Waancaan Afriikaa akka yeroo biraatti darbuuf murtaa'e

Waancaan Afrikaa bara dhufu gaggeeffama jedhamee ture akka achi siqu murtaa'uu isaa pirezidantiin Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Paatiriis Moseeppee beeksisan.
Dorgommiin Afrikaa Waancaa bara dhufu Waxabajjiifi Adooolessa keessa keessa Ayivorii Kost keessatti akka gaggeeffamuuf sagantaan bahee ture.
Haata'u malee, waqtuu sana keessa biyyattii keessatti roobni cimaan kan itti roobu waan ta'eef gara wagga itti aanuutti butameera.
Lammii Afrikaa Kibbaa kan ta'an pirezidaantiin CAF bakka dorgommiin Waancaa Afrkaa kan dubartootaa itti gaggeeffamaa jiru magaalaa guddoo Morokoo raabaat irraa ergaa dabarsaniin, "sababi haala qilleensaa [rooba cimaa] jiraachuu lamuun wanti gochuu dandeenyu hin jiru," jedhan.
Dorgommiin Waancaan Addunyaa kan bara 2022 akkuma kana sababa haala qilleensaa Qaataar keessa jiruun yeroo duraan gaggeeffamuun baramerraa jijjiirameera.
Waancaan Addunyaa kanaan dura ji'a Waxabajjiifi Adoolessa keessa kan gaggeeffamu yoo ta'u, kan bara 2022 garuu Sadaasaafi Mudde keessa magaalaa guddoo Qaataar, Dohaa keessatti gaggeeffama.
Ji'aoota Waxabajjiifi Adoolessa keessa ho'i Qaataar baayyee rakkisaa waan ta'eef gara Sadaasaafi Muddeetti butame.
Waancaa Afrikaa ammoo gara Sadaasaafi Muddetti as butanii gaggeessuuf yaadni jiraatus garuu sababa Waancaan Addunyaa ji'oota kana keessa qabameef achi akka siqu taasifameera.
kanaaf, Waancaan Afrikaa akkuma barana Kaameruunitti Waxabajjiifi Guraandhala keessa akka ta'u murtaa'eera.
Dorgommiin Waancaa Afrikaa wayita dorgommiin kilaboota Awurooppaa gaggeeffaman, jia'a Waxabajjiifi Guraannadha keessa waan tureef taphattoonni Waancaa Afrikaaf taphachuu deman gadhiisaa jedhamanii gaafatamaa turan.
Rakkoo kana hambisuudhaaf, Waancaan Afrikaa kun Amajjiifi Guraandhala keessa ta'uu irraa gara Waxabajjiifi Doolessaatti akka butamuuf bara 2017 keessa CAF murteessee ture.
Haata'u malee kun amma haala qilleensaa jiruun waan ta'u miti.
"Sababa kilaboota Awurooppaatiif Wxabajji waqtii dorgommii mijaawaa miti. Haata'u malee, ammatti filannoon qabdu kana qofa [Waxabajjiifi Guraandhalatti] deebisuu qofaadha," jedhan pirezidantiin CAF kun.












