Beeruutiitti namtichi qawween dirqisiisee maallaqa baankii fudhate goota jedhame

Madda suuraa, Reuters
Namtichi Beeruutti qawwee hidhate baankii seenun maallaqa qusate fudhachuu waan hin dandeenyef akka maallaqa qusate isaaf kennaniif hojjattoota baankii sa’aatii jahaaf dirqisiise goota jedhame.
Liibaanoon haala diinagdee rakkiisaa keessa galuushee hordofee baankiiwwan hanga maallaqa maamilonni baafachuu danda’an irratti seera cimaa kaa’un daangeessite.
Namtichi kunis meeshaa waraanaa qabatee baankiicha keessa erga seenee booda boba’aa gadi naquun maallaqni kanfaltii hospitaalaa akka kennamuuf humnaan gaafachu maddi oduu AFP gabaaseera.
Namntichi kunis miidhaa tokko malee sa’aatii jahaan booda maallaqa barbaadee kennamuufiin gabaafameera.
Namni maqaansaa hin eeramiin kunis wanti inni raawwate ummata biratti dinqisifannaa argateera. Namoonni baankin alati walitti qabamanii turaniis ‘ati goota’ jechuun isa jajan.
Obboleessi nama kanaa gaazexessitootatti akka dubbateetti, ‘‘Obbooleessi kiyyaa baankii keessaa doolaara kuma 210 qaba. Baasii hospitaalaa kanfalachuuf doolaara 5,500 barbaadee ture,’’ jedhe.
Obbooleessafi abbaan nama kanaa baankiicha ala turanis ‘‘namni hunduu gochuu kan qabu kanuma. Maallaqa kan saanii ta’e argachu qabu’’ jedhan.
Miseensi maatii namticha kanaa hospitaalaatti akka argamuufi maallaqichis baayyee isaan barbaachisee akka ture Buufanni TV LBC jedhamu gabaaseera.
Buufatichi itti dabaluunis baankichi nama humnaan gara baankichaa cabsee seene waliin erga mari’atameen booda qusannaa isaa keessaa doollaarri kumi 35 kennamuufii gabaaseera.
Poolisiinis namtichaafi hojjattoota baankiichaa uggura jala turan fudhee kan bahee yoo ta’u, namticha irratti himannaa haa banamu haa dhiisuu hanga ammaatti kan barame hin jiru.
Rakkoo diinagdee bara 2019'tti Liibaanoos mudate dandamachuuf ni dandeessiisa wantoota jettee keessaa tokkoo hanga maallaqa namoonni baankii qaban irra daangaa kaa’uu ture.
Kanaan alattis maallaqa biyya alaatii ergamu irrattis daangaa kessee jirti. Haaata’u malee tarkaanfiiwwan kunnen hundi mormii olaanaatu mudataa jira.
Rakkoon diinagdee Liibaanoon keessatti mudateen gatii maallaqa biyyattii parsantaa 90 oliin akka dhabu taasiseera.












