Sanadi icciitii olaanaa US waa'ee waraana Yukireen himu eenyuufi maaliif miliqfame?

Loltoota Yukireen leenjirra jiran

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Sadoonni icciitii waraanaa Yukireen UStu qopheessite jedhame cimaan miliqfamee bahuun intarneetii gubbaatti qoodamaa jira.

Sanadoonni kun Yukireen humnashee gurmissitee deebiitee Raashiyaa haleeluuf akkamitti akka qophoofte, gosoota meeshaa waraanaafi baay'ina loltootaa kanaaf jecha qophaa'anii kan tarreessu ragaa icciitii heddu of keessaa qaba.

Fuula sanadootaa kana tokko tokkorratti "icciitii cimaa" kan jedhu barreeffameera.

Yukireen dhiyeenyatti weerara Raashiyaan irratti gaggeessiteef deebitee haleeluu akka eegaltu ibsamaa ture. Kanaaf ammoo US fi NATOn karoora deebisanii haleeluu baasuu kana qopheessuu keessatti adda dureen hirmaataniiru sanadi icciitii bahan kun akka agarsiisutti.

Sanadichi kan miliqfame ammoo Biiroo Ittisaa US keessayi. Waraana Yukireen ilaalchisee odeeffannoon bahe kun yeroo dhiyoo asitti icciitii guddaa US jalaa baheedha jedhama.

Sanadoota kanneen keessaa kaana isaanii erga qophaa'anii reefu torban jaha gahu. Odeeffannoon icciittii miliqee bahe kun dhugaa ta'uu qondaaltonni Pentaagon himaniiru.

Raashiyaa irratti haleellaa banuuf leenjiwwan waraanaa loltoota Yukireenif kenname, humna haaraa birgeedii hedduun ijaarame, meeshaalee waraanaa gosa garaa garaa qophaa'an tarreessa ragaan icciitii kun.

Maappii tokkorratti Baha Yukireen keessatti "waraana lafoo haala teessuma lafaa dhoqqaa'aa keessatti maal ta'uu akka qabu" agarsiisa.

Ji'oonni Roobaa darban Yukireeniif gaarii hin turre. Kana fayyadamuun Raashiyaa haleellawwan ciccimaa gaggeessun karaa Baha Yukireenin daangaa hamma tokko qabateetti.

Gama biraan waktii roobaa kanatti ittisni qilleensaa Yukireen kan Raashiyaan waan wal-hin ginneef haleellaa qilleensaa Raashiyaarraa dhufu heddu qolachuu hin dandeenye.

Amma waktiin roobaa darbaa jira waan ta'eef Yukireen dabareeshee haleellaa banuuf of-qopheessaa jirti. Kuni osoo jiruuyyi icciitin ishee karaa US kan jalaa bahe.

Loltuu Yukireen dhukaasaa jiru

Madda suuraa, Reuters

Odeeffannoon bahe hammam haar'aadha?

Odeeffannoon miliqee bahe jedhame isaanii keessaa kan biraa lakkoofsa loltoota Raashiyaa loltoonni Raashiyaa 189,500 hanga 223,000 du'uu ykn madaa'uu kan jedhuudha.

Gama biraan ammoo lakkoofsi loltoota Yukireen du'an ykn madaa'aniiru jettee US tilmaamte 124,500 hanga 131,000 ta'u kan jedhuudha.

Lakkoofsi gama lamaanuu guutummaatti dhugaadha jedhanii fudhachuun rakkisaa akka ta'e "Peentagon" ibsa jedha odeeffannoon miliqe kun. Sababni isaa ammoo gama lachuunuu odeeffannoo argachuurratti rakkiin jira jetti US.

'Sanadoonni icciitii US jalaa miliqfaman kam fa'i?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sanadoonni kun jalqaba mala ergaa gabaabaa ittiin waliif qoodan Discord, 4Chatfi Telegram irratti qoodame.

Gareen open source intelligence qoratu Aric Toler akka jedhetti, sadoonni icciitii kun jalqaba eenyu akka baase bira hin gahamne.

Bitootessa 4, 2023 namni tokko "kunoo sanadoota icciitii miliqanii bahan argadheera" jechuun dookumentiiwwan 10 gadi lakkise.

Odeeffannoon icciitii bahe kun miidhaa kan geessisuudha jedhame. Yukireen "odeeffannoo waraanaa" ishee sirnaan qabattee turte, amma bifa kanaan karoorri haleellaa banuu yoo jalaa bahu itti hin gammaddu.

Haleellaa haaraa karoorfatteen lafa Raashiyaadhan jalaa qabame fudhachuu malti.

Angawoonni Yukireen akka jedhanitti Raashiyaan yeroo dhiyootti piroppaagaandaa bifa haaran eegalti.

Ogeessi dhimma waraanaa barreessu tokkommoo, odeeffannoo icciitii baheera jedhamu kana biyyoonni Lixaa ajajoota waraanaa Raashiyaa burjaajessuuf ofumaa odeeffannoo sobaa baasan malee icciitii akka hin taane morma.

Kanas ta'ee sana, Yukireen haleellaa akkamii banuuf akka jirtu Raashiyaan hubatteetti.