Sudaan Kibbaa baqattoota Itoophiyaa fi Eertiraa biyyasheetii arii’uuf

Maxxanfame

Sudaan Kibbaa namoota karaa seeraan ala biyya seenaniiru jetteen 20 kanneen irra caalaan isaanii lammiilee Itoophiyaa fi Ertiraa ta’an akka arii’attu beeksiifte.

Baqattoonni kunneenis to’annoo jala kan oolfaman guyyootaan dura buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Juubaa wayita qaqabaniitti yoo ta’u, Paaspoortii ta’e sanada imalaa osoo hin qabaatiin gara Sudaan Kibbaatti qajeelan jedhameera.

Baqattoonni kunneenis ka’umsa isaanii Magaalaa guddoo Sudaan Kaartuum kan taasifatan yoo ta’u, Sudaan Kibbaa kan seenan nageenya barbaachaaf jedhameera.

Kaartuum irraa ka’uun karaa Beentiiyutiin gara Jubaatti akkasumas karaa Kaaba Kibba Sudaanitiin Magaalaa Poloochiitiin balaliinsa biyya keessaa taasisuu isaanii Abbaan Taayitaa Imigreshinii Sudaan Kibbaa dubbateera.

Ittigaafatamaan Imigireshinii Ministeerra Dhimma Biyya keessaa Sudaan, Leetanaal Janaraal Atam Maarool Biyaar, namoonni kunneen karaa dhufaniitti akka deebiifaman dubbatan.

Baqattoonni kunneen to’annoo jala kan oolfaman waan sanada imalaa hin qabaanneef ykn dhaabbilee Sudaan Kibbaa keessa socha’an waliin quunnamtii omaatu waan hin qabneef jedhaniiru.

‘‘Imaltoota biyyoota garaa garaa irraa dhufaniifi kanneen sanada imalaa hin qabne simachuu keenaya itti fufu ni dandeenya. Sababii maaliif sanada imalaa hin qabaanneef waan hin beekneefuu biyya keenya balaarra buusa’’ jechuun gaazexaa biyya keessaa Z Dawun jedhan Leetanaar Janraal Biiyaareen eeruun kan gabaase.

Oduu wal qabateen ammoo Yugaandaan torbaniin dura baqattoota seeraan ala 186 to’annoo jala oolchuu beeksiiste turte.

Baqattoota kanneen keessaa shan lammiilee Itoophiyaa fi 116 ammoo Ertiraanoota akka ta’an to’ataan Immigireshinii Yugaandaa ibse.

Irra caalaan isaanii baqattoonni kunneen sanada imalaa akka hin qabnee kan himame yoo ta’u, muraasi isaanii ammoo viizaa ykn kan guyyaan heyyamni hojii jalaa dhume fi kan hojiin hayyamameefiin ala hojjataa turan akka ta’an himameera.

Baqattoonni kunneenis karaa seeraan alaatiin biyyattii keessa turusaaniitti addabiitu isaan eeggata jedhameera.

Baqattoonni kunneenis bakka turmaata lammiilee biyya alaa Kolooloo jedhamuufi dhaabbata Imigireeshiin addaa keessa akka turan kan taasifame yoo ta’u, hanga biyyaa bahanittis eeggataa akka jiran miidiyaaleen biyya keessaa gabaasan.

Sudaan Kibbaa biyyi qabeenya boba’aan badhaate tunis baqattoota hedduu Baha Afriikaa irraa garas dhaqan hedduu keessummeesiti.

Haata’u malee sababii daangaan ka’eefu imaltoota seeraan alaa to’achuun rakkoo itti ta’aa jira.