Muuziqaa dhaloota ce'een kan yaadatamu Muluqan Mallasa eenyu?

Muluqan Mallasa

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA

Maxxanfame

Muuziqaa ammayyaa Itoophiyaa keessatti weellistoota maqaan dhahamu keessa kan tahe, boodas sirba dhiisuun waggoota dheeraaf jireenya amantii keessatti kan dabarse Muluuqan Mallasa boqochuun dhagahameera.

Muluqan muuziqaa dhiisuun gara jireenya amantiitti deebi'uun booda biyyaa bahee Ameerikaa jiraachaa ture. Achittis waggaa 40f turuun boodadha boqochuunsaa kan dhagahame.

Muluqan Naannoo Amaaraa Goojjam aanaa Anadad ganda Daamaa Kidaanemihireet jedhamtu keessa bara 1946tti dhalate.

Bara 1958 haatisaa duunan gara Finfinnee kan dhaqe Muluqan dargaggeessa taheeti gara muuziqaa gale.

Maqaa eesumasaan kan waamamu Muluqan abbaansaa dhalootaa Taammir Xirunah akka jedhaman yeroo tokko yoo dubbatu, ''maqaa kana otoo hin geeddariin hafuun koo na gaabbisiisa,'' jedhee ture.

Muluqan du'a haadhasaan booda isa guddisuuf gara Finfinnee kan isa fidan eessumnisaa, baruullee barataa isaa irratti Muluqan Mallas jedhanii barreessuun booda isaaniin waamamuu akka itti fufe dubbateera.

Muluqan hojii muuziqaa kan jalqabe ''Naayit Kilabii Paatriis Lumuumbaa'' keessatti ture.

Muluqan muuziqaa jalqabuun dura weellisaa Xilaahuun Gassasa akka fakkeenyaatti akka ilaalaa tureefi isa akkeessuun akka sirbaa ture himeera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yeroo guutuu kennuun muuziqaa hojjechuu erga jalqabeen booda kilaboota sirbaa garagaraa keessatti hojjechuun booda miseensa Poolis Okeestiraa taheera.

Pooliis Okeestiraa yeroo turettis ''Imbuwaayi loomii mesloo'', ''Ye Zelaalem Inqilif'', Yaa lijinnat fi hojiiwwan biroo kaaniis gumaacheera.

Muluqan Poolis Okeestiraa keessa waggaa sadiif erga hojjeteen booda gara kilaboota halkaniitti deebi'ee weellisuu jalqabe.

Pooliis Okeestiraa booda hamma bara 1975ti baandiiwwan Ikuweetaris, Roohaa, Daahilaak, Itiyoo Istaar akkasumas Mulaatuu Astaaxqee faa waliin hojjeteera.

Hojiiwwaan isaa keessa kam caalchisee akka jaalatu yeroo gaafatametti, qixxee akka jaalatu himuun weedduu fi hojii muuziqaa adda kan jedhuunii garuu eeree ture.

Waggoota 17 muuziqaa keessa yeroo dabarsetti wallisaa Alamaayahu Isheeteefi Miniiliik Wassinaachew akka dinqisiifatu af-gaaffii tokkorratti dubbatee ture.

Isaaniin alatti Buzuneesh Baqqala, Hiruut Baqqala, Mahaammuud Ahimad fi Xilaahuun Gassasa akka dinqisiifatus dubbatee ture.

Muluqan Mallasa

Madda suuraa, SOCIAL MEDIA

Wallisaa tahee waggoota 17 erga dabarseen booda gara jireenya amantiitti deebi'uu himee ture.

Muluqan walleen yeroo dhumaaf hojjete ''Neyi neyi wedaajee'' kan jedhu tahuu waayilootisaa waa'ee yeroo dubbatanitti himanii turan.

Biyyaa erga bahee waggaa 40 kan dabarse Muluqan, biyya yaada taanaan yeroo gaafatametti,''...ani kanan yaadu Iyyeesuusiin qofa,'' jedhee ture.

Muluqan muuziqaa dhiiseee jireenya amantiitti erga galeen booda Ameerikaa bulchiinsa Varjiiniyaa keessa jiraachaa ture, gara Itoophiyaas deebi'ee hin beeku.

Jireenya amantiif guutummaa guutuu erga of kenneen boodas amantoota warra wangeelaaf faarfannaa garagaraa dhiyeesseera.

Artistiin kuni erga muuziqaa dhiisee waggaa 40tti siqus hojiinsaa bara ce'ee dhaloota garagaraa dhaggeefatamuu itti fufeera.

Dabalataan hojiiwwan isaa jaalala dhaloota booda dhufeen argataniin wallistoti baayyee hojiisaa irra deebiin hojjechuun dhaggeefataaf dhiyeessaniiru.

Muluqan Mallasan Kibxata 1, 2026 A.L.I boqochuunsa dhagahamuun booda miidiyaalee hawaasaa ijoo dubbii tahuun namoonni baayyeen yaadannoo muuziqaa isaa walii qabaniifi boqochuu isaatti gadduu ibsaa jiru.