“Nagaan haa gahu mucaakoo erga dhalattee hin arginiif…'' Xalayaawwan gara Tigiraayitti ergaman

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni kaaba Itoophiyaatti mudate lubbuu namaa galaafate, qaama hir’atee fi caba miira uumeen alatti, bu’uuraalee misooma naannoo Tigraay barootaaf boodatti deebiseera.
Tajaajilaaleen bu'uuraa kan akka ibsaan, bishaan, intarneeti fi baankin erga addaan citee waggaa lama guutera. Maatiin, ijoollee fi firoonni sagalee walii isaanii dhagahuun abjuu erga ta’ee bubbuleera.
Namoonni carraa qabeeyyii ta‘an hojjattoota namoomatiin maati fi firoota isaanif sagalee yookin viidiyoodhan ergaa dhaammatu.
Ergaan bifa kanaan ergamu ammoo torbanoota yookin ji’oota booda bakka yaadame sana qaqqaba.
Mootummaa federaalaa fi humnoota Tigraay gidduutti walii galteen waraana dhaabuu ji’oota shaniif yeroo turetti, jiraattonni naannoo Tigraay nannolee ollaa kan akka naannoo Amaara fi Tigraay deemun maati fi firoota isaanif bilbila bilbilaa turan.
Tigraayitti bilbillii fi intarneetin erga addaan citee booda bakkeewwan naannicha keessa jiran garaa garaa qofa osoo hin taane namoonni magaala tokko keessa jiraatan mataan isaanii wal arguuf rakkataa turan. Kanaaf akka bara durii xalayaa walii barreessun dirqama itti ta’e.
Waggaa lammaffaa waraana waliinii kana ilaalchisuun namoonni bakka garaa garaa jiraatan xalayaa gara naannoo Tigraayitti akka barreessaniif BBC'n gaafateera.
Xalayaawwan gabaasa kana keessatti hammataman kaan isaanii kanaan dura kan barreeffaman yoo ta’u, kaan immoo gaaffii BBCn dhiyeessen kann barreeffamaniidha.
Kanneen xalayaa kanaan dura barreessanii maatii isaanif ergan deebisanii erganis jiru. Xalayaawwan tokko tokko irraa kann hafe kaan isaanii harkuma nama ergeetin kann barreeffamaniidha.
“Yaadan malee qaaman kanan hin beekne mucaan koo akkami?”
Haftoom kann jiraatu Afrikaa Kibbaa yoo ta’u haati manaa isaa fi mucaan isaa Tigraay jiran wajjin erga wal arganii waggaa lama guutera.
Waraanni yeroo eegalu haati manaa isaa ulfa turte. Mucaan isaa lammaffaan gaafa dhalattu bira hin turre. Erga dhalattee eegalees ijaan argee hin beeku.
“Nyaata nyaachuf gaafan jedhu isin na dura dhuftanii miirii yakkamaa natti dhagahama. Sana booda osoon hin nyaatinan bula,“ jedha Haftoom.
Mucaa isaa ijaan hin argineef ammoo, “yaadan malee qaaman kanan hin beekne mucaan koo akkami?“ kann jedhu xalayaa isaarraa jira.

“Jireenya mataa isaa dabalatee waanti hunduu hiika naaf hin qabu”
Maqaan isaa akka hin dhahamne gaafachuun xalayaa itti aanu kann nuuf erge jiraataa magaala Finfinneeti. Maatii isaa Tigraay jiran wajjin erga waliin dubbatee waggaa lama ta’eera.
Xalayaa isaa irratti, “Lubbuun jirtu yoo ta’e maatin koo akkam jirtu?“ jedhee barreesse. Waggoota lamaan darban gaafa ibsu ammoo, “gadda cimaa, dhiphina, gidiraa, miira maatii yaaduu lafee namaa seenu dha“ jedha.
“Mucaa koo lubbuun jirtaa?...natti himi!“
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xalayaa kana kann nuuf ergite hadha Itoopphiyaan ala jiraattu fi waggoota lamaa mucaa ishee waliin wal arguu hin dandeenyedha.
Duraan gargaarsa ergaafii turte. Ji’oota dura hojjattoota gargaarsa namoomaa argachuun mucaa ishee asmii dhukkubsattuuf qoricha ‘inheelarii‘ ergiteefii akka turte dubbatti.
Xalayaan isheen afaan Tigriffaan barreessite hiikni isaa kunooti:
Haadha koo jaalatamtuu Hadis Iqubayif
Hadis akkam jirta? Amala natti ta’eeni malee haala ati keessa jirtu diinafuu hin kennin.
Hadis, haala mucaan kiyya keessa jiru dhugaa isaa akka natti himtuufan xalayaa kann siif barreessa. Dhukkubni isaa asmii akkam ta’eera? Qoricha osoo hin argatin halkan tokko buluu akka hin dandeenye nan beeka.
Hafuura baafahuu dadhabee ahaha…ahaha..ahaha… yeroo jedhu natti mul’ata. Hadisiyyee koo mucaan koo lubbuun jiraa? Natti himi. Guddisteetta, sitti dhiyaata. Kanaaf, adaraa kee dhugaa isaa natti himi.
Lubbuudhan yoo naaf jiraate namni kun qoricha inheelarii siifan qaqqabsiisa naan jedheera waan ta’eef siif ergeera.
Hadisiyyee, hangasitti isa itti amantu kadhachuu kee cimsi.
Chawu
Nagaan wal nu haa agarsiisu
Saaraa
“Tigraay dhufuun akka waan gara hawaa dhaquutti ulfaataa ta’eera“
Xalayaa kana kann barreessite jiraattuu magaala Finfinnee fi sababa waraanatiin maatii ishee Tigraay jiran gaafachuu fi isaan irraas homaa akka hin dhageenye dubbatti.
Xalayaa haadha fi obboloote isheetif ergiteen, “Haadha koo jaalatamtuu fi obboloota koo maatii koo, isin arguudhaf ergan Tigraay ergan dhufee waggaa lama guutera,“ jechuun eegalti.
“Jireenyi sodaa irraa bilisaa abjuu haala fakkaatu keessa akkamitti jiraachuu dandeessan?“ jetti itti dabaluun.
“Waggoonni lamaan umuriin hanga yoonaa jiraadhe natti dheerate”
Namni xalayaa kana barreesse Salamoon jedhama. Kan jiraatu Yugaandadha. Maatii isaa irraa ergaa dhagahuus ta’ee yeroo rakkinaatti isaan gargaaruu akka hin dandeenye xalayaadhan ibsa.
“Abbaa koo dhukkubsachuu kee dhagahee siif qaqqabuu dhabuu kootin imimmaan dhangalaasun ala filannoo biraa hin arganne,” jedha.
Itti dabaluunis, “Haadha koo, dhibee si rakkisaa tureef qoricha dhabuu kee irraa kan ka’e qoricha yeroon irra darbe fudhachaa turuu kee gaafan dhagahu uumamuu koon jibbe,” jedha Salamoon.
“Ergaan gaafa na gahu fuulli koo akkamitti ifee akka oolu sitti himuu hin danda’u”
Xalayaan biraa BBC qaqqabe waa’ee jaalalaati. Maqaan isaa akka hin dhahamne kann gaafate barreessan kun jaalallee isaa Tigraay jirtu waliin yeroo baay’ee xalayaadhan wal qunnamu.
Isayyuu namni xalayaa geessuf yoo jiraatedha. Darbee darbee bakka intarneetin jiru yoo deemte ergaa sagaleedhan ergitiif.
Waraanni osoo eegaluu baatee silaa jaalalleewwan lamaan bara darbe gaa’ila godhachuuf karora qabatanii turan.
Barreessichi xalayaa kana kompitaraan barreessee erga nuuf ergee booda BBCn qaama sadaffaan harkaan akka barraa’u godhee keessaa gabaabsee akkanatti dhiyeessa.
Xalayaan inni Tigriffaan barreesse hiikni isaa kan armaan gadiiti:
Damma koo akkami ati? Fayyaa keetii? Akkamitti dabarsaa jirta? Akkasumatti egaa dammee koo. Jabaattee, obistee kan borii ilaaltee kan dhufu hunda dandeessee abdiin akka jiraattu na jalaa badee miti.
Ani nagaa kooti. Namni tokko dhufee deemufani ergaa yoo qabaatte naan jennaan kaadee keessa taa’ee ariitidhaan sagalee koo waraabe malee ani nagaa kooti. Kan si dhibi garaachi kooyyuu na dhukkubee hin beeku.
Ergaan kee gaafa na qaqqabu fuulli koo akkamitti ifee akka oolu fi ergaa hunda akkamitti akkan dhandhamu sitti himuu hin danda’u. Kuni darbee dubbanna ta’a gaafa tokko.
Waan na gammachiisu beektaa? Jechoonni kee tokkoon tokkoon isa ana dhiba. Jechoota kee tokko tokkoon kaasen hiriyoota kootti boonaa oola.
Jaalellee kee siif jiraatudha.
Wal agarra!
Adaraa na jalaa hin dhiphatin. Waanta barbaaddu na gaafadhu, waan ati barbaadde siifan ta’a.
Sin jaaladha












