Barsiiftuu gara baadiyaa handaara haroo Woncii imaluun ijoolleef mana kitaabaa addatti hundeessite

Dhaabbati USAID jedhamu waggoota muraasa dura qorannoo gaggeesseen Itoophiyaa keessatti tokko sadaffaan barattoota kutaa lammaffaa fi barattoonni kutaa sadaffaa hedduun homaa dubbisuu akka hin dandeenye adda baasee ture.
Barattoonni dubbisuu fi barreessuun yoo booddeetti hafan barnootasaaniin bu’a qabeessa ta’uu hin danda'an, akkasumas dhaloota egereef lammii bu’uura ijaaru ta’uuf carraan qaban akkaan gadi aanaa ta’a.
Dandeettiiwwan bu’uuraa kunneen gabbifachuuf ammoo kitaabni ga’ee guddaa qaba.
Haata’u malee, Itoophiyaa keessatti kitaaba barataan alatti kitaaba dandeettii barattootaa umrii ijoollummaarraa kaasee gabbisaa deemu argachuun salphaa miti.
Kanarraa kan ka’e ijoolleen faayidaa kitaaba dubbisuun qabu osoo hin dhandhamiin hafu jechuudha.
Elsaabeex Dinquu namoota rakkoo kana hubatan keessaa tokko.
Gaazexeessituu, barsiistuu fi barreessituu kitaaba ijoollee kan taate Elsaabeex, rakkoo kana kaka’umsa mataasheen furuuf hojii eegaluu himte.
Dubartiin kun dhuunfaa isheetiin Lixa Oromiyaa Aanaa Wancii ganda Caboo keessatti ijoollee argamaniif carraa mana kitaabaa banteetti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keessattuu ijoolleen baadiyaa Itoophiyaa ''mana barumsaa deemuu fi waan barsiisaan barreesseef qofa garagaggalchanii dubbisuurra kan darbe homaa hin qaban,'' jetti.
Ijoolleen kunneen dandeettii dubbisuu isaanii akka gabbifataniif xiqqummaarraa yoo gargaaraman ''bu’aan qormaataa gaddisiisaa fi qaanessaan akka barana kanaa galmaa’uu dhiisuu danda’a,'' jetti.
Elsaabeex waggoota dheeraaf ijoollee barsiisaa turte, ijoolleen dandeettii dubbisuu qaban lakkoofsi isaanii baayyee hir’achaa akka dhufe hubachuu himte.
''Nuti gaazexeessitoonni waan barreeffama hunda dubbisaa turre. Gaazexaa manatti maxxanfames arginaan bira hin darbinu. Hunda dubbisaa turre. Amma garuu maatiin kitaaba bituurra bilbila tokko qofa bitanii ijoolleesaaniitti darbanii dhiisu. Kitaabaaf namni bakka kennu hin jiru.''
Wantoota sadarkaa fooyya’aarraan nama ga’an keessaa dandeettii dubbisuu gabbifachuun isa ijoodha kan jettu barsiistuun kun, maatiinillee gama kanaan ijoolleef fakkeenya ta’uu akka qaban dhaamti.
Ijoolleen yeroosaanii meeshaalee elektirooniksii kanneen akka bilbila, TV fi kaanirratti gubanirraa qusachuun kitaaba akka dubbisan gochuuf maatiin haga danda’an kitaaba bitanii mana kaa’uun ijoollee dubbisaaf jajjabeessuu qabu jetti.

Kun garuu maatii baadiyyaa jiruuf salphaa miti, kan isheen baadiyyaatti daa’immaniif mana kitaabaa mijeesuuf tattaafattuufis kanumaafi.
Manneen kitaabaa sadarkaa mana barumsaatti jiranii fi mana kitaabaa daa’immanii gidduu ammoo garaagarummaatu jira jetti Elsaabeex.
Kan mana barumsaa deeggarsa barnootaaf kan oolu yoo ta’u kan daa’immanii garuu jaalala dubbisuu fi barachuu daa’imman keessatti kan gabbisuudha jetti.
Kitaabota ijoollee reef dubbisuu eegalaniif daandii saaqu suuraan kan deeggaraman, seenaa, dur durii fi qabiyyeewwan sammuu daa’immaniif michuu ta’an kan dhiyeessuudha manni kitaabaa kun.
Maatiin Elsaabeex Oromiyaa Aanaa Wancii ollaa handaara haroo Wonciitti argamtu- Caboo keessatti dhalatanii guddatan.
Elsaabeex dhalattee kan guddatte magaalaa Finfinneetti ta’us yeroo hedduuf iddoo bu’uurashee ta’e kana daawwachuun, naannawa kana barattoonni qaxalee ta’an baayyinaan kan hin jirre ta’uu hubatte.
''ijoolleen durbaa yoo baayyate hanga kutaa 8 baratu, isa booda gara gaa’elaatti seenu, yookiin ammoo gara magaalaa deemanii hojjettuu manaa ta’u. Dhiironnis kutaa 12 osoo hin ga’in konkolaachisaa ta’uuf gara magaalaa seenu,'' jechuun haala naannawa kana jiru ibsiti.
Barsiiftuun kun mandara qe’ee maatiishee ta’e kana keessaa namni tokkollee yuuniversitii kan seene akka hin jirre wayita hubattu maal gochuu akka qabdu yaaduu eegalte.
Kanatu akkasheen mul’atashee yeroo dheeraa, mana kitaabaa daa’immanii hundeessuuf murteessitu ka’umsa ta’eef.
Galii argattuun kaayyoo kana milkeessuun itti ulfaatus mul’atashee galmaan ga’uurraa duubatti hin jenne, namoota na tumsu jettee yaaddu dubbisuu eegalte.
Abbootii qabeenyaa mandarri kun qabdurraa eegalte. Haata’u malee namoonni hedduu maal gochaa akka jirtu waan hin hubanneef, ''fiigichii fi dadhabbiin'' ishee kunis akkanumaan akka ta’e itti himan.
Elsaabeex dhabe jettee abdii kutattee, harka marattee hin teenye, yaada kana maatii fi firootashee biyya keessaa fi alaan mari’annaan gammachuun simatan.
Maatiinshee lafa qabanirraa gumaachaniif, kaan ammoo maallaqaan, kan hin dandeenye kitaabaa fi meeshaalee kaaniin tumsan.
Elsaabeex daa’imman akka onnatanii gara dubbisaa dhaqaniif jecha mana kitaabaa kana hawwataa gochuuf karoorsite. Kanaaf iddoo ijoolleen itti taphatanis achuma keessatti hundeessite.
''Barattoonni erga dubbisanii booda ba'anii taphatu. Kun ijoollee dubbisatti hawwateera,'' jetti.

Mana kitaabaa fi iddoon bashannana daa’immanii Caboo kun Adoolessa darbe hojii eegale.
Kitaaba daa’immanii kan jalqabaa Afaan Ingiliziin qophaa’e kan maxxansiise obboleessa ishee hangafaa Yishaaq Dinquu dhiheenya boqote, yaadannoosaaf jecha manni kitaabaa kun maqaasaan moggaafamee mandara sanaaf gumaachan.
Manni kitaabaa kun kutaalee lamaa fi dirree bashannanaa daa’immanii qaba.
Kitaabileen barnootaa Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa fi Afaan Ingiliiin barreeffamanis keessatti argamu.
Tajaajilli kun ganna keessa waan eegaleef ijoolleen hedduun mana kitaabaa kanatti argamaniiru.
Barumsi jalqabnaan lakkoofsi kun ni hir’isa jettee shakkaa turte, garuu ammallee ijoollee hedduun deemaa mana kitaabaa kanatti fayyadamaa jiraachuu himte Elsaabeex.
Barattoonni hojii maatii fi barnootasaaniin waan ko’oommataniif tajaajilli mana kitaabaa fi bashannana daa’immanii kun torbanitti guyyaa lama, Sambataa fi Dilbata, kennama.
Elsaabeex kitaabilee fi meeshaalee daa’imman ittiin bashannanan dabaluun tajaajila kana babal’isuuf karoora akka qabdu himte.
Hojii ollaa Cabootti eegalte gandoota baadiyyaa Itoophiyaa kaan keessattis babal’isuuf akka hojjettu himte.
"Kaayyoon koo ijoolleen kunneen faayidaa dubbisuu fi eessaan akka isaan ga’u akka beekan hubachiisuudha. Ijoollee barsiisuu jechuun biyya ijaaruudha jedheen amana.''












