Baatii shanan darbanitti loltoonni Raashiyaa 20,00 ajjeefamaniiru- US

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES
Loltoonni Raashiyaa 20,000 ol baatii Mudde darbe irraa qabee Yukreen otoo lolanii ajjeefamaniiru jette Ameerikaan.
Kanneen 80,000 tahan immoo madaa’uu Mana Maree Nageenyaa Biyyaalessaatti dubbii himaa kan tahan Joon Kirbii gabaasa basaasaa ifa bahe tokko waabeffachuun himan.
Kanneen du’an keessaa walakkaan kaampaanii loltuu Waagner jedhamuun kanneen qacaramani dha, isaanis baha magaalaa Baahmuut haleelaa turan.
Raashiyaan waggaa darbe irraa qabee magaala xiqqoo kana guutummaan to’achuuf yaalaa turte.
Yeroo ammaa Raashiyaan iddoowwan irra jireessa Baahmuut kan harkaa qabdu yoo tahu, loltoonni Yukreen immoo gara lixaarra iddoowwan muraasa qabatanii jiru. Lolli jabaa iddoo kanatti taasifame gama lamaaniiniyyuu hiika guddaa kan qabu dha.
Qondaaloti Yukireen iddoo waraanaa kana loltoota Raashiyaa hamma danda’ame ittiin ajjeessuuf fayyadamaa jirra jedhan.
‘’Yaaliin Raashiyaa naannoo Donbaas kan Bahaamuut keessa jiru haleeluuf taasifte hin mikloofne,’’ jechuun dubbatan Kirbiin. ‘’Raashiyaan iddoo tarsiimaawaa jedhamu fi daangaa murteessaa tahe qabachuu hin dandeenye,’’ jedhan.
‘’Raashiyaan miidhama 100,000 ol keessummeessiteetti jennee tilmaamna kunis ajjeefamuu namoota 20,000 dabalata,’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka Kirbiin jedhaniitti, ‘’haleellaan Raashiyaan raawwachuuf yaalte lola ji’ootaan booda injifatamuu itti fideera, ‘’ jedhan.
‘’Gama Yukireeniin miidhamni meeqa akka jiru hin himnu sababiinsaas asitti isaan haleelamaa dha jiru, Raashiyaan weerara irra jirti,’’ jedhan.
Dhimma kana irratti BBC’n lakkoofsa miidhamtootaa kara Yukreen jiru mirkaneeffachuu hin dandeenye, Raashiyaanis dhimma kanarratti yaada hin kennine.
Raashiyaan yoo magaalattii kana guutummaan guutuutti to’atte naannoo Dooneesk qabachuun kaayyoo qabdutti ishee siqsa. Naannolee bahaa fi kibbaa afran Yukiren sagalee uummataan ofitti dabale jettu keessaa tokkoo yoo tahu, filannoo sobaan ofitti dabalte jedhamuun qeeqamti.
Baahmuut gatii tarsimaawoo jabaa hin qabdu tahus xiyyeeffannoo ajajoota waraanaan Raashiyaa taateetti jedhan Kirbiin.
Kaampaaniin Waagnar yakkamtoota waraanaaf fayyadamuun gocha namummaan gadi hojjechuun beekame shoora guddaa qaba.
Hogganaan kaampaanii kanaa Yevgeenii Piriigoozhiin loltuun dhuunfaasaa magaalattii akka qabatan gochuun maqaasaa balaaf saaxilaeera.
Humni waraanaa Raashiyaa meshaalee waraana hin dhiyeessuf taanan yeroo dhihoo asitti garuu Baahmuut keessaa akka bahu beeksisee ture.















