Xiyyaarotni waraanaa Indiyaa shaakala irratti walitti bu'an, balaliisaan du'e

Maxxanfame

 Xiyyaaroti waraanaa Indiyaa lama qilleensarratti wal rukutuun balaa uumameen balalisaan tokko lubbuun isaa darbeera.

Yeroo balaan kun uumamutti xiyyaaroti lamaan leenjiirra akka turan, humni waraanaa qilleensaa ibsa baaseen eerera.

Xiyyaaroti kun wiirtuu humna waraanaa willeensaa Giwaayler kan bulchiinsa Madiyaa Piraadesh jedhamu irraa balalii eegalanii km 50 erga fagaatanii booda balaan kun uumame.

Humni waraana qilleensa sababa balaan kun itti uumame adda baasuuf qorannoon akka eegalamuuf ajajeera.

Xiyyaarri inni tokko Rashiyaatti oomishamee, Sukhoi Su-30 kan jedhamu yoo ta’u, balaliistota lama qabatee ture. Inni lammataa ammo xiyyaaraa omishaa Firaans, Mirage 2000 jedhamuu fi balalisaa tokkoon balali’udha.

Xiyyaari tokko lafatti kufanii kan argame magaalaa Baratpuur keessatti akka ta’e miidiyaaleen biyyatti gabaasaniiru.

Balalisaan tokko bakka xiyyarri kun itti kufe bosona Padargaar keessatti madaa’ee garuu lubbuun isaa utuu hin darbiin argamuu isaa, midiyaan AFP qondaala poolisii Darmender Gawuur eeruun gabaaseera.

“Caccaba xiyyaara isa tokko arganneerra. Xiyyarri inni biraan xiqqoo fagaatee kufee ta’uu danda’a kanaaf akka barbaadaniif gartuulee ergineerra,’' jedhe.

Ministeerri Olaanaa Madiyaa Piraadesha, Shivraaj Siing Choohan akka jedhanitti, aanga’oonni naannichaa hojii barbaachaa fi lubbuu baraaruu human waraanaa qilleensa irratti gargaarsa akka kennaniif ajajamaniiru.

Balaan kun dhiyeenya balaa adda addaa humna waraana qilleensaa Indiyaa keessatti uumaman keessaa isa tokkodha.

Onkololeesa bara darbetti, yemmuu helikooptarri bulchiinsa Arunachaal Piraadesh keessatti kufetti loltoonni shan lubbuun isaanii darbeera.

Mudde 2021 keessa ammo yeroo helikoptarri tokko bulchiinsa Tamil Naaduu keessatti ibiddi itti qabate kufetti, hogganaa human waraanaa Indiyaa Janaraal Bipin Rawaat dabalatee namootni kudhanii ol lubbuun isaanii darbeera.