Walitti bu'iinsa Gambeellaa 'namoota 130 ol galaafate'

Naannoo Gaambellaa keessa walitti bu'iinsa baatii hedduuf raawwaten caasaan mootummaas qooda qabaachuun himatama

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Gaambellaa keessa walitti bu'iinsa baatii hedduuf raawwaten caasaan mootummaas qooda qabaachuun himatama
Maxxanfame

Naannoo Gaambellaa kibba lixa Itoophiyaatti argamu keessatti ammallee walitti bu’iinsi waggaa darbe dhalate hin dhaabatiin akka jiru BBC’n odeeffate.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa walitti bu’iinsa naannicha keessa waggaa darbe eegalee mudataa tureen namoonni 138 ajjeefamuu ibseera.

Dabalataan namoonni 113 miidhaa salphaafi jabaaf saaxilamuu gabaasa haaraa baasen beeksiseera.

Lakkoofsi kuni godaantota ajjeefamanis ni dabalata. Ajjeechaanis bakkeewwan naannichaa garagaraatti raawwatame.

Kunneenis Aanaa Addaa Itaang, Aanaa Gambeellaafi Aanaa Guug akkasumas magaalaa guddoo naannitti dabalata.

Akka qorannoo komishinichaatti, ALI Caamsaa bara 2015 namni qoraan cabsuuf manaa bahan erga achumaan badan booda walitti bu’iinsi eegale.

Namni baduun immoo hawaasa gandoota Pinyuwaafi Leer gidduu walitti bu’iinsa kaase.

Boodas gara walitti bu’iinsa sabaati ce’ee Aanaa Addaa Itaangitti yoo xiqqaate namoonni 82 ajjeefamuu qorannoon komishinichaa ni ibsa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Walitti bu’iinsi kuni hanga ALI Amajjii bara 2016 illee itti fufuu ibseera.

Namoota 90 ol komishinichi dubbise keessaa namni ijaan argan tokko waan Aanaa Addaa Itaangitti Adoolessa ALI Bara 2015 keessa mudate akkanaan himu.

‘’Namoonni baay’ee ta’aniifi hidhatan namoota hedduu rasaasaan ajjeesanii, namoota hedduu madeessan.

‘’Namoonni shan haleellaa jalaa yeroo baqachuuf yaalan laga Baaroo keessa seenanii hafan. Kanneen haleellaan irratti baname keessaa daa’immaniifi dubartoonni jiru.’’

Baqattoonni naannicha keessa jiran dahoo keessa osoo jiraniifi alatti hidhattootaafi namootaan haleellaa irratti raawwaten yoo xiqqaate 27 ajjeefamaniiru.

Naannoo Gaambellaa keessa baqattoonni 380,000 ol ta’aniifi Sudaan Kibbaarraa baqatan keessatti argamu.

Komishinichi, Aanaa Googitti, buufata baqattoota Punidoo Tokko jedhamutti waan raawwate yoo ibsu akkana jedhe:

‘’Hidhattooti uffata humna addaa duraanii Gaambellaa uffatan dubartoota qoraan cabsuuf laga bu’an torbarratti haleellaa banan,’’ jedhe.

Naannoo Gambeellaa keessa buqqaatoti lammiilee Sudaan Kibbaa kuma dhibbaan lakkaa'aman dahataniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Naannoo Gambeellaa keessa buqqaatoti lammiilee Sudaan Kibbaa kuma dhibbaan lakkaa'aman dahataniiru

Dubartoota torba keessaa jaha yoo miliqan ‘’tokko qabatanii cubeedhaan waraananii ajjeesuu maatiin isheefi ragaa baatonni kaan ibsaniiru,’’ jedhe.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa qorannoo fuula 15 baasen walitti bu’iinsa naannicha keessa mudateen namoonni buqqa’u, qabeenyi manca’uufi saamichis raawwatuu ibse.

Walitti bu’iinsa kana keessa qaamoleen mootummaa harka akka keessaa qaban ibse.

Akka fakkeenyaattis, Aanaa Addaa Itaangitti qondaaloti mootummaa sadii harki keessaa qabu jedhaman to’annoo jala oolaniiru.

Akkasumas, bulchiinsa Saba Anyuwaatti qondaaloti walitti bu’insa keessa qooda qabaachuun shakkaman aangoorraa kaafamanii qoratamaa akka jiran odeeffachuus ibse.

Yaada mootummaaf dhiheesseen kanneen walitti bu’iinsa keessa kallattiin qooda fudhataniirratti qorannoo yakkaa taasisuun akka itti gaafatamummaa mirkaneessu gaafateera.

Naannichi caasaa nageenyaa isaa qorachuun ‘’loogiirraa bilisa kan ta’e’’ akka ijaarus gaafateera.

Kanneen walitti bu’iinsa kanaan miidhaman beenyaa akka argataniifi dhibdeen jiraattotaafi baqattoota gidduu mudate karaa waaraa itti furamu akka uumamu gaafateera.

Qabxiilee ijoo Waa'ee Gaambellaa

Saboonni akka Anyuwaak, Komoo, Mazhangar, Nuweer fi Oppoo jedhaman lammiilee Itoophiyaa kaan waliin Naannoo Gaambellaa keessa jiraatu.

Lakkoofsa ummataa kana dura taasifameen ummanni naannichaa miiliyoona tokkoo gadiidha.

Naannolee Itoophiyaa lakkoofsi ummata xiqqoo keessa jiraatu keessaa tokkodha.

Kana dura irra-deddeebiin haleellaawwan saba bu’uura godhatan naannichatti mudataniiru.

Akkasumas hidhattoota Sudaan Kibbaarraa seenaniin haleellaan darbe darbee ni raawwatama.

Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) jedhutti, naannichatti baqattonni Sudaan Kibbaa kuma dhibbaan lakkaa’aman keessa jiraatu.