Wiikipidiiyaa qabiyyee ''amantiitti bu’u,'' gadhiise jechuun uggurte.
Murtoon kuni Sanbata kaleessaa kan ibsame yoo tahu, insaakiloopidiyaa onlaayinii bilisaan tajaajila kennu kuni, qabiyyee ''amantiitti bu'e'' jedhame akka kaasuuf sa’atiin 48 kennamuufis, hin raawwatiin hafeera jedhe Abbaan Taayitaa Teleekoominikeeshinii Paakistaan.
Dhaabbatini The Wikimedia Foundation, Wiikipiidiyaa bulchu, ugguramuun kuni lammiileen Paakistaan, ''madda beekumsaa bilisaa akka hin arganne godha,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paakistaan biyya uummatni amantii Musliimaa hordofu itti baay’atu yoo taatu, miidiyaalee hawaasaa kanneen akka Tiindar, Feesbuukiifi kaanis uggurteetti.
Abbaa Taayitaa Telekoominikeeshinii Paakitaanitti dubbii himaa kan tahan, Maalaahaat Obaayid, ''Wiikipiidiyaan, ‘qabiyyee amantiitti bu’u' akka haquuf irra deddeebiin himnus, muraasa kaasee kaan itti dhiise. Ammas hamma qabiyyeen akka haqamu gaafanne hamma ka’utti, akkuma uggurame tura,’’ jedhan.
Qabiyyeen jedhame garuu waa’ee maali akka dubbatu ifatti hin himamne.
The Wikimedia Foundation, ugguramuun kuni yoo itti fufeef, namoonni ‘’seenaa, aadaa fi beekumsa Paakistaan akka hin barre,’’ godha jedhe.
Kanneen mirga of ibsuuf falman, tarkaanfiin kuni, ‘’tattaaffii qabiyyee interneetii irra jiru to’achuuf kan taasifame fakkaataa,’’ jedhan.
‘’Kaayyoonsaa inni guddaa sagalee mormii callisiisuu dha,’’ jedha mirga dijitaalaf kan falmu Usaamaa Kaahiiljii.
‘’Yeroo baayyee yaadni ‘amantiitti bu’uu’ jedhu kanaa fayyadamu,’’ jedhe.
Paakistaan bara 2010tti ture ‘’qabiyyee kabaja hin qabne,’’ gadhiisa jechuun kan uggurte.
Akkasuma baruma 2010tti duula fakkii ‘Nabiyyuu Muhaammad’ kaasuu jedhuun wal-qabtee Feesbuukiin uggurameera.
Appiiwwan jaalallee irratti barbaaddatan kanneen akka Tiindaris akkasuma, ''qabiyyee naamuusa hin qabne,'' tamsaasuun ugguraman.















