Keeniyaatti fakkiin leencaa borsaarra jiru uummata ganda tokkoo akkaan sodaachise

Madda suuraa, Kenyan Wild Life Service
Keeniyaa kaawuntii Meeruu ganda Kinyaanaa jedhamu keessa uummatni jiraatu Roobii darbe leenci daggalaa muka abaaboo jala dahatee jedhanii sodaan raafaman, fakkii ta'ee argamee nama raaje.
Qotee bulaan leenca arge jedhan uummataan eeggadhaa jedhan. Aanga'oonnis eegdota bineensa bosonaa waamanii gaafatan.
Booda wanni leenca daggalaatii jedhamee uummata bir'achiise fakkii leencaa boorsaa yookaan miikkaa mi'a itti baatan irratti kaafame ta'ee argame.
Dubbiin kun miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoosaa guddoo ta'e.
Tajaajilli Bineensa Bosonaa Keeniyaa (KWS) ibsa gama Twiitaraan dhiyeenya baaseen, wanti jedhame waan biraa tahee argamus ''hawaassni rakkoo uumamu hambisuuf jecha dursee nuuf gabaasuu isaanitti galateeffanna,'' jedhe.
Aanga'aan naannichaa Saayiras Mbijiwee BBC'tti yoo himan qonnaan bultuun haadha qe'ee leenci keessa ciisa jedhamee torban darbe leenjii magaalaa Muraangaa jedhamu kan ganda kanarraa fageenya 140km irratti argamutti kenname tokko hordoftee yoo deebitu, boorsaa kanatti biqiltuu avokaadoo qabattee deebite jedhan.

Madda suuraa, Kenya Wild Life Service
Yeroo deebitus boorsaa biqiltuu kana baatu qabbana aduun hin miine jala kaahuuf jecha manaa fi abaaboo gidduu keesse.
Roobii darbe namni qotisa hojjetee galu horiif marga ciree yeroo deebi'u wanti gaaddisa sana jalatti arge leenca itti fakkaatee nama kaaniinis eeggadhaa jedhe.
Manni qotee bulaa kun paarkii biyyaalessaa Mount Kenya jedhamu irraa fageenya km tokko irratti argama.
Jiraattotni wanni ta'e maal akka ta'e ilaaluuf garas deemuufi hedduun itti siquu sodaatanii leenca ta'uu isaa amanuu aanga'aan naannichaa ni dubbatu. ''Anis dhaqeera wanna leenca fakkaatu san argee garuu shakkeen deebi'e,'' jedhan.
Booda uummatni naannoo bakka walitti qabametti haati qe'ee waamamanii waayee qabee (borsaa) biqiltuu Avokaadoo itti fidanii fi fakkii leencaa irra jiruu hubachiisanii hawaasicha boqochiisan.
Tajaajilli Bineensa Bosonaa Keeniyaa (KWS) dhimmichi gabaafamuu hordofee hojjettoota isaa naannichatti bobbaasuu himee, jiraattonni Meeruu bineensota bosonaa paarkii keessan jiran daawwachuun akka bashannanan ergaa dabarse.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X















