Dhalattootni Raashiyaa magaalaa Keeherson gadhiisanii bahuu eegalan

Madda suuraa, EPA
Dhalattootni Raashiyaafi aanga'ootni mootummaa Raashiyaa walumatti kumootaan lakkaawwaman bulchiinsa Yukireen Raashiyaan ofitti maktee ture Keehrsoon keessaa bahuu eegalan.
Aanga'aan Raashiyaa naannoo sanaa Vilaadmiir Saaldoo haleellaa Yukireen naannichatti hammaaterraa kan ka'e uummatni akka bahu godhamaa jiraachuu ibsaniiru.
Uummatni kuma 50-60 ta'u haala qindaa'aa fi adeemsaan naannichaa akka bahu ibsaniiru. Yukireen gama isheen jiraattotni sochii uummata buqqisuu Raashiyaa kana akka booddeetti jedhee qe'ee isaa turu waamicha gochaa jirti. Ajajaan humna waraana Raashiyaa Yukireen keessa jiranii Jeneraal Sargee Surovikin haalli waraanaa magaala Kersoon “yaaddessaa” ta’uu irraa kan ka’e jiraattonni magaalattii gadi dhiisanii akka bahaniif ibsan
Jeneraal Sargeen akka jedhetti waraanni Yukireen misaa’ela Himars Ameerikaan kenniteef fayyadamuun bu’uraalee misooma fi manneen jireenyaa haleelaa jiru jechuun TV biyyolessaa Raashiyaatti hime.
“Waraanni Raashiyaa namoonni Kersoon keessa jiraatan akka achii bahan ni taasisa,” jechuun dabalee dubbate.
Gaggeessaa bulchiinsa Kersoon gochuun aanga’aan Raashiyaan muudde Kiriil Istrimosov “Yukireen yeroo dhiyootti magaalattii irratti haleellaa jalqabu” jechuun jiraattota akeekkachiise.
Kersoon magaalota akkuma Raashiyaan waraana eegalteen to’ataman keessaa tokko turte.
Torbanoota muraasa darbanii kaasee Yukireen mandaroota naannawa sana jiran deebistee Raashiyaa harkaa baafaa jirti. Naannoo laga Dinippirootti hanga 30km deemun waraanni Raashiyaa bahaa fi gala akka dhabu gochaa jirti.
Ammatti Raashiyaan Kersoon dabalatee naannolee afur akka daangaa isheetti ilaalaa jirti.
Miidhaa bu’uraalee misoomaa irra gahe
Jeneraal Sargee Surovikin akka jedhutti waraanni Yukireen haleellaa rookkeettii raawwatuun riqicha Antoniviski fi hidha humna ibsaa Kakhovka irratti miidhaa qaqqabsiisaniiru.
Kanarraa ka’uun tajaajilawwan bu’uuraa kanneen akka nyaataa, bishaani fi humna ibsaa dhiyeessun rakkisaa ta’uutu himame.
Akka ajajaan humna waraana Raashiyaa Yukireen keessatti argamuu kun jedhetti, waraanni Yukireen kallaattiiwwan heddu kanneen akka Kuppiyaanisk, karaa Bahaa Layiman irraan, Kibbaan Maayikolayiv irraan haleellaa raawwataa jiru.
Raashiyaan Kersoon keessaa namoonni akka bahan ni dirqisiifti taanan, akka seera UNtti yakka waraanati.

Madda suuraa, AFP
Parlaaman Raashiyaa gaafa Onkoloolessa 18, 2022 lammiilee Kersoon keessa jiraatan gara Raashiyaatti geessuf mariyatee ture. Itti aanaa Ministeera Muummee Raashiyaa kan ta’an Maarat Kusnulin akka jedhanitti lammiilee kanaaf Raashiyaa keessatti iddoo kamittuu manni kennameefii deegarsi maallaqaa ni godhamaaf.
Osoo waraanni hin eegalin dura magaala Kersoon keessa namoota 300,000 ta’antu jiraata ture. Anga’oonni Yukireen akka jedhanitti walakkaan isaanii magaalattii gadi dhiisanii baganiiru.
Jeneraal Sargee Surovikiin waraana Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessaa jiru akka hoogganuuf nama haaraa muudameedha. Maqaa masoo Armaageedon jedhamuun beekama.
Waraana Sooriyaa keessatti haleellawwan gara jabinaa heddu kan lammiilen heddu itti dhuman gaggeessun beekama. Chechniyaa keessattis waraana yakka mirgoota namoomaa heddu raawwate hoogganuun beekama.












