Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
TikTok maallaqa godaantoonni kadhatanii argatan irraa komishinii olaanaa funaanaa jira
Dhaabbanni TikTok galii baqattoonni dahoo Sooriyaa keessatti argaman kadhachuun argatan irraa parsantaa 70 akka fudhataa jiru BBC'n bira gahe.
Daa’immanni kennaawwan dijitaalaa gara maallaqaatti geedaraman argachuuf miidiyaalee hawaasaa irratti sa’aatii dheeraaf kallattiin kadhataa turu.
Baqattoonni kunneenis sa’aatiitti deeggarsa hanga doolaara 1,000 akka argatan BBC'n hubateera. Kan harka baqattootta galu garuu baayyee gad-aanaadha.
TikTok ‘‘kadhannaa’’ irratti tarkaanfii atattamaa akka fudhatu dubbateera.
Dhaabbatichi karaa kadhannaatiin maallaqa walitti qabuu akka hin heeyyamne ibsee, gaheen kennaawwan karaa dijitaalaatiin argatus parsantaa 70 gadi jedhulleen ifatti meeqa akka ta’e hin ibsne.
Jalqaba bara 2022 fayyadamtooni TikTokii kaampiiwwan baqattoota Sooriyaa keessaa karaa kallatiin dabarfamun guutamee ture.
Dahannoowwan Sooriyaa Baha lixa keessatti argaman faddaaloonni TikTokii haala kana mijeessan jiraachu BBC mirkaneeffateera.
Bilbiliwwan harkaa fi meeshaalee kanaaf gargaaran faddaalotaan baqattootaaf dhiyyeeffamu.
Fadaalooni gama isaanitiin, dhaabbilee Chaayinaa fi jidduugala bahaatti argamanii fi TikTok waliin quunnamtii qaban waliin hajjachuun baqattoonni TikTokiif akkaawuntii akka argatan taasisuu dubbatu.
Dhaabbileen kunneenis tamsaasa kallatii babbalisuufi fayyadamtoonni apppii irratti yeroo dheeraa akka dabarsan jajjabeessuun qaama tarsimoo TikTokiin sadarkaa addunyaatti eegaleeetti.
TikTokiin kan hojjatu ammo haala qabiyyee (algorism) kan caalaa beeksiisu lakkoofsa fayyadamtootaafi haala naannawa isaan keessa Jirani irratti hundaa’uun.
Kanaanis faddaloonni sim kaardii Ingliziitti fayyadamu akka filatan dubbatu. Lammiilee UK baayyee kennuu jaalatu jedhamas.
Monaa Ali Al-Kaariim fi ijoolleen dubaraa Jahan ishee maatiiwwan guyyaa guyaan TikTok irratti kallattiin tamsaasan keessaayi.
Bakka dahannoo keessa jiraatan irraa jechoota ingiliffaa muraasa beekan sa’aatiiwwaniif irra deebiin jedhu.
‘‘Maaloo mallattoo like cuqaasaa, qoodaa, maaloo kennaa kennaa’’ jechuun irra dedebiin dubbatu.
Abbaan warraashee tibba haleellaa qilleensaatti ajjeeffame. Karaa tamsaasa kallattiin fayyadamuun intalashee qaro-dhade Shaariifaan wallaansa baqaqsanii yaaluu akka argattuuf maallaqa walitti qaburratti argamti.
Kennaawwan gaafataa jiranis kan qabatamaan harka gala miti. Kanneen hordofan garuu maallaqa dhugaa galchuuf.
Appicha keessaa maallaqa calla baasuun ni danda’u.
Hordoftoonnis kennaa saantima muraasa baasisan daraaraadhaa kaasee hanga doolaara 500tti kan baasan kennaawwan bifa fakkiitiin kennuuf.
BBC’s akkaawuntiiwwan kallatiidhaan kaampiiwwan baqattoota Soriyaa keessaa darban 30 baatiiwwan shaniif hordofeera.
Haaluma raga karaa sirna kompitaraatti fayyadamuun argateettis, akkaawwuntiin tokkoon tokkoosaanii sa’aatitti keennaawwan dijitaalaa gara doolaara 1,000 baasan argachusaanii adda baaseera.
Maatiiwwan kaampicha keessatti argaman garuu kan argatan baayyee gadaanaa akka ta’e dubbatu. TikTok garuu keennaawwan kanneen irraa hanga amma argatu hin himne. BBCn maallaqichi eessa akka galu adda baasuuf yaalii taasiseera.
Gaazexessaan Sooriyaatti argamu tokkoos baqattootta buufaticha keessa jiraatan of fakkeessuun eejjansii TikTok waliin hidhata qabu tokkootti dhiyaata. Akkaawuntiin kennameefis tamsaasa kallattii eegala. Gaazexessaan Landaniitti argamu kan biraas kennaa TikTokii dooaara 106 baasuu ergeef.
Dhuma tamsaasa kallattii sanarratti kan hafe dooraala 33 qofa ture. TikTok keennaa sana keessaa parsanataa 69 fudhateera.