Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arnee Siloot aariidhaan taphattoota jajjaboo filachuu dhiisemoo boqachiisuuf ture?
Baruma jalqaba gara Liiverpuul dhufe waancaa Piriimer Liigii kan mo'ate Arnee Siloot baay'ee osoo hin qoramiin ture.
Bara kana garuu waan abiddaan cuuphamaa jiru fakkaata. Kiristaal Paalas qofaan bara kana keessa qofa yeroo sadii garee Siloot mo'ateera.
Waancaas harkaa baafateera. Waancaa Kaarabayoo Kaappii gara nuusa xumuraatti darbuuf tapha gaggeessan Arnee Siloot taphattoota gameeyyii fi filatamoo 11 jalqaba irratti hiriirsisaa turan hunda dhiisuun dirree galan.
Garuu Kiristaal Paalaas 3-0 Liiverpuuliin mo'ate. Piriimer Liigiin jalqabee taphoonni shan yeroo taphataman kilebni hin mo'amne Liiverpuulii fi Kiristaal Paalaas qofa ture.
Paalaas tapha Piriimer Liigii walitti dhufan mo'ate. Ergasii Cheelsiin itti dabale. Maanchister Yuunaayitid waggaa 10 booda Aanfiildi irratti Liiverpuuliin mo'ate.
Paalaas amma Karabayoo Kaappiin irra deebiin yoo injifatu Isloot taphattoota isaa akka Virjil Vaan Daayik, Koonaatee, Sooboslaayi, Gaakpoo, Wiirzi, Giraavenberg, Mohaammad Saalaa, fi Ekitiikee dhiisee taphicha jaqlabe.
Aleeksander Isaak jalqabumayyuu sababa miidhamaan tapha kanaaf waan dhaqabu hin turre. Isloot harkaa akkataan mo'ichaa waan bade fakkaata.
Sanuu Anfiildi istaadiyeemoo morkattootaaf hedduu ulfaatu irrattidha.
Liiverppul miira bara darbe takkaa arganii hin beekne dhamdhamaa jiru. Kilebni isaanii akkas walitti aansee taphoota torba keessaa jaha yeroo mo'amu dhiyeenyatti hin daawwanne.
Tarii tapha Shaampiyoonsi Liigii Riyaal Maadirid waliin waan qabaniif taphattoota boqachiisuuf yaadaniiti jedhamuu danda'a.
Astoon Viilaa fi maanchister Siitiin kileboota dhiyootti Liiverpuul morkatanidha.
Garuu warri taa'umsa jijjiirraa irra jiran tapha kana dirree isaanii irratti mo'achuu akka hin dandeenye agarsiise.
Kilebichi walakkaa biiliyoonaa baasee taphattoota mallattesise ammayyuu garee taphattootaa gahaa jedhaman dhabuun gaaffii biraa kaaseerra.
Arne Isloot kilebni kun yeroo hundaayyuu dorgommii kana irratti taphattoota akkaadamiif carraa kennuun beekama jedhan.
''Murtee sirrii tahee natti mul'ate. Ammas erga mo'amnee ejjennookoo hin jijjiirre,'' jedhe.
Taphattoota ol adeemoo sadii fi warra kana dura jijjiiranii fayyadaman keessaa ammoo taphattoota shan hiriirsisan.
Taphattoota torban darbe Bireentifoordiin mo'aman irraa kan taphate taphataa tokko qofa ture. Jalqaba irratti galuun jechuudha.
''Bireentifoordi kan taphanne tapha Shaampiyoonsi Liigii Entiraakti Firaankfarti waliin taphanne irraa guyyaa lama qofa fagaateeti. Guyyaa torba keessatti taphoota sadii taphachuun hedduu ulfaata. Garuu mo'amuu keenyaaf akka sababaatti hin dhiyeesinu'' jedhan Arnee Isloot.
''Yeroo gannaa taphattoonni tokko tokko hagam akka rakkatan argaan ture. Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi kaan dabalatee torbeetti taphoota sadii taphachuu itti ulfaata,'' jedhan.
''Gareen taphattootaa qabnu akka namoonni kaan yaadan guddaa miti. Akkatti amma deemaa jirru kana jijjiiruu hin dandeenyu'' jedhan.
Taphataan duraanii Liiverpuul Istiifen Waarnook Arnee isloot haala kanaan mo'amuu isaaf sababa gahaan dhiyeessu hin jiru jedhe.
''Isloot garee guddaa hin qabnu jedhee ibseera. Garuu kana akka sababaatti ibsuu hin danda'u jedhe.
''Garee Shaampiyoonsi Liigii keessa jiru taatee akkamiin torbeetti tapha lama taphanna jettee komatta? Kun akka tahu dursiteeyyuu beekta.
Garee guddaa akka hin qabne ibsite jechuun maallaqa haga kana baastee jijjiiraa taphattootaa irratti yeroo ganna darbee kan gaggeesite gahaa akka hin taane agarsiisa,'' jedhe.
Dorgommiin kun hagas mara barbaachisaa fi murteessaa akka hin taane deeggartoonni Liiverpuul beeku kan jedhe Paat neevin.
Inni kana dura Iskootilaandiif taphataa ture. Waancaa kana dhiyoottis mo'anii waan beekaniif taphni kun isa dhufaa jiru caalaa barbaachisaa akka hin taane Isloot ni beeka jedhe.
Taphataa Arsenaal ganna 15'f guyyaa addaa ture. maaksi Doowmaan gahums abarbaachisu hndaa qaba jedhe Mikeel Arteettaan.
Taphataan kun seenaa Arsenaal keessatti galmaa'eera. Taphataa lamaffaa kilebichaaf umurii xiqqaan taphate isa lammaffaa fi Piriimer Liigii keessaa ammoo taphataa umurii xiqqaa haga kanaan taphate tahuun galmaa'eera.
Etaan Nawaneeriis rikardii wal fakkaata qabatee ture. Tapha Biraayitan morkatan irratti umurii waggaa 15 fi guyyoota 302 tahaniin Doowmaan taphataa jalqabaa umurii xiqqaa Waancaa Kaarabayoo Kaappiif taphate tahe.
Erga umurii isaa waggaa 14 jalqabee garee jalqabaa wlaiin shaakala hojjechaa ture. Arteettaan tapha Biraayitan mo'atan irratti Doowman qofa osoo hin taane, Andiree Hariiman Anuusii fa'aa hammataniiru.
''Isaaf [Doowman] waan hunduu uumamaan kan kennamedha. Akkatti taphatu haaluma uumamaan qabuun waan taheef icciitii milkaa'ina isaa jalqabeeti'' jedhe.
''Xiqquma seeqa, isa irraa waan xiqqoo kana qofa argita. Garuu dandeettii kubba dabarsuu, komokomuu, fiiguu fi kaan waan ajaa'ibaa irraa argita,'' jedhe.
Arsenaal walakkaa xumuraatti darbuuf Bireentifoord waliin morkata.