Hoggansi olaanaan Paartii Baayitonaa Obbo Kibroom Barhe hidhamuun dhagahame

Obbo Kibroom Bariha

Madda suuraa, KIBROM/FB

Maxxanfame

Itti gaafatamaan dhimmoota siyaasaa paartii Baayitoonaa jedhamuun beekamu Obbo Kibroom Barhe Magaalaa Finfinneetti humnootii nageenyaatiin to'atamuun dhagahame.

Paartilee siyaasaa mormituu Tigraay keessa socho'an keessaa tokko kan ta'e hoggansi Paartii Baayitoonaa Obbo Kibroom dhiheenyatti kitaaba waraana Tigraay irratti xiyyeeffatuuf mata dureensaa 'Mitsiwaati' jedhu barreessuun dhiyeessee ture.

Obbo Kibroom guyyaa Dilbataa galgala Magaalaa Finfineetti hunoota nageenyaatiin to'atamuu isaa BBCtti kan himan paartichatti ittigaafatamaa To'annoo Komishiinii dhaabichaa kan ta'an Obbo Yooseef Haayilasillaaseeti.

Obbo Yooseef galgala keessaa naannoo sa'aatii tokkoo hanga sa'aatii lamaa jiruutti namoonni uffata siviilii uffatan jalqaba haadha warraa Obbo Kibroom to'achuu dubbatan.

''Abbaa warraa kee fidi jedhanii gaafataniin, Isaan boodas inni achi dhaqnaan to'annaa jala oolchaniin,'' jedhan.

Labsii yeroo muddamaa tibba waraanni kaaba biyyatti cimuun humnootiin Tigraay gara naannoolee Affaariifi Amaaraa seenaniitti labsamee ture hordofuun, Obbo Kibroom to'atamuun naannoo Affaar keessatti baatiiwwaniif hidhaarra akka ture himameera.

Obboo Kibroom osoo to'annoo poolisii jala hin oolfamiin dura bilbilli itti bilbilamuun haatii warraa isaa to'atamuufi innis poolisiin barbaadamaa jiraachuun itti himamee akka ture kan dubbatan Obboo Yooseef, Obboo Kibroom yeroo ammaa kanatti mana hidhaa kutaa magaalaa Qaaliittii argame keessatti akka aragman dabaluun himaniiru.

Haati warraa Obbo Kibroom inni to'annoo jala oolfannaan hidhaarra gadhiifamuu ishee kan himan Obbo Yooseef, Ittigaafatamaan dhimmoota Alaa Baayitoonaa Obbo Kibroom Barha maaliif akka hidhaman omaa akka hin beekneefi mana murtiittiis akka hin dhiyeeffannee dubbataniiru.

Hidhamu Obbo Kibroom ilaalchisuun odeeffannoo dabalataa argachuuf BBC poolisiin Magaalaa Finfinneetti bilbilu illeen yaaliin taasisee hin milkoofneef.

Yeroo dhiyoodhaan as duula motummaan seera kabachiisuu jedheetiin Magaalaa Finfinnee, naannoolee Oromiyaa fi Amaaraa keessatti gaazeexxeessitoota dabalatee namoonni hedduun humnootiin nageenyaatii to'annaa jala olafamunsaanii ni yaadatama.