Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kibbaa nama Kooriyaa Kaabaatii baqachuun dhaqan deetaa ministiraa gochuun muudde
Kooriyaan Kibbaa dippilomaatii Kooriyaa Kaabaa duraanii biyyaa baqachuun gara sana dhaqan Taayee Yoong-ho gorsaa dura taa'aa mana maree pirezidantii biyyattii gochuun muudde.
Namni kunis lammiilee Kooriyaa Kaabaatii baqachuun gara Kibbaa seenan kumaatama keessaa nama aangoo ministirummaa olaanaa argatan jalqabaa ta'aniiru.
Gaheessi waggaa 62 Taayeen bara 2016tti osoo gara Kooriyaa Kibbaatti hin baqatiin dura UKtti ambaasaaddara ittaanaa Kooriyaa Kaabaa ta'uun tajaajilaniiru.
Piiyoongi Yaang nama kanaan ''soobaadha'' jechuun kan tuffattee yoo ta'u, maallaqa biyyattii hatuufi yakkoota gara biraatiin akka barbaadaman ibsite.
Taayeen filannoo Kooriyaan Kibbaa bara 2020tti gaggeessiteen baqataa Kooriyaa Kaabaa filannoon teessuma yaa'ii biyyaaleessaa argatan ta'unsaa ni yaadatama.
Filannoo miseensoota mana maree Ebla darbe keessa gaggeeffameen, garuu yeroo lammaaffaf osoo hin filatamiin hafan. Ta'us pirezidantiin Kooriyaaq Kibbaa nama kana gulantaa deetaa minisitiiraatiin gorsaa gochuudhaan muuddatan.
''Qindoomina Dimookiraasii walabaa nageenya irratti buurreeffate hundeessuuf nama sirriidha. Biyya keessaafi biyya alaarraa deeggarsa akka argannuuf nu gargaaru'' jechuun ture waajirri pirezidantii Kamisa kalee ibsa kan baase.
Bara 1962tti Piiyoongiyaangitti kan dhalatan Taayeen umurii waggaa 27 isaaniitti ture kan waajjira dhimma alaatti makaman. Waggoota 30 tajaajilaa isaanitiinis mootummaa Kiim sadii tajaajilaniiru.
Namni kunis yaada kanaan dura kennameefiin ijoolleensaa Kooriyaa Kaabaa keessa bahan akka jireenya badaa hin jiraane akka hin barbaadne dubbatu.
Jibba mootummaa Kiim Juung-Un'f qaban irra deddebbiin kan ibsatan yoo ta'u, dimokiraasii Kooriyaa Kibbaa akka dinqiisiifatan himan.
Kitaaba yaaddannoo bara kana keessa maxxansiisan irratti aanga'oonni Kooriyaa Kaabaa baayyataniiru jechuun, maatii Kiim akka waaqa tolfamaatti waaqeessaa jiruu jechuun barreessan.
Erga Kooriyaa Kaabaatii baqachuun bahanii booda bulchiinsa Kiim dadhabsiisuuf, ''daandiiwwan hunma hin barbaachiisneetti'' fayyadamuun barbaachisaa ta'uu fi biyyoota lamaan jidduutti wal jijjirraa hidhamtootaa taasisuun akka ta'u qabu dubbatan.
Kooriyaa Kaabaafi Kibbaa jidduutti keessattuu baatiiwwan darban keessa muddamni kan cime yoo ta'u, See'uul Jibaata darbe holoola Kooriyaa Kaabaa irratti xiyyeeffate miidiyaan tamsaasuu eegalte.
Kunis kan ta'e erga afuuffeewwan kumaatamni balfaa baatan gara Kooriyaa Kibbaatti gadhiifamaniin boodadha.