Guyyaa kudhan keessatti namoonni 90 magaalaa Sudaanitti ajjeefaman - UN

Biyyi waraana keessa jirtu Sudaanitti beelli daran babal'ate

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Magaalaa Sudaan muddama jala jirtu, El Fashir, keessatti namoonni 90 ta'an ajjeefamuu Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii beeksise.

Hammi namoota ajjeefaman kuni ji'a kana keessa guyyoota kudhan keessattidha.

Yeroo ammaas hookkarri magaaalaa kana keessatti itti fufuu ibsameera.

Magaalaan El Fashir naannoo Daarfur keessatti magaalaa ijoo tokkitti humna waraanaa Sudaaniifi michuu waraanaa jala jirtudha.

Magaalli kuni booda kana keessa haleellaa Humna Addaa Sudaan (RSF) jala jirti.

Haleellaan humnoota Mohaammad Hamdaan Dagaaloo kaampi baqattootaaa dhiheenya jiru Abu Shuuk irrattis xiyyeeffateera.

Haleellaa tibbanaan hammi namoota lubbuu dhabanii kan ibsame caaluu akka danda'u Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akeekkachiiseera.

Kanneen ajjeefaman keessaa 16 kan ta'an rashanamanii jedhameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Magaalaan El Fashir ji'ootaaf humnootaa waraana biyyattii lolaa jiraniin marfamteetti.

Dhihoommoo Humni Addaa Sudaan kuni kaampii Abuu Shuuk seenuu akka hin oolle shakkameera.

Kanattis, baqattoonni hanqina nyaataan rakkataa jiran akka baay'inaan baqatan dirqeera.

Ajjeechaan raawwate kan saba bu'uureeffatedha jechuun UN yaaddoo ibseera.

Humni Addaa Sudaan (RSF) naannoo Daarfuritti hawaasa Araba hin taanerratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuun irra deddeebiin himatama.

Humni kuni garuu kana dura himannaa kana waakkateera.

Humni Addaa Sudaan (RSF) mootummaa Sudaan Humna Waraanaan hogganamu cinaatti mootummaa biraa hundeessuu Caamsaa keessa beeksisee ture.

Bara 2023 irraa kaasun Humni Addaa Sudaan waraana biyyattii Jeneraal al-Burhaanin hogganamu wajjin lolatti seenuu hordofee biyyattii keessatti rakkoo namoomaa hamaa uumee jira.

Waraana Sudaaniifi RSF gidduu Ebla bara 2023 ture waraanni kan jalqabe.

Miseensonni RSF biyyattii keessa irra deebiin bobbaafamuu waraana biyyattii yaaddeessuun booda muddama uumameen lolli kuni kan eegale.

Waraanni Sudaan keessa adeemaa jiru lammiilee balaa guddaarra buuseera.

Lammiileen Sudaan waraana baqatanii jiran waan nyaatan dhabanii cileefi baala mukaa nyaataa akka jiran dhaabbanni gargaarsaa Norwegian Refugee Council jedhamu beeksise ture.

Haleellaan kaampii baqattootaa naannoo magaalaa El-Fashaar irratti gaggeeffamuu hordofee namoonni waan nyaatan dhabuun jiraachuuf jecha waan argatan kan akka baala mukaa fa'aa nyaataa akka jiran Ebla keessa ibsee ture.

Kaan ammoo miiliyoonaan biyyoota ollaatti baqatani.