Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Putiin Tiraamp waliin kan walarguuf jiran 'gammachuun' ta'uu himan
Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin gita isaanii US Doonaald Tiraamp waliin kan walargan ''gammachuun'' ta'uu beeksisan.
Doonaald Tiraamp waraana Yukireenitti xumura gochuuf Raashiyaa waliin akka dubbatan ibsuu booda wantootni hedduun saffisaan qajeelaa jiru.
Aanga'ootni biyyoota lameenii Saawudi Arabiyaatti wal-arguu booda ammoo pirezidant Putiin ibsa kennaniiru.
Putiin Tiraamp waliin walarguurraa gammachuu akka qaban haa dubbataniyyuu malee walargaa isaanii dura hojiileen hojjetamuu qaban hedduun jiraachuu ibsaniiru.
Ibsa Seen Piiterisbeerg irraa kennan keessatti Putiin Tiraamp waliin ''hariiroo jabaa hin qabu'' jedhan. Dabalataanis ''yeroo dheeraafis wal hin argine'' jedhaniiru.
Akkuma isaan Tiraamp waliin walarguu fedhan Tiraampis fedha isaan arguu akka qabu amantaa qabaachuu dubbataniiru.
''Garuu kuni gahaa miti'' kan jedhan Putiin, gareen hooggantoota lameenii mariin dursitoota lameenii gaggeeffamuu dura dhimmoota barbaachisoo hedduurratti hojjechuu akka qaban dubbatan.
''Kuni hojii salphaa miti'' jechuun, ''Raashiyaafi US gidduu wal-amantaan cimuu qaba'' jedhaniiru.
Putiin ibsa isaanii keessatti mariin US-Raashiyaa Saawdiitti gaggeeffame galma kan godhate hariiroo biyyoota lamaanii iddootti deebisuu ta'uu dubbataniiru.
''Sadarkaa wal-amantaa Raashiyaafi US osoo hin dabaliin gaaga'ama Yukireen dabalatee rakkoolee hedduu furuun hin danda'amu'' jedhan.
Moskoon amma dura yeroo kamuu biyyoota Awurooppaa waliin dhimma Yukireen irratti dubbachuuf diddee hin beektu jedhaniiru.
Marii US fi Raashiyaa Riyaaditti godhame byyootni Awurooppaa fi abbaan dhimmaa Yukireen hiree keessaa hin qabaanne jechuun komii guddaa dhageessisaniiru.
Putiin ibsa isaanii keessatti ''enyuyyuu Yukireeniin mariidhaan ala hin goone'' jedhan.
Dabaluunis Tiraamp bilbilaan wanta jedhaniin keessaa tokko waraana kana dhaabuuf Yukireen marii kanatti ni dabalamti jechuu himan.
Tiraamp bilbilaan ''adeemsi marii hirmaannaa Raashiyaafi Yukireeniin itti fufa'' jechuus himaniiru.