Morkii hiree Shaampiyoonsi Liigiif godhamu: Cheelsiimoo Niiwkaasil?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Piriimiyeer Liigiin Ingiliz morkiin torban 36ffaa har'aa fi bor yoo gaggeeffaman hirmaannaa Shaampiyoonis Ligii bara dhufuu mirkaneeffachuuf falmii godhamutu eegama.

Liiverpuul Shaampiyaanaa ta'uu erga mirkaneeffatee torban lama lakkoofsiseera. Dilbata boruu dirreessaa Anfiilditti Arsenaaliin keessummeessa.

Kiriis Saatan taphni kun 1-1 xumurama jedhee tilmaame.

Bara rakkisaa kan dabarse Maanchistar Siitiin torban lama dura Aston Viilaa injifachuu isaatiin hiree Shaampiyoonsi liigii bara dhufuu milkeeffachuuf karaa qajeelaa qabate.

Amma qabxii 64n sadaffaarra jira. Har'a dirreesaa malee imalee Saawuzhaamptanin morkata.

Saatan tapha kana Siitiin garaagartummaa goolii sadiin injifata jedhee tilmaameera.

Taphni biraan eegamu kan Nootingihaam Foorestiifi Leester Siitiiti. Foorest bara kana gahumsa ajaa'ibaan imalaa turus, booda kana guggufachuusaatiin hiree Shaampiyoonsi Liigii milkeessuurraa mucacaataa jira.

Qabxii 61n jahaaffaatti gadi bu'eera. Har'a Leesteriin mo'atee, Niiwkaasiliifi Chelsiin ammoo yoo qixxee bahan qabxii 64n isaan waliin qixxaatee, gooliidhaan caalamee achumma 6ffaarra tura.

Saatan tapha kana Foorest 2-0n injifata jedhee tilmaameera.

Taphni kan biraan isa Chelsiifi Niiwkaasiliin dirree Seent Jeems Paarkitti walitti fidudha.

Chelsiin torban darbe Liiverpuuliin 3-1n mo'ateera. Taphoota isa dura turan lamas injifateera.

Niiwkaasil ammoo garee dirreesaatti qormaata jabaa namatti ta'uudha. Sararri gidduusaa taphattoota jajjaboo qaba. Garee lamaan keessaa kan sarara gidduurratti olaantummaa fudhate morkii kana irra aanuu mala jedha Saatan.

Ammoo Aleeksaader Isaaq garaagartamuummaa uumuu danda'a jedhee tilmaame.

Bu'aa tapha kanaa tilmaamuun salphaa ta'uu baatus, Niiwkaasil 2-1n ni injifata tilmaama jedhu kenneera.

Maanchistar Yunaayitiid kan bara Piriimiyeer Liigii isa badaa jedhamu galmeessee amma sadarkaa 15ffaarra jiru Weestihaam waliin morkata. Saatan taphani kun 1-1 xumurama tilmama jedhu kenneera.