Bulchiinsi Baayidan Ministirri Ittisaa US hospitaala seenuu guyyaa sadi booda dhagahe

Madda suuraa, REUTERS
Bulchiinsi Baayidan Ministirri Ittisaa Oostiin Looyid guyyootaaf hospitaala akka turan odeeffannoo akka hin qabne Waayit Haawus ibse.
Qondaalli olaanaa Ameerikaa tokko miidiyaa Ameerikaa CBS jedhamutti akka himanitti, maanguddoon ganna 70 Oostiin Looyid; Wiixata darbe hospitaala Walter Reed seenan.
Sababa wal'aansa baqaqsanii yaaluu fi rakkoo fayyaa boodarra mudateen hospitaala seenanii akka turan taasifaman.
Haa ta’u malee, Waayit Haawus hanga Kamisaatti dhimma kana irratti odeeffannoo akka hin qabne ibseera.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa kun qaawwa odeeffannoo mudateef dhiifama gaafataniiru.
''Yeroo sana keessatti odeeffannoo sirrii ta'e ummataaf kennuufan ture. Wanti akkasii lammata hin mudatu,'' jedhan Oostiin.
Caasaa mootummaa Ameerikaa keessatti murtee dhimma biyyaa fi ajaja waraanaa kamiyyuu kennuudhaaf Pirezidantiitti aananii kan jiran Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa kanadha.
''Amma fooyyeen qaba. Yeroo dhiyootti Peentaagonitti nan deebi'a. Qaawwa odeeffannoo uumameef itti gaafatamummaa guutummaatti kan kooti,'' jedhan Oostiin.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dubbi himaan ministeera ittisaa AFP'tti akka himanitti, ministirichi Jimaata darbe hojiitti deebi'aniiru.
Ministirri kun hospitaala osoo jiranii itti aanaan isaanii Kaatlin Hiiks murtee meeqa akka murteessan hin beekamu.
Joo Baayidan Sambata kaleessaa bilbilaan Ministira Ittisaa Oostiin waliin sa'aatii dheeraaf dubbataniiru.
''Pireezidant Baayidan ministira kana irraa amantaa guddaa qabu. Yeroo dhiyootti gara Peentaagoon deebi'uun hojii isaanii akka jalqaban abdii qabu,'' jechuun AFPn gabaaseera.
Miseensonni Paartii Rippabilikaan dhimmichi waan salphaa miti jechuun qeeqaniiru.
Senaatar Tom katen qaawwi odeeffannoo uumame kun akka salphaatti ilaalamuu hin qabu jechuun falman.
Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa dhimma niwukilaraa dabalatee murteewwan gurguddoo irratti murtee isa dhumaa kennuuf itti gaafatamummaa qaba.
Ajajaa pirezidaantii fi raayyaa ittisa biyyaa jidduu jiruudha. Murtoon battalaa dhimma isaan ilaallatuudha. Odeeffannoon waa’ee dhukkuba isaanii akkamitti dhokata? jechun qeeqan.
Senaatar Roojar Wiikar, "Odeeffannoon kun dhugaa yoo ta'e namni tokko itti gaafatamee adabamuu qaba" jedhan.
''Gocha fudhatama hin qabnedha,'' jedhan.
"Yeroo waraanni U.S. Baha Giddu Galeessaa keessatti dammaqinaan jirutti, akkasumas yeroo U.S. itti gaafatamummaa waraanaa olaanaa Israa'elii fi Yukireen keessatti qabdutti, murtee murteessaan ijoo tokko dhukkubsatee odeeffannoon dhorkamuun isaa guutummaatti fudhatama hin qabu," jedhan senaatarri kun.












