Dubartiin ‘tolshituutti’ fayyadamun hadhashee jalaa dolaara mil. 140 hatte poolisiin qabamte

Maxxanfame

Dubartiin biyya Biraazil jiraattu tokko ‘beekaa ykn tolshituutti’ (psychic) fayyadamun haadha ishee karaa hojiiwwan aartii, maallaqa calla fi fayaatiin doolaara miiliyoona 140 ol waliin dhahuu poolisiin beekiise.

Dubartiin gochaan kun irratti raawwatame kunis kan abbaan warraa irraa du’eefi lammiilee Biraazil adda durummaan hojiiwwan aartii walitti qabuun beekaman keessaa tokko jedhame.

Intalli ishee kunis hojiiwwan aartii akka waan abaaramanii fakkeessun hojii tolshituutti fayyadamuun hojiiwwan aartii ishee jalaa hataa akka turte himatamte.

Fakkiin aartiistii Biiraazil keessatti beekamaa ta'e tokkoos siree jalatti dhokfamee argamutuu gabaafame.

Poolisiin Riiyoo Deejeneeroo akkasumas miidiyaaleen biyya keessaa akka gabasaniitti, intalli dubartii kanaa hanna kan eegalte bara 2020 irraa kaaseti.

Kana malees haati gochaan shaamichaa irratti raawwatame kun intalli ishee dhukkubsachuufi wallansa isheetiif akka kanfaltuuf nama beekaa ykn tolchituu ta’ee itti himamee akka tures himameera.

Baatiiwwan itti aananitti ammoo intalli ishee fi namni beekaa jedhame sun afuura hamaa fakkiiwwan kanneen irratti argamu ari’uuf irratti kadhatamu qabaata jechuun hojiiwwan aartii mana keessa jiran fudhachu akka eegalan poolisiin dubbate.

Karoorri waliin dhahuu kunis namoota heddu hirmaachisuu isaa poolisiin qorannoodhaan bira gahuu dubbate.

Intallii fi shakkamtoonni gara biraa haadha kana baatiiwwaniif mana keessa tursiisuun badii irraan gahaniiru jedhe pololisiin ibsa isaatin.

Hojiiwwan aartistoota bebbeekamoo Biraaziin dabalatee, ‘‘fakkiiwwan 16 fudhataniiru’’ jechuun ture itti gafatamaan poolisii Giilbeertoo Riibeeroo Rooyitarsiitti kan dubbatan.

Aartistii fakkii kaastuufi modeelisti beekamtuun Biraaziil Taarsiilaa do Amaaraal jedhamtu jalaas hojiiwwan sadii kan doolaara miiliyoona 137.69 baasan hatuu poolisiin beeksiise.

Hojiiwwan kanneen keessaa tokko Sol Poente jedamuun kan beekamus siree shakkamaa tokkoo jalatti argamu miidiyaaleen biyya keessaa ibsaniiru. Fakkiiwwan kaan ammoo gaalariiwwan fakkii gara biraatti gurguramaniiru jedhame.

Yakka waggootaaf raawwatame kanaanis poolisiin shakkamtoota torba to’annoo jala olchuun, yakkawwan hannaa, saamicha, hidhaa sobaa fi yakka waliin ta’u irratti himannaa akka irratti banu Rooyitarsi gabaaseera.