Lamiin Yaamaalii fi taphattoota Riyaal Maadirid gidduutti maaltu mudate?

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Riyaal Maadirid erga bara darbe walitti aansee yeroo sadii El Kilaasiikoo mo'amee bara kana mo'ate.

Lamiin Yaamaal taphichi kan isaa fi taphattoota Riyaal Maadirid gidduutti qofa gaggeeffamu fakkeessee ture.

Baay'ee dubbate, dhaadate. Kun taphattoonni Riyaal Maadirid akka hedduu itti aaran godheera.

Akkuma sodaatame taphni akka xumurameen muddamni cimaan uumameera.

Yeroo hundaa dubbii kaasuun kan beekamu Viinishiyes Juuner Lamiin Yaamaal waliin walitti bu'aniiru.

Viinishiyes akkuma taphni dhumeen gara Yaamaalitti deemuun arrabse.

''Har'ahoo kubba tokkoyyuu gara fuulduraatti hin taphanne. Duubatti kubba dabarsaa turte.

''Baay'ee odeessita, odeessuu jaalata. Mee jedhikaa har'as odeessi akkuma duriikee,'' jechuun baay'ee akka aaru taasise.

Yamaal yeroo kana ''dubbii dhiisiiti gara kutaa uffannaatti koottu. Achitti dubbanna'' jedhee akka dhaadannootti dubbate.

Daanii Karaval akkasuma ''koottu gara kutaa uffannaa seenna, maal fidda'' jechuun dubbii biraa kaasuu isaa miidiyaaleen Ispeenii fi xiinxaltoonni kubba miilaa hedduu ibsaniiru.

Yeroo kana Raafiinaan bakka taa'aa turee ka'uun gidduu seenee mucaa biyya isaa Viinishiyes waliin walitti bu'e.

Isaan booda Viinishiyes Juuner ibsa baaseera.

''Deeggartoota Maadirid hundaaf keesumaa warra gara Beernaaboo dhuftanii nu deeggartaniif, dirree keessaa fi alatti wantoota hedduutu mudata.

Garuu madaallii isaa eeguuf ni yalla. Garuu yeroo hundaa gochuu hin danda'amu. Nama kamiyyuu arrabsuu hin barbaannu. Deeggartootas tahe taphattoota ol adeemoo tahan.

Yeroo dirree seennu waan gochuu qabnu beekna. Har'as kanuma goone,'' jechuun ibsa baase.

Galchii injifannoo kan lakkoofsise Juud Beeliingihaam ''taphni akka oduu hin salphatu. Oduun rakasadha'' jechuun fuula Inistaagiraamii isa airratti maxanse.

Taphataan ganna 22 kun galchii injifannoo yeroo lakkoofsiseyyuu Beernaaboo irratti miira guddaa keessa galuun gammachuu isaa hin ibsanne.

Shuumeeniin ''Yaamaal tapha dursee akkas odeessuun isaa anaan na hin aarsine'' jedhe. ''Inumaayyuu xiiqii nu keessa kaa'e malee homaa na hin aarsine'' jedhe.

''Kaayyoo hamaaf akka hin taane naaf gala. Oduu qofa waan taheef miidhaa fide homaa hin qabu'' jedhe.

Kaamaaviingaan ammoo dafee Yamaal irra akka miidhaan homaa hin geenyeef dirreetii baasuuf yaale.

Abbaan Yamaal ''ni mo'anna, eenyu akka taane Maadiriditti agarsiifna'' jechuun dursee dhaadatee ture.

Itti dabaluun Baarselonaatti wal argina jechuun deebiseera. Suuraa ilma isaas qoodeera.

Taphaan booda ammoo ''waan gaariin ilmikoo umuriin isaa waggaa 18 qofa tahuu isaati. Fuulduree ifaa qaba. Hamma gaafa duunuutti si cinan jira'' jechuun fuula Inistaagiraamii isaa irratti maxxanse.

Taphattoonni Maadirid durumayyuu taphicha dirree isaanii irratti mo'achuufis kutannoon dirree seenan.

Baarseloonaan leenjisaa isaa Hansii Filik malee taphicha jalqabe.

Filiik kaardii diimaa tapha Jiiroonaa wlaiin gaggeessan irratti waan argateef osoo sarara isaa irra dhaabbatee taphicha hin dursiin hafe.

Filiik fageenya irraa daawwachaa ture. Deeggartoonno Riyaal Maadirid taphicha dursuun gara hoteela taphattoonni Baarselonaa buufatanii deemuun Lamiin Yaamaal dubbiin tuqaa turan.

''Lamiin Yaamaal Ballon d'Or'' jechuun itti qoosaa turan. Guyyaa badhaasa Ballon d'Or Paarisitti Osmaan Dembeeleef kenname Yamaal firootaa fi hiriyyoota isaa nama 22 fudhatee deeme.

Waan kolfaa tahe jedhamuun itti qoosameera. Taphataa ganna 18 tahus bilchinni akka isa hafu hunduu waliigala.

Deeggartoonni Riyaal Maadirid carraa kana fayyadamanii itti qoosan. Yamaal tapha El Kilaasiikoo kana irratti kubba qiyyeeffannaa isaa eeggate illee hin yaalle.

Kubba galchiif tahu dabarses hin qabu. Yamaal gahumsa gadi aanaa akkasii agarsiisu dhiyeenyatti arginee hin beeknu.

Zhaavii Aloonsoo taaktikaan tapha kana mo'ate jedhe xiinxalaan kubba Miilaa Ispeen Guuleem Baaleeg.

Sarara gidduutti qaawwi tokkoyyuu akak hin uumane godhee dirree seene. Shuumeeniin Aloonsoon tapha kana injifachuuf taaktika ajaa'ibaa agarsiise jedhe.

Taphattoonni Maadirid Zhaavii Aloonsoo jalatti gadi of qabuun hojjechuutti kan amanan fakkaatu.

Aloonsoon abbaa barbaade taphachiisee abbaa barbaade dirree keessaa jijjiree baasa. Imbaappes tahu kilabaan ol taphataan tahe akka hin jirre ifatti dubbateera.

Viinishiyes Juuner jijjiiree yeroo baases kanuma agarsiise. Tapha mo'achuu malee taphataa tokko irratti hirkachuu hin barbaadu.

Imbaappeen kanaaf bara kana miidiyaa irratti odeessuu dhiisuun galchii 12 Laaliigaa keessatti lakkoofsiseera.

Taphataa cimaa taphoota gaggeessee tahuun bara kana qofa yeroo saddet badhaafameera.

Kun Badhaasa Ballon d'Or bara dhufuuf kutatee hojjechaa akka jiru namatti agarsiisa. Kunaaf ammoo Riyaal Maadirid milkaa'uun dirqama.