Paarlaamaan Itoophiyaa koree addaa ajjeechaa lammilee nagaa qoratee, yaada furmaataa akeeku ijaare

Gamoo Paarlaamaa Itoophiyaa

Madda suuraa, HoPR/Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Gamoo Paarlaamaa Itoophiyaa
Maxxanfame

Manni maree bakka bu’oota uummataa har’a 06, 2022 walgahii ariifachiisaa taa’en haala nageenyaa fi ajjeechaa lammiilee nagaa irratti gaggeeffamu ilaalchisee marii gaggeesuun murtee dabarsee jira.

Murtee kanaan qaamoleen biyyattii keessatti ajjeechaa fi miidhaa qaamaa lammiilee nagaa irratti raawwatan fi qabeenya barbadeessan seeratti akka dhiyaatan jedhameera.

Lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’an qe’ee isaanitti deebisuuf hojiin hatattamaa akka hojjatamuu fi sabaa fi sab-lammoonni biyyattii yeroo kamuu caalaa akka walta’an taasisuun murteewwan manni marichaa murteessee keessaayi.

Manni marichaa walgahii hatattamaa geggeesse kanaan koree addaa dhaabbatee dhimmicha adda baasuun yaada furmaataa tarkaanfii gara fuulduraatti fudhatamuu qabu wajjin mana marichaa fi uummataaf akka dhiyeessu murteessee jira.

Kanumaan walqabatee mootummaan nageenya lammiilee eegsisuuf itti gaafatamummaa isaa akka bahu paartin IZEMA waamicha dhiyeesseera.

Paartin Sosochii saba Amaaraa gama isaatiin haleellaa saba Amaaraa irratti gaggeeffamuuf mootummaan federaala fi naannolee tarkaanfii haleellicha dhaabsisu fudhachuu dhiisuu isaanitin haleellicha deeggaraa jiru jedheera.

Lixa Wallaggaatti haleellaa lammiilee nagaa irratti gaggeeffamaa jiru ilaalchisuun paartileen lamaan ibsa baasaniin mootummaan nageenya lammiilee eegsisuu hin dandeenye jechuun mootummaa irratti qeeqa cimaa dhiyeessaniiru.

“Yeroo garaa garaatti haleellaa saba irratti xiyyeeffate dhaabsisuuf mootummaan itti gaafatamumma isaa akka bahatu waamicha dhiyeessinus mootummaan waamicha keenya kufaa godheera,” jechuun ibsa baase paartin IZEMA.

Paartin Sosochii Saba Amaaraa gama isaatiin, “Mootummaan naannolee yaaddoon nageenyaa jirutti mootummaan lammiilee nagaa gurmeessuun hidhachiisuu qaba” jechuun ibsa baase.

Itti dabaluunis Godiinota Wallaga Lixaa fi Qeellamitti bulchitoonni fi ajajoonni qaamolee nageenyaa to’annaa seeraa jala ooluu qabu jechuun paartichi ibsa baase.

Wiixata darbe gaafa 4, 2022 Qeellam Wallagaa Aanaa Hawwaa Galaanitti lammiileen nagaan ajjeefamuun isaanii ni yaadatama.

Bifuma walfakkatuun Wallaga Lixaa Aanaa Gimbii ganda Toleetti gaafa Waxabajjii 18, 2022 lammiilee nagaan hedduu ajjeeffamaniiru.

Ajjeechaa kanaaf ammoo mootummaa fi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO)- kan mootummaan ‘Shanee’ jedhee waamutu quba walitti qaba.