Poolisiin ajjeechaa Joorji Filooyid irratti hirmaate biraan hidhaan adabame

J Alexander Kueng yakka ajjeechaan himatamee hidhaan itti murtaa'e

Madda suuraa, STAR TRIBUNE VIA GETTY IMAGES

Maxxanfame

Poolisiin duraanii Minaayaapolis kan dugda Joorji Filooyod irra jilbeenfatee gadi qabaa ture hidhaa waggaa sadii fi walakkaan adabame.

J. Aleeksaander Kuungi Onkoloolessa keessa yakka ajjeechaa sadarkaa lammaaffaan himatamee balleesseera jedhame.

Joorji Filooyodiin poolisoota qaban keessaa inni nama tokko ta'uu viidiyoon nama karaarra jiruun waraabame agarsiise.

Filooyid Caamsaa bara 2020 keessa harki isaa hidhamee poolisiin morma isaa irra jilbeenfachuudhaan ajjeefame.

Ajjeechaan isaa akka addunyaatti mormii guddaa kan kaase yoo tahu, tarkaanfii humnaa poolisiin US keessatti fudhatus haqa qabeessa miti jedhamuun hiriirri mormii bahamaa ture.

Kuungi adabbii haaraa amma irratti darbe kana isa kana dura mirga siivilii Joorji Filooyid sarbuun balleessaadha jedhame itti murtaa’e waliin hidhamee kan xumuratu taha.

 Eebla bara 2021 keessa poolisiin duraanii Deerik Shuufaan gara daqiiqaa sagalii kan tahuuf morma Joorji Filooyid irra jilbeenfachuun ajjeesuun yakka ajjeechaan himatamee hidhaan wagga 22 fi ji’a jahaa irratti darbeera.

Akkasumas mirga siivilii Joorji Filooyid cabsuun irratti dhiyaatee ji’a Muddee bara 2021 keessa hidhaan wagga 20 irratti darbeera. Adabbii lamaanuu waluma cinatti kan xumuratu taha jechuudha.

 Viidiyoon waraabame kan agarsiisu poolisoonni lamaan Kuungii fi Leen jedhaman poolisii morma Filooyid irra jilbeenfate Shuufaan gargaaruun yeroo lafatti gadi isa qabaa turanidha.

 Poolisiin biraa Taawoo jedhamu ammoo namoota daandii irra deemuun waan kana gidduu seenuu barbaadan irraa dhowwaa ture.

Shuufaan dabalatee poolisoonni kaan himata poolisiin federaalaa irratti dhiyeesseen adabamaniiru.

  •  Aleeksaander Kuungi gidduugalee dhaabsisuu dadhabuu isaan hidhaa ji’a 36 adabame.
  • Tuu Taawoo ammoo hidhaa ji’a 42’n adabame. Himanni isaa biraan ammayyuu adeemsa irra jira.
  • Toomaas Leen yakka ajjeechaa sadarkaa lammaffaa himatamee hidhaa wagga sadii irratti darbeen dabalata hidhaa wagga lamaa fi walakkaan adabame.

Maatiin Joorji Filooyid yeroo boqannaa isaanii kanatti Joorji malee akka hafan itti dhagahama.

Garuu abukaatoon maatii Filooyid ‘’maatii Filooyidiif haqa xiqqoo argamte gara biraati’’ jechuun adabbii darbe kana ibsan.