Atakaaroo Isaak fi Niiwukasil gidduu jiru furuuf tarkaanfii jaqabaa ta'aa?

Madda suuraa, Getty Images
Niwukasil Yunaayitid jifataa Istuutgaart Niik Waaltermaadee mallatteessifachuutti dhiyaateera. Kun ammoo fedhii Liiverpuul Aleksaander Isaak fudhachuuf agarsiisaa jirurratti dhiibbaa guddaa qabaata.
Taphataan idil-addunyaa Jarmanii umuriin isaa waggaa 23 ta'e kun erga kilaba Bondosliigaa waliin waliigalteerra gahamee gara Taayinsaayid (magaalaa Niiwukasil) deemaa akka jiru hubatameera.
Ganna kana Baayer Muniik irraas gaaffiin kan dhiyaateef Waaltermaadeen, amma gara Niiwukasil deemuu waan murteesseef qorannoo fayyaa St. Jaams Paarkitti taasifameefiif waliigaltee xumuruurri dhiyaateera.
Baasii taphataa kanaaf bahe ilaalchisee wanti mirkanaa'eeru hin jiru, garuu maddeen akka ibsaa jiranitti kilabichaaf rikkardii haaraa ta'a.
Niiwukasil waggaa sadii dura seenaa isaa keessatti Aleksaader Isaakiin gatii kilabichaaf rikkardii haaraa ta'e Paawondii miliyoona 63n Riyaal Soosidaad irraa fudhate.
Ammas Woltemaadeetiif rikkardii kana cabsuu hin oolu jedhamaa jira.
Isaak Liiverpuul galuudhaaf waan murteessedha, kanaaf Waaltermaadeen gara Niiwukasil dhufuun isaa akka shaampiyoonaan Piriimer Liigii irra deebiyee osoo yeroo jijjiirraa taphattootaa hin dhumiin akka yaalu taaisa.
Liivewrpuul kanana dura Paawondii miliyoona 110 dhiyeessee garuu Niiwukasil diduun isaa ni yaadatama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torban darbe Niiwukaisl ibsa baaseen taphataa dhalataa Ertiraa lammii Siwiidin ta'e kana gadhiisuuf haalli dandeessisu akka hin turre himee ture.
Sababiin isaa ammoo bakka isaa taphattoota sarara duraa lama isa barbaachisu argachuufi gatii taphataa kanaaf Liiverpuul irraa dhiyaate fedhii isaa guutee akka dabarsee kennuuf murteessu isa hin taasifne.
Haata'u malee, Niiwukasil erga sanaa as Woltemaadee fudhachuuf waliigalteerra gaheera. Taphataan kun ammoo gidduurraan sarara fuula duraa kana qixeessaa qaba jedhamee waan amanamuuf carraa Isaak gara Liiverpuul deemuu ni ballisa.
Kana malees, taphataan kun dandeettii hunda galeessa ta'e qabaachuun isaa kilabichi isa fudhachuun Isaak gadhiisuuf tarkaanfii jalqabaati jedhamaa jira.
Tarkaanfiin kun taphataa sarara fuula duraa dhalataa Bireemeen biyya isaaf si'a lama taphate kanaaf, turtii ajaa'ibaa ji'oota 12 akka qabaatu taasiseera.
Woltemaadeen ganna darbe Werder Bireemenirraa jijjiirraa bilisaatiin Istuutgaart erga seenee booda jalqaba irratti taphataa idileen hiriiruyyu hin turre. Garuu taphataa sarara fuulduraa meetira 1.98 dheeratu kun taphoota 33 irratti goolii 17 galchuun tapha xumuraa waancaa Jarmaniirratti goolii jalqabaa dabalatee waancaa guddaa jalqabaa tapha isaa keessatti injifateera.
Sana booda ji'a darbe tapha Yuuroo umurii 21 gadii irratti urjii ta'ee mullateera. Dorgommii kanarratti goolii 6 galchuun Jarmaniin gara xumuraatti yoo geessu, boodarra Ingilaandiin 3 fi 2n mo'amte.
Dandeettii Jamaal Musiyaalaa fi Liyooneel Meesii wajjin wal isa fakkeessu kan qabu taphataan gurra guddaa horachaa jiru Woltemaedeen, amballii Istuutgaartiin gaaffiifi deebii Guraandhala keessa taasiseen " Mesii-Musiyaalaa" meetira lamaa ittiin jedhee ture.
''Kubbaa to'achuu danda'a, yeroo walfakkaatutti garuu akka nama meetira 1.6 tti kubbaa gangalchuufi kommokuu danda'a,'' jechuun waa'ee hiriyyaa kilabiisaa dubbateera. Taphataan dheerinni isaa meetira lama ta'us akka Meesii teeknika qaba."
Imala taphataa sarara duraa barbaachuu...
Niiwukaastil kanaan dura Huugoo Ekitikee, Benjaamin Seeskoo fi Jowoo Pedroo bakka biraa erga deemaniin booda taphataa sarara fuulduraa mallatteessisuuf tattaaffii taasisaa turan ganna kana mufatanii turan.
Hanqinni kunniin kilaboota Liivarpuul, Maanchistar Yunaayitid fi Cheelsiin galii olaanaa, kaffaltii mindaa fi seenaa gaarii qaban dorgomuuf qormaataNiiwukasil mudatedha.
Niiwukaastil taphataa sarara fuulduraa Woolvis Joorjiin Istiraand Laarsen fi taphataa Bireentifoord Yowaan Wisaa taphataa sarara fuulduraa Ingilaand duraanii kun jijjiirraa bilisaatiin bahuu isaa hordofuun akka bakka bu'oota Kaalum Wiilsan ilaalamanis akka hin fudhanne taasiseera.
Haata'u malee, hojjettoonni boqonnaa tokko malee duubatti deebi'anii hojjechuu itti fufaniiru.
Sochii Ekitikee, Seeskoo fi Pedroo irraa adda ta'ee, hordoffiin Woltemaadee hanga walii galteen xumuramutti qaamolee hundaan murteessaa ta'een dhokfamee ture.
Leenjisaan olaanaa Eedii Haawu kan bakka Isak hin jirretti taphataa sarara cinaa Antoonii Gordon fuulduratti taphachiisee jira. Isaak ammoo hiriyyoota garee isaa hafan irraa fagaatee shaakala itti fufee jira.
Piriimer Liigii Ingiliiz walakkeessa torbee Liivarpuul waliin taasisaniin 3 fi 2n injifatamanirrattis kaardii diimaa argachuun Gordon taphoota sadiif akka hin hirmaanne taasisa, imala Dilbata gara Liids Yunaayitid taasisaniin jalqaba.












