Taphoota Piriimerliigii Ingiliz eegamaniifi torban Liivarpuuliif murteessaa ta'e

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Pirimerliigin Ingiliz torban 33ffaan Sambata har'aa hanga Wiixataatti ni gaggeeffama. Waancaa fudhachuuf fiixerra kan gahe Liivarpuulifi sadarkaa lammaffaarra kan jiru Arsenaal lamaansaanituu kilaboota Pirimerliigii keessaa bu'uuf jedhan waliin taphatu.

Liivarpuul Leestar Siitiifi tapha ittaanu tokko yoo mo'ate, waancaa nyaachuusaa mirkaneeffata. Dheengadda Maadriid injifachuun nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigiif kan darbe Arsenaal ammoo dirreen ala imaluun Ipsiwiich morkata.

Sadarkaa sadaffaarra kan jiru Niwukaasil bara dhufu shaampiyoonsi Liigii keessatti hirmaachuf morkii cimaan Astoonviilaa wajjin taasisu taphoota hawwiin eegaman keessayi.

Xinxaalan kubbaa miilaa BBC Kiriis Saatan taphoota kanneen akka armaan gadiitti tilmaamera.

Sambata

Bireenfoord vs Biraayitan

Biraayitan gahuumsi isaa gadi bu'uun alatti gooliwwan akka salphaatti waan itti galaniif sadarkaa hanga shanii keessa galee xumuruunsaa shakkisiisadha.

Garuummoo kilabichi kufeera gaafa jedhan deebi'ee ka'uu akka danda'u irra deddeebin agarsiisera.

Bireentifoordin injifachuun ammoo rakkiisaadha.

Tilmaama: 1-1

Kiristaal Paalas vs Barnimaz

Kiristaal Paalas torban kana Niwukaasiiliin galchii shaniin injifatameera.

Siitinis akkasuma torbee darbe galchiin shaniin kilabicha injifate.

Baarnimaz torbee darbe Fulhaamin injifachuu danda'us, taphoota darban irratti gahuumsi isaa gadi bu'aa ture.

Tilmaama: 1-1

Evartan vs Maanchestar Siitii

Tapha kana tilmaamun baay'ee nama rakkisa.

Evartan olaantummaan tapha yeroo hin to'annettis galchii lakkoofsisuu ni yaala.

Maanchestar Siitin ammoo hanga sadarkaa shanitti xumuruuf akkasumas Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuurratti hirmaachuf dhiibbaa jala jira.

Taphicha tilmaanun rakkisaa ta'us olaantummaa Siititiin xumurama.

Tilmaama: 1-2

Weesthaam vs Saawuzhaamtan

Saawuzaamtan kilaba Pirimerliigii keessaa bu'uunsaa mirkanaa'edha.

Weestham garuu yaaddoo Pirimeriigii keessaa bu'uu qabaachuu baatus sadarkaasaa fooyyeffachuuf taphata.

Bara dorgommii rakkisaa kanatti tapha kana mo'atee deeggartootasaa gammachiisuu barbaada.

Tilmaama: 2-0

Astonviilaa vs Niwukaasil Yunaayitid

Waancaa Karabaayoo fudhachuun alatti yeroo ammaa Pirimerliigii keessaa Niwukaasil kilaba gahuumsa cimaarratti argamuudha.

Sadarkaa 7ffaarratti kan argamu Astonviilan taphoota liigichaa irratti walitti aansun si'a afur mo'ateera.

Sadarkaa hanga shanii keessa xumuruuf Niwukaasil wajjin falmii cimaa taasisa.

Lamaansaanituu taphicha injifachuuf carraan jiraatus, gahuumsa amma irra jiruun Niwukaasil ni injifata.

Tilmaama: 1-2

Dilbata

Fulhaam vs Cheelsii

Cheelsiin rakkoo hin beekamne wayii qaba.

Torbee darbe kilaba bu'uuf wixxiffatu wajjin qixa bahe. Booda ammoo leenjisaan kilabichaa Enzoo Maareskaa deeggartoonni kilabicharraa abdii akka qabaatan dhaamun taphattoonni ammoo deeggartoota irraa dhiibban akka irra jiru ibsan.

Taphattoonni dolaarri miliyeena heddu itti bahe dhiibbaa hin dandamatan taanan turtii keessa rakkoo keessa galuunsaanii waan hin oolledha.

Fulhaam injifatee qabxii sadi qe'eessatti hambisa.

Tilmaama: 2-1

Ipsiwiich vs Arsenaal

Arsenaal tobee kana dorgommii Shaampiyoonsi Liigin Saantiyaagoo Barnaabotti Madiriid inifachuun miira gaarii keessa jira.

Tapha kanarratti Maayikil Arteettan taphattootasaa murteessoo boqochiisun taphicha kan eegalu ta'us, Ipsiwiich injifachuuf ni falmata.

Ipisiwiich torbee darbe galchii lamaaf duwwaadhan osoo Cheelsidhaan durfamanuu booda ka'uun qixa bahan.

Tilmaama: 0-2

Manchestar Yunaayitif vs Wolves

Wolves bara kana Yunaayitiidiin mo'achuunsaanii tapha kanas akka mo'atantu eegama.

Gareen Viitor Hereeraa taphoota afur walitti aansun kan injifatan yoo ta'u, Yunaayitid ammoo gahuumsa dhaabbataa hin qabu.

Gahuumsa amma irra jiruun Fernaandeez Yunaayitidiif galchii ni lakkoofsisa, garuu mo'amuurraa isaan hin oolchu.

Yunaayitid dirreesaarratti mo'amuu biraatu isa eeggata.

Tilmaama: 1-3

Leestar Siitii vs Liivarpuul

Leestar torbee darbe Biraayitan waliin qixa bahee ture.

Liivarpuul ammoo torbee darbe haala gaarin ta'uu baatus Weesthaam mo'ateera.

Tapha kanaanis gahuumsa taphaa bareeda osoo hin agarsiisanin mo'achuun fiigicha gara waancaa nyaachutti taasisu mirkaneessuu danda'a.

Tilmaama: 03

Wiixata

Tootenhaam vs Nootinghaam Foorast

Tootenhaam Kamisa darbe tapha liigii Awurooppaan Intiraa Firaankfart mo'achuun gara nuusa xumuraatti darbeera.

Nootinghaam Foorast ammoo kilaba injifachuuf rakkisaa ta'eedha.

Haa ta'u garuu taphoota darban muraasa irratti Nootinghaam Foorast ijjannoo raafamaa agarsiisera.

Kilabichi hanga sadarkaa shanii xumuruuf Totenhaam salphaatti gadi hin dhiisu.

Tilmaama: 1-1