'Moo Saalah qofaa isaa homaa gochuu hin danda’u' – Gaatoch Paanom

Gaatoch Paanom

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

‘Moo Saalah qofaa isaa homaa gochuu hin danda’u’ – Gaatoch Paanom

Gareen kubbaa miilaa biyyaalessaa Itoophiyaa erga Masrii injifate booda ofitti amantummaa guddaa dabalateera.

Torban darbe ture warri Waaliyaa shaampiyoonaa Afrikaa si’a jahaa kan taate Masriitin tapha gulaallii Waancaa Afrikaa 2023’f kan 2fi0’n injifatan.

Galchiiwwan lamaan Daawwaa Hoxxessaafi dursaaa taphattootaa Shimallis Baqqalaatu boqonnaa dura galche.

Tapha seena qabeessa kanarratti jifataan beekamaa Itoophiyaa Getaanah Kabbadaa sababa walitti bu'iinsa leenjisaa waliin qabuuf hin filatamne.

Xiinxaltooni Masrii ni injifatti jedhanii tilmaamanii turan.

Taphattoota garee Itoophiyaa tilmaama kana fashaleessaniifi sochiin isaanii dinqisiifatame keessaa tokko Gaatoch Paanomidha.

'Mootara gidduu'

''Nuyi homaa hin sodaanne ture,'' jechuun hima Gaatoch.

''Akka injifachuu dandeenyu of amansiisne seenne. Kubbaa miilaan ga'umsa irra jiraniin malee seenaan bakka waan hin qabneef kaayyoon keenya mo'uu ture.''

''Maalaawwiin erga injifatamne booda Masrii morkanne. Taphi salphaa akka hin taane beekna.

‘’Kunoo injifannee nutis gammadne, ummati Itoophiyaas gammadeera,’’ jechuun hime.  

Tapha Masrii waliin taphatame irratti garee Itoophiyaa gidduurra utubaa kan ture Gaatoch, Waancaa Afrikaa Kaameroon qophaa’erratti hin taphanne ture.

‘’Kuni murtee leenjisaati. Dirree seeni gaafa jedhame yeroo hundaa qophiidha. Dirree seeni gaafa jedhamtu humna qabdu agarsiisu qabda,’’ jechuun dubbata.  

‘Saalah qofaa isaa homaa gochuu hin danda’u’

Gareen Itoophiyaa Masriifi Maalaawwii dirree ormaarratti morkate.

Kunis, Itoophiyaan sadarkaa idil-addunyaatti dirree morkataa keessummeessu hin qabneefi jedheera CAF.

Tapha kanarratti gama Masrii Mohaammad Saalah waan miidhameef hin hiriirre. Kuni isin fayyadeeraa?

‘’Dhugaadha Mohaammas Saalah taphataa cimaadha. Haa ta’u malee, Saalah qofaa isaa homaa gochuu hin danda’u.

 ‘’Sababni isaa nuti gaafas isaanirra fooyyee qabna turre. Qabxii nuuf malu arganne.’’

 Leenjisaan garee biyyaalessaa Wubatuu Abaata biyyatti erga deebi’an booda yaaduma kana ibsan.

 ‘’Nuti caalleeti malee Masriin dadhabdee miti,’’ jedhaniiru sababa injifannoo isaanii yoo ibsan.  

Gumaacha Masriitti taphachuu

Taphattoonni Itoophiyaa yeroo adda addaatti kilaboota Masriif taphataniiru.

Gaatoch bara dorgommii tokko kilaba El Gunaanitti dabarseera.

Haraas El Hodudiifis taphateera.

Shimallis Baqqalaan immoo yeroo ammaa El-Gunaaf taphataa gidduu ta’un taphatuutti jira. 

Kuni jara Waaliyaa way gargaaree?

‘’Taphattoonni Masrii gara caalu kilaboota Al-Ahliifi Zamaaleek irraa filataman. Yeroon achi ture isaan falmeera,’’ jechuun hima Gaatoch.

‘’Kuni na gargaareera jedhee nan yaada.’’

Akka Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaan (CAF) ibsetti, Itoophiyaan Masriitiin kan injifatte waggoota 33 keessa yeroo duraafi.

Injifannoon kuni taphoota itti aananiif akka isaan gargaaru Gaatoch ni amana.

Taphoota itti aanan

Gareen Itoophiyaa gulaallii dorgommii CHAN’f Sudaan Kibbaa imala.

Walmorkiin kuni kan taphattoonni kilaboota biyya keessaaf taphatan qofa irratti hirmaatanidha.

Eegasii jarri Waaliyaa baatii Fulbaanaa keessa taphoota gulaallii Waancaa Afrikaa lama qabu.

Taphi kunis, tapha dhaqaa galaan Giinii waliin taphatamudha. 

Taphoota gulaallii lama hafanimmoo baatii Guraandhala keessa Maalaawwiifi Masrii waliin taphatu.

Itoophiyaan Masrii, Maalaawwiifi Giinii walin ramadamte.

Biyyoonni afranuu qabxii 3 qabaataniis, warri Waaliyaa garaagartee galchiin ramaddii isaanii dursaa jiru.