Mootummaan Itoophiyaa adeemsa marii TPLF waliin jalqabe akka itti fufu beeksise

Madda suuraa, HOPR/FB
Mootummaan Itoophiyaa nagaa buusuuf jecha TPLF waliin marii taasisu akka itti fufu Pireezidant Sahaalawarq Zawudee ibsan.
Har’a Fulbaana 30,2015, kora waliinii mana maree bakka bu’oota uummataafi federeshinii jalqabaa bara hojii waggaa lammaaffaa irratti pireezidantittiin haasaa taasisaniin dhimmoota bara kana mootummaan irratti xiyyeefatu yeroo ibsan kana dubbatan.
'‘Haala faayidaa biyyattii kabachiiseen,’’ akkasumas '‘akkaataa waaraa,’’ taheen marii TPLF waliin taasifamu akkatti fufu ibsaniiru.
Pireezidantittiin akka jedhanitti mootummaan marii itti fufu illee,’’karaan nagaa dhiisamee qoccollaan yoo raawwate tarkaanfiin ni fudhatama,’’ jechuunis ibsaniiru.
Dabaluunsi mootummaan haal-duree tokkoyyuu malee, marii’achuuf fedhii qabu ibsun,’’hulaan nagaa hin cufamu,’’ jechuun jala muraniiru.
Garaagarummaan kamiyyuu hiikuuf,’’ haal-duree tokko malee marii’achuuf ammallee mootummaan waamicha dhiyeessa,’’ jechuun pireezidantittiin dubbataniiru.
Waamicha marii Gamtaa Afrikaa torbee darbee hordofee mootummaan Itoophiyaa haal-duree iddoo fi yeroo kamittiyyuu marii taasisuuf qophii tahuu affeerraa marii nagaa fudhachuu beeksisee ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haala wal-fakkaataan TPLF illee jaarsummaa Gamtaa Afrikaan marii Afrikaa Kibbatti taasifama jedhamerratti hirmaachuuf qophii tahuu ibsee ture.
Haa tahu malee mariin sabattan darbe taasifama jedhame rakkoo loojistiksiin otoo hin adeemsifameen hafeera.
Pireezidant Sahaaliwarqeen bara kana biyyattiin waraana keessaa akka baatuuf fedhii akka qabdu eeranii, Gamtaan Afrikaa tattaaffii nagaa taasisu akka itti fufus abdiin akka jiru himaniiru,
Kana malee haasaa mana maree lameeniif taasisaniin, marii TPLF waliin taasifamuun dabalataan Komishinii Marii Biyyaalessaa garaagarummaa yaadaa akka biyyaatti jiru furuuf tattaaffii taasisu mootummaan akka deggaru ibsaniiru.
'‘Waraanni dhiiga dhangalaase hammeenya uumeefi marammartoo lolaa keessa bahuuf,’’ koomishinicha cina dhaabbachuun akka barbaachisu himaniiru.
Walgahii har’a sa’aa booda taasifameen, dhimma siyaasaa, hawaassummaa akkasumas diinagdee irratti karoora mootummaan qabate pireezidantittiin ibsamaniiru.
Manneen barnoota waraanaan manca’an, buufataaleen fayyaa akkasumas tajaajiloota biro deebisanii inaaruuf ALI bara 2014 hojiin akka jalqabameefi bara kanas akka ciminaan itti fufu himaniiru.
Waraanaan alatti sababa koronaavaayirasiii, lolaa fi goginsaan diinagdee biyyattii irratti dhiibbaa godhus bu’aan garuu akka gamaa’e pireezidantii biyyattii eeraniiru.
Bara darbee daldala al-ergii irraa galiin olaanaa jedhamu akka galmaa’e himuun galiin gibiraa harka 93.5 akka guddate akkasumas namoota miiliyoona 2.38 tahaniif carraan hojii akka uumame himaniiru.
Qonni diinagdee biyyatti keessatti harka 43 qabatee akka jiruuf, dameen tajaajilaa harka 32 irra akka jiru himaniiru.
Bara kana xiyyeeffannoon kennuun mootummaan waan fooyyeesuu barbaadu keessaa galii gibiraa fooyyeessuu, manca’insa qabeenyaa hir’isuu akkasumas baajata mootummaan dame hiyyummaa hir’isu irratti akka xiyyeefatu Saahaaleworq Zawudeen dubbataniiru.
Gama biraan sababa walitti bu’insaan kanneen buqqa’aniif deeggarsa gochuuf akkasumas kanneen tajaajila hawaasaa kennan deebisanii dhaabuuf faayinaansii walitti qabuu irratti mootummaan hojjechuu akka itti fufus eeraniiru.
Manneen barnootaa haaraa ijaaruu fi kanneen moofa’an haaromsuun akkasumas warra harka-qalleeyyii tahaniif mana ijaaruun tola ooltummaan lammiileen miiliyoona tokko ol akka deeggaraman ibsaniiru.
Gama diinagdeen qaala’insa gatii hawaasa qoraa jiru gabii kennuuf, oomisha nyaataa guddisuun, cancala daldalaa ammayyeessuun oomisha gara gabaatti geessuuniifi warren galii gadi-aanaa qabaniif deeggarsa gochuun akka hojjetamus ibsaniiru.
Bara 2014tti Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa aannisaa maddisisuu jalqabuun akka milkaa’inaatti kan dubbatan pireezidantiin kuni. Hidha kana yeroo qabametti xumuruun aannisaa maddisiisu Itoophiaan alatti biyyoota ollaaf gurguruuf karoorri akka jiru himan.
Mootummaan bara bajataa qabame kanaan biyyaatti invastimantiif filatamtuu gochuun akkasumas dame tuurizimii qabbanaa’ee jiru dadammqsuuf akka hojjetu himaniiru.
Uummata biratti komiin haqni keennamuu dhabuu akkasumas boodatti harkifachuurratti ka’u fooyyessuuf akka hojjetamu akkasumas hojimaata dhaabota biyyalessaa ifaa fi si’ataa gochuuf akka hojjetamus ibsaniiru.








