Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Abiy Maammoo Mihiratuufi Alamuu Simee dabalatee aanga’oota olaanoo muudan
Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) Obbo Maammoo Mihiratuu bulchaa Baankii Biyyaalessaa gochuun muudan.
Obbo Maammoo gorsaa dhimma diinagdee Ministira Muummee Abiy Ahimad ta'uun nama tajaajila ture yeroo ta'u, qaalayinsi jireenyaa diinaagdee biyyattii wayita raasaa jirutti bulchaa duraan obbo Dr Yinnaagar Dassee bakka bu'an.
Dr. Yinnaagar dhufaatii Ministira Muummee Abiy hordofeeti Baankii Biyyaalessaa bulchuutti kan dhufan.
Akka Waajirri Ministira Muumee beeksisetti, MM Abiy Alamuu Simee ministira Geejjibaafi Loojistikii, Hambtaamuu Tagany (Injinar) ministira Albuudaa, Girmaa Amantee (PhD) ministira Qonnaa gochuun muudaniiru.
Dabalataanis Diyaaqon Daani’eel Kibirat Ministira Gorsaa Dhimma Hawaasaa, Ambaasaaddar Taayyee Asqe-sillaasee Ministira Gorsaa Imaammata Alaa, Aadde Alamtsahaay Phaawuloos itti-gaafatamtuu Waajira Ministira Muummeefi ministira Dhimmoota Kaabinee, akkasumas Obbo Mallas Alamuu sadarkaa ministiraatti qindeessaa Damee Ijaarsa Dimokiraasii gochuun muudaniiru Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD).
Torban Manni-Maree Ministeerotaa Injinar Taakkalaa Uumaa, Obbo Umar Huseeniifi Obbo Tafarii Fiqiree fi Adde Daagimaawwit Mogas sababa ifatti hin ibsineen aangoorraa gaggeessee ture.
Ministiroota har’a muudamni kennameef keessaas warra kana bakka bu’uun itti-gaafatamni kennameeraaf.
Aanga'oonni olaanoo Federaalaa torban darbe aangoorraa gaggeeffaman keessaa kunneen fuulduratti hireen isaanii maal akka ta'u ykn eessa akka geeffaman hanga ammaa hin ibsamne ni jiru.
Amajji 18, 2023 irraa kaasanii bulchaa Baankii Biyyaalessaa ta'uun kan muudama Obbo Maammoo Mihiratuun ammoo bakka Yinnaaggar Dasee (PhD) kan bakka bu'an ta'u.
Dr. Yinnaaggar Dasees Baankii Biyaalessaa kana hogganuu irraa fedhii isaaniitiin gadhiisan ta'uu, mootummaan bakka kanaa isaan kaasuu ykn itti-gaafatama biraatu itti kennamuuf ta'aa wanti jedhu ammatti hin baramne.
Bu'uura Heera Mootummaa Keeyyata 74 (2)tiin muudama kennan kana manni-maree bakka bu'oota ummataa akka raggaasisuufis ministirri muummee gaafataniiru.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa haaraaa eenyu?
MM Abiyiin bulchaa Baankii Biyyaalessaa ta’uun kan muudaman Obbo Maammoo Mihiratuu bara darbe irraa kaasanii hoji-gaggeessaa Itiyoophiyaa Invastimant Hoolding ta’uun hojjetaa turaniiru.
Dhaabbanni kun jalqaba bara dabee keessa kaappitaala hayyamameef Birrii Biliyoona 100 kan hundeeffame yoo ta’u, dhaabbileen misoomaa mootummaa dabalatee dameewwan invastimantii gara garaa irratti hojjeta.
Obbo Maammoo Mihiratuu bulchaa Baankii Biyyaaleessaa ta’uun yeroo muudaman kanatti biyyattiin humni waa bituu Birrii wayita akka malee gadi bu’ee jiruufi hanqinni sharafa alaa guddaan mul’atutti ta’uun isaa hojii-cimaan isaan eeggata jedhameera.
Obbo Maammoo Mihiratuu kanaan dura gorsaa olaanaa dhimmoota dinagdeefi daldalaa ministira muummee kan turan yoo ta’u, isaan dura ammoo Baankii Addunyaa keessatti ogeessa oaalaanaa ta’uun hojjetaniiru.
Barnoota Seeraan digirii jalqabaa Yunivarsiitii Finfnneerraa, Daldala Addunyaafi Invastimantiin ammoo Neezerlaandis Yunivarsiitii Amistardaam irraa dippiloomaa, akkasumas Yunvarsiitii Harvaarditti Mana-barumsaa Sirna Mootummaatii Bulchiinsa Ummataan digirii lamaffaa barataniiru.