Haleellaa Yukireen gaggeessaa jirtuun loltoonni Raashiyaa humna namaan caalaman

Madda suuraa, Getty Images
Yukireen haleellaa torbee darbe naannoo Karkiivitti gaggeessitteen loltoonni Raashiyaa lakoofsa reeshoo 8 fi 1 caalaman jechuun aangawaan Raashiyaan naannichatti muudde tokko dubbatan.
Vitaalii Gaanchev loltoonni Yukireen daangaa Kaaba biyyatti deebisanii to'achuun hanga daangaa Raashiyaa qaqqabuu isaanii TV Raashiyaatti himaniiru.
Yukireen daangaa ishee Raashiyaadhaan jalaa qabamee ture keessaa iskuweer kilomeetirii 3,000 deebistee toa'chuu beeksifteetti.
BBCn garuu kan Yukireen jettu kana hin mirkaneeffanne.
Sa'aatii 24 darbe qofaatti bakkeewwan 20 ta'an deebistee to'achuu fi ammas haleellaa kaaba baha biyyattiitti gaggeessaa jirtu itti fuftee jiraachuu ibsiteetti.
Milkaa'inni Yukireen Raashiyaa irratti argataa jirtu kun karoora walii galaa oppireeshinii Raashiyaa irratti "dhiibbaa guddaa fida" jechuun tikni waraana UK dubbataniiru.
Oduu himaan Kiremiliin garuu "karoorri Raashiyaan ganama qabattee kaate hanga milkaa'utti" oppireeshiniin jalqabame ittuma fufa jechuun ibsan.
Raashiyaan naannolee Yukireen deebistee to'attetti haleellaa deebistee gaggeessaa jiraachuu ibsite.
Bakkeewwan Raashiyaan haleelaan jira jettu kun Iziyuum fi Kuppiyaanisk kan Sanbata darbe Yukireen deebistee Raashiyaa irraa to'atteedha.
Loltoonni ishee magaalota lamaan Yukireen to'atte keessaa bahuun deebi'anii "of gurmeessaa" jiru jette.
Injifatamuu dirree waraanatti ishee mudateef Raashiyaan bu'uraalee sivilii irratti xiyyeeffattee haleellaa gaggeessaa jirti jedhamuun komatamti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tajaajilli ibsaa Karkiivi fi bulchiinsa Doneetiskitti mudate kun lammiilee miliyeena tajaajila ibsaa malee hambiseera. Kantiibaan magaala Karkiiv garuu tajaajilli ibsaa amma deebi'ee eegaluu ibsan.
Ministeerri Ittisaa Yukireen Oleeksii Rezinikoov akka jedhanitti amma xiyyeeffannoo guddaan milkaa'ina waraanaatiin daangaawwan Raashiyaa jalaa torbee darbe naannoo Karkiivitti bilisa ba'an nageenya isaanii mirkaneessuudha.
Waraanni Raashiyaa fi Yukireen akkuma eegaleen Raashiyaan naannoo qabattee turte kana gadi dhiistee gaafa baatu meeshaalee waraanaa gosa garaa garaa dhiistee bahuunis himame.
Gabaasaaleen garaa garaa akka ibsanitti Raashiyaan waraana kana keessatti meeshaalee waraanaa heddu dhabuu irraa kan ka'e warshaan taankii waraanaa Raashiyaa omishu taankii omishuutti sardamaa jira jedhame.
Hojjattoonni warshaa konkolaattotaa fi taankiiwwan waraanaa Raashiyaa omishuun beekamu "Uralvagonzavod" jedhamu keessa hojjatan boqonnaa akka hin baane dhorkamuu ragaan ni mul'isa.












