Jiim Ratkilif Maan Yunaayitid bituuf maallaqa guddaa kanaan dura Sheek Jaasmin dhiyeesse caalaa ramade

Madda suuraa, PA Media
Kilaba Maachestar Yunaayitid bituuf Sar Jiim Raatkiliif Iniyaas Giruup abbaa qabeenyaa Kaatar kan ta'e Sheek Jaasmin caalaa maallaqa heddu ramadee jira.
Sheek Jaasmin kilaba Maanchestar Yunaayitid guutummaatti dhuunfachuuf paawundii biliyoona shan kan kennan yoo ta'u, lammii Biriteen kan ta'e Jiim Raatkiliif garee kilabicha to'achuu kan isa dandeessisu qoodasaa bituuf maallaqa guddaa ramaduutu ibsame.
Jiim Raatkiliif maatii Gileezariin kan qabame abbummaa kilaba Machestar Yunaayitif dhibeentaa 69 keessaa dhibbeentaa 51 tokko bituun kilabicha to'achuufi.
Kaffaltii abbaan qabeenyaa kun dhiyesserraa ka'uun maatin Gileezar murtee isaanii ni beeksisu jedhamees eegama.
Waldaan Deeggartoo Yunaayitid garuu kilabichi namoota garaa garaan bitamuurra abbaan qabeenyaa tokkumti dhuunfachuu qaba jechuun mormaa jiru.
Maatin Gileezar kilaba Yunaayitid to'atee jiru filanoo gatii abbootin qabeenyaa lachuu kennan ilaalaa kan jiru yoo ta'u abbummaa kilabichaa dabarsee nama tokkotti gurguruufis ilaalacha keessa galchaa jiru jedhama.
Maatin Gileezar Manchestar Yunaayitid bara 2005 kan bitan yoo ta'u, "filannoodhaf" kilabicha gurguruu fedhii akka qaban erga beeksisanii booda abbootin qabeenya lamaan: Sar Jiim Raat Kiliif fi Sheek Jaasmi bituuf fedha agarsiisan.
Kilabni Manchestar Yunaayitid Seenaa Piriimerliigii Ingilizii keessatti iddoo guddaa qaba.
Kilabicha bituuf Kaatar irraa kan dhiyaate Sheek Jaasmi Bin Hamdi al-Taani baankota Kaataritti beekamoo tan keessaa pirezidaantii baankii tokkooti. Akkasumas faawundeeshinii qaba.
Yunaayitid bituufis kan karoorse faawundeeshinii isaa kanaani.
Abbaa qabeenya biliyeenarri Biritaaniyaa Sar Raatkiliif ammoo kaampaanii isaa Aniyas jedhamus qaba.
Sheek Jaasmii kilabichi gara ulfinasaa duriitti deebisuu qabna jechuun bituuf karoora akka qabu ibsuun, iddoo leenjii bal'isuu, isteediyeemii ammayyeessufi bu'uuraalee barbaachisan ni guunna jedhe.
Raatkiliif ammoo magaala Manchestaritti dhalatee kan guddate ta'uunsaa kilabicha bituuf carraa bal'aa kennaaf.
Abbaan qabeenyaa kun dameewwan ispoortii biroorrattis hirmaatee bu'a qabeessa ta'eera jedhama.












