Sudaan Omduurmaanitti waraanni hammaate, warra awwaala qotaniif waamichi godhame

Madda suuraa, Reuter
Magaalaan Sudaan Omduurmaan guyyoota sadan darban waraana humna dafee qaqqabaa biyyattiifi raayyaa ittisa biyyaa gidduu gaggeefamuun haleellaawwan qilleensaa hedduufi waraana hamaa keessummeessaa turte.
Kibxata darbe miidiyaa hawaasaa gubbaatti warra awwaala qotaniif waamichi godhamaa ture.
Gabaasaaleen haleellaa boombii xiyyaaraa akkasumas rasaasa humna lafoo jiruun lammiileen nagaa hedduun ajjeefamuu eeraniiru.
Bakka awwaalaa dhaqanii namoota ajjeefmaniif bakka awwaalaa barbaaduun sababa waraanni cimeef rakkisaa waan ta'eef, namoonni ajjeeefaman jumlaan bakka tokkotti awwaalaman.
Magaala Omduurmaan keessatti hospitaaa tokkittii tajaajila keennaa jiru keessa namni hojjetu tokko odeeffannoo kenneen, Wiixata, guyyaa waraanichi akka malee itti hammaaterraa eegalee namoonni nagaan 33 ajjeefamaniiru.
Gabaasaaleen tokko tokko Ebla darbe waraanichi erga jalqabee as waraanni akkas hamaan hin mul'anne jedhu.
Waraanni biyyaalessaa kan humna dafee qaqqabaa biyyattii Omduurmaan keessaa baasuuf lolu boombii xiyyaaraa darbatuufi humna lafoon haleellaa raawwachaa jira.
Waraanni biyyaalessaa riqicha murteessaa laga Naayi magaalaa Omduurmaaniifi Kaartuum walqunnamsiisu kan RSF itti fayyadamu to'achuuf yaalaa jira.
Magaalittii keessatti sagaleen dhukaasaa baratamaa ta'eera. Haata'u malee, dhukaasonni gurguddaan namaafi gamoo raasan garuu haaraa fi rifaasisoodha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaan meeshaalee gurguddaa Kibxata galgala Lixa Omduurmaanitti raawwate namoota nagaa lama ajjeesee namoota biroo hedduu miidheera. Kunis namootni mini baasotatti fe'amanii naannicha gadhiisanii gara Kaaba Omduurmaan, kan xiqqoo fooyyee qabutti, kaanis magaalichuma guutummatti gadhiisanii baqachuuf sababa ta'eera.
Sababa daangaan hedduun cuccufamaniifis amma biyyattii gadhiisanii bahuun hin danda'amu.
''Rabbii dhiifama nuuf haa godhu. Namni rooba keessafi dukkana keessa(sababa ibsaan hin jirreef) baqachaa jira. Harmeen koos bahuu barbaaddee ture, obboleessa kootu hanga ganamaatti eegna jedhe'' jedha ollaa Omduurmaan irraa kan baqate namni ganna 44 Bakiitaa Hasan.
Humni dafe qaqqabaa kun qarqara magaalichatti buufata poolisii Ombadah jedhamu to'atee akka mana hidhaa ofiitti itti fayyadama. Raayyaan ittisa ammoo bakkicha haleelaa jira. Kana keessas namootni nagaa miidhamaa jiru.
Ombadah keessatti gabaan irra waa bitatan hedduun cufaadha. Jiraattonni waan akka fooniifi kuduraaf muduraa argachuu hin dandeenye.
Baankiiwwaniifi gidduugaloonni sochiii maaallaqa moobaayila saamamaniiru. Hedduun haala rkkiisaa keessa lubbuu turfachuuf yaalaa jiru.
Dhibdee qaamolee lamaan kanaa karaa mariin furuuf dhaabbileen idila addunyaa ammallee yaalaa kan jiran ta'us, hoogganaan waraana biyyaalessaa Janaralaan Abdulfattaah Al Burhaanis ta'e morkataan isaanii RSF hoogganan, Mohaammed Hamdaan Dagaaloo mariif qophii miti.
Dhukaasni dhaabuun dhugaan hin jiru yoo ta' walirratti haleellaa banuun waanuma itti fufu ta'a.












