Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaa keessa sochiin saayikilii jabaate nama akka Biiniyaam Girmaay kan biraa horaa jiraa?
Milkiyaas Me'aakele ogeessa(piroofeeshinaala) biskileetii oofu fakkaatus dargaggeessa ganna 19ti. Ammoo shaampiyoonaa ta'uuf ofitti amanamummaa guutuu qaba.
Bara kana Aljeeriyaa keessatti dorgommii guyyaa tokkootiin injifannoo erga galmeessee booda, saayikilistiin lammii Eertiraa kun lammii biyyasaa dorgommii kanaan badhaasa isa guddaa injifate waliin walbira qabamaa jira.
Ragaaleen dorgommii Milkiyaas saayikilistiin Ertiraa Biniyaam Girmaay kan bara darbe Green jersey injifate umrii walfakkaatatti galmeessaeen walsima.
Kunis waayee gahumsa dargaggoo kanaa akka dubbatamu godheera.
''Namootni baayyeen Biiniyaam isa lammataa akkan ta'u natti himaniiru'' jechuun Milkiyaas BBC Sport'tti himeera.
''Kuni akkaa ol na gammachiisa, kaka'ums aguddaas natti hora.''
Ammoo imallisaa hanga ammaayyuu bu'aabahiin kan guutedha.
''Sodaan qaba ture, ofiis hin amanuun ture'' jedha.
''Gaariin jiramoo anis akka hiriyyootakoo warra kaani itti dhiisee biyyatti deebi'ee waraanatti makamu jedheen gaafadha ture.''
Asmaraatti deebi'uu caalaa cichoominnisaa amma bu'aa buuseefiira. Jalqaba ji'a kanaatti Bike Aid kontiraata waliin raawwateera.
Dhaabbatni Jarman kun Afrikaa keessaa atileetii waliin hojjetu yeroo mallatteesisu Milkiyaas nama 24, Ertiraa keessaa ammoo nama 11ffaadha.
Eertiraan biyya saayikiliidhaan maraattedha. Hamilee guddaa fi dandeettii hin tuqmne qabdi'' jedha leenjisaan garee Bike Aid Maatiyaas Shinaak.
Milkiyaas gara saayikilii idila addunyaatti dhufuun salpha amiti garuummoo akka gaariitti abdii irraa qabna'' jedha.
Saffisaa fi beela
Milkiyaas dargaggeessa dheeraa, qalbii qabuu fi of ibsuu danda'uudha. Amantaa Bike Aid irra kaahe injifannoon deebisuu kaayyeffateera.
Sana gochuu kan jalqabe dorgommii Tour of Mersin Turkitti gaggeeffame irratti yoo ta'u, marsaa xumuraa Wiixata darbe adeemsifameen sadarkaa sadaffaa argachuun ramaddii qabxiin ammoo 13ffaa bahuun xumureera.
Dorgommii kana irratti kan hirmaate lammiin Ertiraa kan biraan Metkel Iyyoob Milkiyaas ''dandeettii saffisaan xumuruu adda ta'e qabu'' ta'uu hime.
''Saffisnisaa ajaa'ibaa fi akkaataan itti saayikilii oofu sodaarraa bilisa ta'uun Afrikaarraa nama hegere waltajii addunyaarratti mul'atu ta'uu akeeka'' jedha Metkeel.
''Saffisa uumamaafi saayikilistii saffisaa addunyaa Ertiraarra bahe ta'uuf beela qaba'' jehcuunis hime.
Biiniyaam Girmaay saayililistii Afriukaa dorgommii isa guddicharratti maqaa horate ta'us saayikilistootni aardittii piroofeeshinaala ta'an lakkoofsaan baayyaachaa jiru.
Dorgommii Tour of Marsin irrtti warra dorgomuuf hiree argatan 171 keessa saayikilistootni 17 Afrikaa irraayi. Dorgommii dachee Awuroopaarratti saayikilistootni hangi kun hirmaatanii hin beekan.
Dhaabbatni tla oolaan saayikilistootaaf meeshaalee barbaachisan dhiyeesuun jajjabeessu Team Africa Rising jedhamu akka jedhutti saayikilistootni Afrikaa 150 ta'an bara kana keessaa hiree piroofeeshinaalummaa argachuuf jiru.
Kun wayita dorgommiin Shaampiyoonana Rood world UCIn qophaa'u gaggeeffamuuf ji'ootni shan hafanitti ta'uun oduu gaariidha. Dorgommiin kun Fulbaana dhuftu Ruwaandaatti yeroo jalqabaaf gaggeeffama.
''Lakkoofsa saayikilistoota Tour of Marsin irratti hirmaatan arguun erga bara 2007 dhaamaatiin goone bu'aa buusaa jiraachuu agarsiisaa'' jedhan hogganaan Team Africa Rising Kiimberlii Koots.
Barri kun ammoo gama saayikiliitiin Afrikaaf bara guddinaati jedhan.
Kiyyaa- saayikilistoota Afrikaa abdi qaban keessaa tokko
Saayikilistootni Afrikaa waggoota 10 dura dorgommiiwwan Awurooppaarratti wayita hirmaatan akka dhuunfaatti dorgomuuf dirqamu.
Amma garuu garee argatanii gareen dorgomuutti jiru. Akka alagaatti of ilaaluun isaaniis ooleera.
''Saayikilii yeroo ooftuufi dorgommii jajjabaa akkasiirratti yoo hirmaattu siifii warra si waliin dorgoman qofatu hangam cimaa ta'uu hubata'' jedhu Koots.
''Warra Awurooppaatiin wayita marfamtu, isaan waliin hariiroo uumuufi haasa'uun ulfaataadha.''
Warra si fakkaatan waliin dorgomuun dorgomiirratti sammuu namaa bilisa godha jedha.
Saayikilistiin Itoophiyaa Kiyyaa Rogoraa garee aardii Afrikaa X-Speed United jedhamuuf dorgoma.
Saayikilistoota Africa mul'achaa jiran keessaa akka fakkeenyaatti warra eeraman keessaati.
Olompiika bara 1980 irratti Itoophiyaa Saayikiliidhaan kan bakka bu'e Rogoraa Jemaal abbaa Kiyyaa kana amma ol-adeemoo Afrikaa keessaa tokko jedhameeti.
Kiyyaan dorgommii saayikilii Ethiopian Road Race Champion bara 2022 gaggeefamed irratti injifateera.
Itoophiyaa bakma bu'uun dorgommii Tour Du Rwanda irratti hirmateera.
''Ammayyuu barachuuttin jira, dorgommiiwwan Awurooppaa kunneen irratti hirmachuun ammoo karaa itti milkooftu'' jedha Kiyyaan yaada BBC kenneen.
Dargaggoon ganna 21 kun dorgommiiwwan Awurooppaa ''ciccimoofi morkii cimaan iddootti gaggeeffamu'' jedha.
Saayikilistoota Baha Afrikaa dorgommiiwwan jajjaboo kana gubbaatti arguun kaka'umsa akka uumuufis dubbateera.
''Ijoolleen baayyee wal birattui arguun namatti tola.''
Dhalootaaf kaka'umsa ta'uu
Saayikilistiin lammii Aljeeriyaa ganna 38 erga piroofeeshinaala jedhamee waggaa 14 guute Azeddiin Lagaab ammoo gareelee Afrikaa kibbaa fi Aljeeriyaaf fakkeenya ta'eera.
Saayikilistoota Afrikaa dinqisiifataman keessaa akka tokkotti kan fudhatamu Saayikilistiin kun akka fakkeenyaatti fudhatamee warri ol dhufoon kabaja yoo naa kennan boonatu natti dhagaahama jedha.
Dorgommii Idila addunyaa guddaa Ruwaandaan Fulbaana dhufu qopheessitu kun Saayikilistoota Afrikaa kaka'umsa guddaa ta'eera.
Afrikaan damee kanaa guddachaa jiraachuufis agarsiistuuwwan hedduun mul'ataniiru.