Yukireen akkamitti duula miidiyaa hawaasaan injifataa jirti?

Madda suuraa, AFP
Waraanni ji’oota saddeettitti dhiyaatuuf Yukireenitti gaggeeffamaa ture ammas hin furamne ykn hin qabbanoofne.
Yukireen humnoota Raashiyaa deebistee haleelu ittifufteetti. Humnoonni Raashiyaas iddoowwan kaanitti haleellaa raawwachuu hin dhifne.
Taatullee toora intarneetiirratti sagalee gama tokkootu sirnaan dhaga’ama.
Magaalaa guddoo Yukireenitti hojii bizinasii kan hojjattufi gartuu tola- ooltota miidiyaa hawaasa irratti duula gaggessanii kan gama Yukireen kan qindeessitu dubartii Olenaa jedhamti.
Olenaan yoo suuraalee, viidiyoon ykn barreeffamni bifa qoosaatiin dhaamsa dabarsan ykn ‘memes’ kan duulli ittiin gaggeeffamu ta’e, ‘’nuti injifachaa jirra’’ jette.
’’Yukireen sirumayyuu biyya meme'tti,’’ jette dubartiin kun.
Olenaan, maqaa sirrii dubartiin kun ittin waamamtu miti.
Hojiin isheen garee ishee Ministeera Ittisaa Yukireen waliin ta’uun raawwattu balaarra kan ishee buusu waan ta’eef maqaan ishee inni sirriin akka hin dha’amne gaafatte.
Gartuun Olenaa dhiitee- bariitu yeroo hundumaa hojjatu. Oduu haala qabatamaa Yukireen keessatti adeemaa jiru hordofuun viidiyoo hojjatu. Yeroo hedduu yeedaloo i waloo sirbaallee hojjachuun hordoftoota Ministeera Ittisaa Yukireen biyya keessaafi ala jiran biraan gahuu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkuma Pirezedantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin haala biyyattiin keessa jirtu paarlaamaa biyyoota biroof himanitti, gartuun Olenaa waliin hojjatan ciccimoon shan ta'an dhaamsa qaban addunyaaf dabarsuurratti xiyyaafataniiru.
Dhaamsa Waxabajjii darbe dabarsan keessaa tokko deggarsa waraanaa Biriteen Yukireeniif kenniteerratti kan xiyyafaatu ture.
Dhiyeenyatti ammoo Pirezentiin Firaans Imaanu’eel Maakiroon madfiiwwwan guddoo Caesar self-propelled guns’’ jedhaman Yukireeniif dhiyeessuuf murteessuu isaanii hordofuun viidiyoo galateeffannaa qopheessaniiru.
Olenaan, viidiyoon isheen baayyee jaallatu keessaa tokko Siwiidin tumsa Yukireenif goote kan galateeffatu ykn leellisu ture.
Siwiidin tumsaa maallaqaa Doolara Ameerika 20,000 baasu laawoncharii rookeetii dhukaasuun taankii Raashiyaa T-90 jedhaman Doolara Ameerikaa miliyoona 4.5 baasan burkuteessu Yukireen gargaarte.
Gartuuwwan kun Olenaa wajjin hojjatan hojii hojjataniirra kan ka’e Ministeerri Ittisaa Yukireen addunyaarratti hordoftoota miliyoona 1.5 horateef yeroo yerootti odeeffannoo kenna.
Viidiyoon Tiwitira gubbatti maxxanfaman kaan isaanii si’a miliyoona tokkoo ol ilaalamaniiru.
Viidiyoowwan halleellaawwan iccitii lafa Raashiyaan humnaan dhuunfatte-Kireemiyaatti raawwatame irratti xiyyeefatu hunda caala kan daawwatame yoo ta’u, gartuun kun viidiiyoon Hagayyaa darbe keessa gadhiise daawwattoota hanga miliyoona 2.2 horateera.
Viidiyoon sun lammilee Raashiyaa ayyaanaaf gara Kireemiyaa dhaqan qeeqa ture.
Olenaan akkas jette: "Kaayyoon keenya ijoon hordoftoota sadarkaa addunyaatti horanneetti Yukireen akka injfachuu dandeessu agarsiisuudha," jette.
"Sababni isaammoo qaama injifatamaa jiru qaamni deeggaru hin jiru waan ta’eef," jette.
Hordoftoota Raashiyaatti maal himu?
Viidiyoowwan hedduun gargaaramuun waraannii Raashiyaan injifatamanii gara duubatti deebi’aa jiraachuu mul’isan miidiyaalee hawaasarratti maxxanfamaniiru.
Gartuun kun yaalii gaggeessuun miidiyaa hawaasarratti waantota fudhatama qabaniifi fudhatama hin qabne bareera.
"Loltoota Raashiyaa ajjeefaman viidiyoon agarsiisuu jalqabnee turre," jette Olenaan.
Sana booda viidiyoon agarsiisuun akka hin fayyadne hubanne, "warra Raashiyaa akka nurratti tokkommeessu hubanne," jette.
Sana booda gartuun miidiyaa hawaasaarratti duula gaggeesu kun lammilee nagaa Yukireen ajjeefaman agarsiisuun qalbii loltoota Raashiyaa harkisuuf yaalle.
Haata'u malee, dhageetti osoo hin horatiin hafe. Sirumayyu akka itti boonan hubanne. Ajjeechaa sana hin balaaleffatan. Sana booda karaa kana caalaa fooyyee qabuun hojjachuu akka qabnu hubanne jette.
Amma tola-ooltonni miidiyaalee hawaasa itti dhiyeenyaan hordofu, iddoo tokkorratti xiyyeeffachuun hanqinoota jiran hordofu jette.
Fakkeenyaaf, yoo waa’ee Saratoov hojjatta ta’e, waa’ee Saratoovitti waan ta’aa jiru sirriitti beeku qabda jette Olenaan.
Dhiibbaan duulli miidyaa kun ammatti qabu shallagamee beekamu dhabullee Pirezedantiin Raashiyaa gartuu loltummaaf tibbana gurmeessuun hojii manee tola-oltoonni kunneen irratti hojjachuu danda’an hedduu isaaniif kenneefiif jira.
"Gurmaa’uu isaanii eegaa turre, duulli kun akka haamileesaanii cabsu ni beekan,"jette.
Kan isaanii[Raashiyaa] dhaamsi hedduun kan argamu Telegiraamii qofaarratti jette Olenaan.
OlenaanTelegiraamii"the Wild Wild West"jettee waamti.












