Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Paakistaanitti dhohiinsa boombii masjiida keessatti mudateen namoonni hedduu du'an
Paakistaan magaala Peshaawar jedhamtu keessatti dhohiinsa boombii masjiida keessatti mudateen yoo xiqqaate namoonni 28 du'an.
Dhohiinsi kun yeroo namoonni salaatuf masjiida guutanii jiranitti kan mudate yoo ta'u, kanneen du'aniin alatti hanga ammaa namoonni 150 ta'an ammoo madaa'aniiru.
Sababa dhohiinsa kanaan gamoon namarratti jiguu aangawoonni biyyattii ibsaniiru. Namoonni heddus hospitaalatti geeffamuutu gabaafame.
Sababni dhohiinsa kanaa maal akka ta'e hin baramne.
Ministirrii Muummee Paakistaan Shebaas Sharif haleellaa gaggeeffame kana balaaleffataniiru.
Haleellaa kana duukaa kanneen jiran "Islaamummaa wajjiin homaa hidhata hin qaban" jedhan haasaa taasisaniin.
Itti dabaluunis: "Guutummaan biyyattii haleellaa shororkeessummaa kana dura dhaabbataa jiru."
Dhohiinsi kun Wiixata magaala Kaaba Lixa biyyattiitti argamtu Peshaawar keessatti mudate.
Magaalaan kun daangaa Paakistaanifi Afgaanistaanitti argamti.
Hospitaala Lady Reading Hospital'tti dubbii himaa kan ta'an Mohammad Asim akka jedhanitti, namoota miidhamanii gara hospitaala isaanii dhufan keessaa kanneen du'aafi jireenya gidduu jiran jiru.
Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasanitti poolisiin, waraanniifi ogeeyyin boombii fashalsan bakkichatti argamu.