Dubartiin aanga'aa mootummaa jalaa meshaa hatte mana toshituu kessatti to'atamte

Meeshaa hataman jedhamaniifi meeshaalee falfalaa

Madda suuraa, DCI KENYA

Maxxanfame

Dubartiin Keeniyaa mana qondaaltota mootummaa keessa yeroo hojjechaa turtetti maallaqa hatuun shakkamte, mana falfaltuu keessatti qabamte.

Poolisiin akka jedhutti shakkamtuun kun waayila ishee waliin ''mana toshituu beekkamtii qabutti, to'annoo jala ooluurraa baraaramuuf jecha eegumsa argachuuf deemte keessatti to’annoo jala oolte.''

Qorattoonni shakkamtuu kana kan argatan, gabatee dhiiga lukkuun guute keessa ciiftee utuu jirtuu akka ta’e Daayirektoreetiin Qorannoo Yakkaa (DCI) ibsa baaseen himeera.

“Yeroo qorattoonni achi ga’anitti, isaaniin ofirraa ittisuuf jecha toshituun umuriin jaaran kun kadhata falfalaa utuu addaan hin kutiin dubbachuu eegalani.

Shakkamtuun kun qorattoonni kun qilleensumarra akka badan eeguun ija ishee cufattee turtus, sun garuu qorattoota kana hojii isaanii xumuruu irraa hin dhorkine,” jedheera.

Dablataanis DCI suuraalee mi’oota toshituun kun fayyadamanidha jedhan fuula Tiwiitara isaa irratti maxxanseera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Hanni maallaqa shilingii miiliyoona 4 (doolara 33,700) fi faaya kun manneen qondaaltota mootummaa keessatti ji’a darbe kan raaawwate yoo ta’u, shakkamtuun kun eessa buuteen dhabame jedhamee ture.

Yakkamtoonni tajaajila toshituu barbaachuun yeroo isaanii gubuun, to’annoo jala oolfamuurraa akka isaan hin olchine poolisiin akeekkachiiseera.