Jaalalleewwan adda bahanii mana tokko keessa waliin jiraachuuf dirqaman

Maxxanfame

Jaalaleewwan lamaan erga wal hiikanii ykn adda bahani booda addaan galu. Muraasni ammoo jaalallee isaanii hiikan waliin jiraaachuuf dirqamu.

Chantal Takar, jaalallee ishee ganna dheeraaf waliin jiraatte wajjiin wal hiiknaan, battaluma sana iddoo haaraa itti galtu barbaaddachuutti kaate.

Takar dubartiin ganna 37 jaalallee ishee wajjiin mana jireenyaa magaalaa Landan waggaa shanan kana bitatanii turan. 

Jaalallee ishee durii fi amma hiikte kun appaartamaa waliin bitatan kana guutummaatti bitee oolfata jettee abdatti ture.

Haata’u malee, weerarri koronaa dhufnaan waanti yaadde otoo hin milkaa’in hafe.

''Amma haalli weerarri Covid darbutti mana sana keessa turuun akka wayyu irratti walii galleerra,’’ jette Takar.

Isheen appaartaamaa waliin qaban keessa turte.

Abbaa warraa isheen hiiktemmoo wayita weerara dhibeetiif uggurri sochii labsame maatii isaa bira ture.

Ji’oota jaha booda uggurri sochii kaafamnaan murtoo hin baramne murteessan. Wal hiikanii waliin jiraachuu itti fufudhaaf murteeffatan.

''Kana booda maallaqan ittiin mana deebi’e bitu akkan hin arganne beeke. Magaalaa Landan keessa mana kireeffadhee jiraachutti hin gammadu,’’ jette.

''Jaallallee koo durii waliin erga xiqqoo haasofne booda adeemsa keessa deebi’e dhufe,’’ jette.

Yeroo sanarraa kaasee Takar fi jaalalleen ishee duraanii waliin mana tokko keessa jiraatu. Garuu siree adda addaarra rafu.

Dhiyeenya kana adurreewwan isaan waliin jiraatan argataniiru.

Murtoon isaanii kan hin baratamne ta’ullee isaan qofa miti kan akkanatti jiraatu.

Qorannoon dhaabbanni Zoopla jedhamu gaggeesseen namoonni 500 hiriyaa isaanii waliin appartimentii erga bitatan booda wal hiikan harka sadii keessaa tokko hiriyaa wal hiikan wajjin jiraachuu itti fufu.

Abbaa warraa fi haadha warraa wal hiikan saddeet keessa tokko siree tokkorra waliin ciisu.

Namootni akka Takariif muraasni otoo wal hin qoccoliin waliin jiraatan akkuma jiran, abbaa warraa fi haatii warraan wal hiikanii waliin jiraan keessaa % 95 qabbana buusanii waliin jireenya itti fufuuf ni rakkatu.

Warra haala kanaan waliin jiraatan keessaa sirumayyuu %22 kanneen ta’an  haala kanaan waliin jiraachuun garmalee na madeessa ykn na aarsa jedhu.

UK keessatti haalli jiruu qaala’uu, dhalli baankii ol guddachuu, gabaan manneen jireenyaa gurguruuf bituu qorruun abbaa warraa fi haati warraan wal hiikaan haala akkasii keessatti danqamanii akka waliin jiraatan taasisera.

Ogeeyyiin dhimma kana sirnaan beekan akka himanitti, haalli kun sichi caalatti hammaata adeema.

Warri walii hiikani mana waltti qaban erga wal hiikanii booda giddu galeessaan waggaa 1.3’f waliin turu.

Warra wal hiikanii baasii baqachuu wal mararsiifatan

Takar jaalallee ishee duriin waliin turuuf kan murteessite irra caalatti maallaqaaf jechadha.

Abbaa warraa caalaa galiin ishee baay'ee xiqqaa akka ta’e himteetti Takar.

Akkasuma gatii kiraa manaa garmalee qaaliidha, liqaa isheen deebistee ofirraa kaffalaa jirtu wajjiin wayita wal bira madaalamu.

Dhaabbata maallaqa liqii mijeessuu fi Landan keessa maadheffate kan hojjatu Mark Paatanshetti, maamilota gorsaaf nu bira dhufanirratti dhibbaan gama maallaqaa wal hiikuun hordofsiisu guddataa jira jedhe.

''Yoo addaan bahaani jiraatan qaala’insa jireenya isaan mudaturraa kan ka’e abbaa warraa fi haadha warraa walii hikanii waliin jiraatan dabalaa jiru,’’ jedhe.

Qorannoon dhaabbanni Zoopla jedhamu gaggeesse akka agarsiisutti warrii jaallalleesaanii durii waliin liqii ofirraa kaffalaa jiran %47 yoo addaan baane gatii guddaan baasna jedhani yaadda'u.

Baasiin isaanii mana gurguruuf bituu, waliigaltee mana kiraa addaan kutuu fi  baasii wayita addatti bahanii jiran baasan faana walqabata.

Ragaaleen akka agarsiisanitti Ameerikaatti qopha-galeeyyiin (single people)  waggaatti namoota warroomanii waliin jiraatan caalaa baasii guddaa baasu.

Keessattu baasii fayyaa dhiibbaa namoota qopha - galeeyyiirra jiru ittu hammeeessa.

Waggoota kurnan darban namoonni mana tokkicha keessa waliin jiraatan lakkoofsi isaanii sirriitti dabale. Kanaaf sababni ijoon addatti bahanii kireeffachuuf maallaqa dhabuurra madde.

Dhaabbata maallaqa liqii mijeessuu fi Landan keessa maadheffate kan hojjatu Mark Paatanshetti, waanti abbaa warraa fi haadha warraa wal hiikan mana tokko tursiise dhimma dinagdeeti jedheera.

Inni akka jedhutti, taaten kun dhiphina fi muddama giddusaanitti hammeeessa jedhe.

Maamiltoonni isaa baayyeen baasii jaalalleen isaanii durii waliin jiraachuun isaaniirraa xiqqeessu haasa’u.

Saaraa Reyis UKtti daarektaraa fi hooggantuu dhaabbata qorannoo gartuu ‘Women’s Budget Group’ jedhamuti.

Haalli akkasii warra wal hiikan keessaa jaalallee isa/ishee galii xiqqaa qabu ykn qabdurratti dhiibbaa jabaa uuma jette Saaraan.

Yeroo hedduu akkuma Takaritti dubartootatu caalaatti miidhama.

Qorannoon UK keessatti gaggeeffame akka agarsiisutti, dubartoota sadii keessaa tokko jaalalleesaaniirratti gama maallaqaan hirkatoodha, dhiironni jaalallee isaaniirrati hirkatan ammoo %11 ta'u jedha qorannoo kun.

Qorannoon dhaabbanni Zoopla jedhamu gaggeessee akka agarsiisutti, dubartoonni %46 wayita abbaa warraasaanii wajjin gargar bahan maallaqa qusatan dhabuurraa kan ka'e maallaqa mana kiraa baasan akka yaadda’aan ykn mana haaraa akka hin bitannee danqaa itti ta'a.