Libanositti namichi baankiidhaa qarshii dirqisiisee fudhachuun 'goota' jedhame mana hidhaatii bilisaan bahe

Baasam al-Sheekii

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Manni murtii Libaanos namicha namicha torbee darbe baankii ugguruun maallaqa baankidhaa qabu baasifate akka gadi lakkifamu ajajee jira.

Baasam al-Sheeyiki Huseen qarshiin inni qabu baankitti waan jalaa uggurameef baasii hospitaalaa waan kaffalatu dhabnaan torbee darbe qawwee fudhatee baankii deemun humnaan doolara 35,000 baasifatee ture.

Sana booda poolisiitti harka kennate. Amma immoo manni baankichaa himata irratti bane waan addaan kuteef bilisaan akka bahu abbaan murtii ajaja dabarseera.

Rakkoo diinagdee Libaanos mudateen biyyattiin hanga qarshii baankidhaa baasun dana'amuu murteessitee turte. Kuni ammoo lammiilen biyyattii qarshii baankidhaa baafachuu dadhaban baay'ee aarse.

Baasam al-Sheeyiki qawwee isaa fudhatee baankii deemee dirqisiisee qarshii isaa akka baasaniif gaafate. Gochaa isaa kanatti lammiilen biyyattii heddu gammaduun "ati goota" jedhanii isa faarsan.

Bara 2019 irraa kaastee Libaanos hanga qarshii baankiidhaa baasamuu murteessuu eegalte.

Biyyaattin yeroo ammaa kufaatii diinagdee hamaa fi yeroo dheeraf ture keessa seentee jirti. Kanarraa kan ka'e lammiilen Libaanos 80% hiyyummaa keessa jiraatu. Nyaata fi qoricha bitachuun uummata biyyattiitti ciniinsuu ta'eera.

Baasam al-Sheekii yeroo baankii ugguru

Madda suuraa, Reuters

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ejansiin Oduu Biyyattii akka gabaasetti Huseen bilisaan akka bahuuf abbaan alangaa Gaasan Kawoorii ajaja dabarseera. Manni murtii ajaja kana kan dabarse bakka buutonni Baankii Federaalaa himannaa addaan kutuu mana murtichaaf erga beeksisanii booda.

Haa ta'u garuu dhimmi Huseen, namicha humnaan qarshii isaa baankii baafatee, kun abbaan alangaa qorataa yakkaa qabachuun yeroo kamittuu qorannoof banaa ta'uu akka danda'u manni murtichaa beeksise.

"Amma maatii isaa wajjin taa'a, yaaddoo homaatuu hin qabu. Himanni homtiyyuu isa irra hin jiru, amma bilisa, jechuun obboleessi isaa Axiif Rooyitarsitti hime.

Hagayya 12 Baasam al-Sheeyiki Huseen qarshii baankidhaa qabu baafachuu waan hin dandeenyef qawwee qabatee baankii deemun hojjattoonni baankichaa akka qarshii isaa baasaniif dirqisiisun doolara 210,000 qabu keessaa doolaara 35,000 baafate.

Yerooo inni kana godhu namoonni baankin alati walitti qabamanii turani ‘ati goota’ jechuun isa jajaa turan.