Facebook lakkoofsa hordoftoota maamiltoota isaa hir'ifame deebiisuuf hojjataa jiraachuu hime

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan qabeenyaa dhaabbata miidiyaa hawaasaa guddichaa, Meta, haala adda hin baafamneen lakkoofsi hordooftoota fayyadamtoota Facebook irraatti hir’ifame sirreessuuf hojjataa akka jiru BBCtti hime.
Metan kana kan ibse, erga lakkoofsi hodoftoota fayyadamtoota Facebook baayyeen sababii ifa hin taaneen hir’ifamuunsaa miidiyaa hawaasaa irratti ijoo dubbii ta’een booda.
Fayyadamtoonni Facebook Itoophiyaafi addunyaa kaan keessatti argaman sababii adda hin baaneen lakkoofsi hordoftoota isaanii hir’ifamuu ibsan.
Fayyadamtoota hordoftoonni isaanii jalaa hir’ifaman keessaa hundeessitoota Meta kan ta’an keessaa tokko kan ta’aniifi hogganaan dhaabbatichaa Maark Zaakarbarg dabalatee kanneen hordooftoota miiliyoonotaan lakkaa’aman qaban keessatti argamu.
Kampaanichi jijjiramni hordooftoota fayyadamtootaa irratti jijjiramni mudachuu akka beeku ibsuun, rakkinichaaf fala barbaachuuf hojjataa jiraachuu BBCtti hime.
Jijjirama hordooftootaa maaltu akka uumamee ilaalchisuun gaaffii BBC dhaabbatichaaf dhiyeeseef deebii kennuu irraa of qudateera Metan.
‘‘Haala bakka tureetti deebiisuuf saffiisaan hojjataa jirra’’ kan jedhe dhaabbatichi, dogongora uumameef fayyadamtoota dhiifama gaafateera.
Fayyadamtoota Facebook Itoophiyaa lakkoofsi hordoftootaa garmalee gadi bu’uun mudatee keessaa namoonni siyaasaa bebeekamoo, aartistoonni fi oggeessoonni aartii akka argaman himameera.
Namoota siyaasaa keessaa hordooftoota miiliyoona lamaa ool kan qabu nama siyaasaa beekkamaa Jawaar Mahaammad keesstti argama.
Rakkoo fuula Facebook mudate kana hordofees hordoftoonni fuula isaa gara kuma 10n gadiitti bu’eera.
Haaluma walfakkaatunis hordooftoota kuma dhiibaan lakkaa’amu kan qabaataa ture barreessaa Bawuqatu Siyummis amma lakkoofsi hordoftoota isaa gara kuma 10 gadiitti hir’ateera.
Akkasumas namoota dhunfaatiin alattis Facebook irratti hordoftoota fuulasaanii irratti hir’inni lakkoofsaa olaanaan kanneen mudate keessaa qondaaltoonni mootummaa ni argamu.












