Maatiin ‘booji’amtoota Ertiraa’ TV Tigraay irratti dhiyeeffamanii gaaffii kaasan

Loltoota Eertiraa TPLF Booji'ee himate

Madda suuraa, Tigray TV

Maxxanfame

Maatiin hidhamtoota Ertiraa lama kanneen TV Tigraay irratti dhiyeeffamanii, himannaa waraana Naannoo Tigraayitti gaggeefameen wal qabatee sarbama mirga namomaa keessatti hirmaachuun irratti dhiyaate ni morman.

Erga odeessichi Tigraay TV kan humnoota Tigraay, (TPLF)n, hogganamu irratti dhiyaateen boodas miidiyaa hawaasaa irratti ijoo dubbii ta’ee ture.

Gabaasni Caamsaa 30 dhiyaatee ture booji’amtoonni afur Lixa Tigraay dhiheenya Addi Aw’alaa jedhamutti to’atamu hime.

‘‘Caamsaa 24 irratti, humnootiin Ertiraa birgeediiwwan lama kan kutaa ajajaaa 57ffaa fi kutaa 21ffaa baataliyoon tokkoo, Lixa Tigraay keessa dhiheenya Adii Aw’alaa, Gezaa Gilee keessatti humnootii Tigraay irratti haleellaa raawwatan,’’ jedha gabaasni TV sun.

Dhaabbatichi dhiirota afur akka loltoota Ertiraatti dhiyeessees: Samara Gabrahiyoot, Gabruu Alaazaar, Omar Osmaan fi Yibeyoo Kaflaay yoo ta’an, isaanis lammiilee Itoophiyaa irratti ajjeechaa fi gudeeddii akka raawwatan osoo dubbatanii dhagahamu.

Maatiin namoota TV irratti dhiyaatan lamaanii gaaffiifi deebii BBC Tigrinyaa waliin taasisaniin, waan jarri TV gubbaatti dhugaa bahan hin fudhatan.

‘‘Samaran miidhama qaba. Daa’imummaa isaatii qabee rakkina sammuu qaba. Haalli fayyaa isaa wal jalaan badaa adeemunis dhibee gaggabdoon rakkataa ture. Qorichaan malee waan bayyee hojjachu hin danda’u,’’ jedhuun  obboleessi isaa qixusuun Heeruuy Gabrahiwoot BBC tti hime.

Obbooleessi Samara kan biraa, Kifloom Gabrahiyoot gamasaatiin, sanada tajaajila waraana Biyyaaleessaatiif filatamuuf gahuumsa fayyaa akka hin qabne mul’isu BBC’tti erge. Kifloom akka jedhetti, maatiin isaanii Ertiraa keessa ollaa Shashabit jedhamtuufi dhiheenya daangaa Tigraay jiraatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

BBCnis bakka bu’aa Waldaa Biyyaaleessa Dhukkubsattoota Sammuu, Gaash Baarkaa dubbsee, Samaran erga Amajjii kaasee miseensa waldichaa ta’uu mirkaneessan.

‘‘Tibba gannaa… hidhi xiqqoon ollaa Sheeshebit keessa ni goga. Namoonni loon bishaan hobaasuuf laga bu’u. Ebla 8, 2022 irratti ammoo Samara Gabrahiyooti, Gabruu Alaazaar, Isaayaas Mihirata’aab fi Haabtoom, hundu jiraattoota Shesheebit kan ta’n loon isaanii waliin laga bu’na,’’ jedhan.

Qondaaltoonni tikaa Tigraay jaha jarreen kanneen dura dhaabbachuun sadan isaanii yoo ta’atan to’atan tokko ammoo jalaa akka miliqe dubbbata Kifloom. 

Tamsaasa TV Tigraay keessatti, Samaran namoota nagaa 41 ajjeessuufi dubartootaafi shamarran 35 ol gudeeduu dubbate.

Kifloom garuu dhugaa baatii sana hin fudhatu.

‘‘Samaraan jechaa kan jiruu… irra deddeebii’uun, akka sodaate natti agarsiisa. Ani waanan amalaafi haala fayyaa isaa beekufii,’’ jechuun BBCtti hime Kifloom.

Gabruu Alaazaan namoota nagaa fi hidhamtoota waraanaa yo xiqqaate 10 dhukaasee akka ajjeese TV Tigraay irratti osoo dubbatuu dhagahama.    

Eessumni Gabruu, Gabramaariyaam Maarqoos kan maatin Jarman jiraatan ammoo Gabruun bara 1993tti Sheshebitiitti dhalachu himu. Gabruun sababii rakkoo maatitiinTajaajila Biyyaaleessaa keessatti hirmaachu irraa bilisa ta’es jedhan.

‘‘Gabruun maatii isaa gargaaraa ture. Sababii itti gaafatamummaa sanaatiif ture akka Tajaajila Biyyaaleessaa hin seeneef dhiifamni kan taasifameef. Innis loon tiksuun maatii isaa deeggaraa ture,’’ jedha Gabramaariyaam yoo BBCtti himu.

‘‘Guyyaa Samaraa fi Gabruun TV gubbaatti agarsiifamanii kaasees, ollaan maatiwwan isaanii jajjabeessaa jiru,’’ jedha Gabramaariyaam.

Gaafa Caamsaa 30 Tigraay TVn akka gabaaseetti, Samara, Gabruu, Omar Osmaan fi Yibeyoo Kiflaay tibba walitti bu’iinsa dhiheenya Addi Aw’alaatti umamee akka to’ataman himee ture.

Dhimma firoonni namoota kanneennii jedhan kanarratti deebii argachuuf TV Tigraayiifi hidhattoota naannichaaf  gaaffii dhiyeessinuuf illee hanga yoonaatti deebii hin arganne.

Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaatti loltootni Eertiraa gara daangaa Itoophiyaa seenuun waarana irratti hirmaataniiru jedhamuun himatamaa turan.