Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tuhel abjuu Gaardiyoolaa karaatti hambisa moo Siitiin barana ni milkaaha?
Shaampiyoons Liigiin Awurooppaa nuusa-xumuraa har’aafi bor galgala gaggeeffama.
Maachester Siitii V Baayer Muniik, Inter Milaan V Benefikaa har’a galgala kan taphatan yoo ta’u; Chelsii V Riyaal maadiriid, AC Milaan V Naappolii ammoo borgalgala taphatu.
Maanchester Siitiin hawwii Shaampiyoonaa kana yeroo jalqabaatiif mo’achuuf qabu har’a Baayer Muniik dirree ofiirratti simatee of ilaaluuf ta’a.
Tapha kanaan leenjistoonni mudannoo gara garaa waliin qaban Peep Gaardiyoolaafi Tomaas Tuhel walitti deebi’u.
Leenjistoonni kunneen Boondas Liigaa Jarman keessatti wal morkataa kan turan yoo ta’u, Peep gaardiyoolaan Baayer Muniik yeroo leenjisu, Tomaas Tuhel ammoo Borushiyaa Doortmond leenjisaa ture.
Gaardiyoolaan kilaba isaa durii Baayer Muniik bara 2016 gadhiisee Maanchester Siitii gale yeroo jalqabaatiif deebiyee morkata.
Tibba kana Baayer Muniik leenjisaa isaa Juuliyaan Naajelsimaan ari'ee Tomaas Tuhel qacaruun isaa ammoo carraa leenjistoota lamaan morkiin walitti deebisuuf hiree uumeera.
Gaardiyoolaafi Tuhel walumaagala si’a 10 kilaba gara garaa leenjisan qabatanii waliif ba’aniiru. Kana keessaa yeroo sadii Tomaas Tuhel yoo mo’atu, Gaardiyolaan ammoo yeroo ja’aaf mo’ateera. Jarri kun si’a sadii garuu walqixa bahan.
Tuhel Chelsii qabatee xumura walakkaa FA Cup irratti Gaardiyoolaa mo’atee ture. Toomaas Tuhel Shaampiyoonsii Liigii Awurooppaa irrattis si’a lama Peep Gaardiyoolaa mo’achuun olaantummaa qaba.
Gaardiyoolaan Piriimer Liigii keessatti garuu Siitii qabatee Tuhel yeroo Chelsii leenjisaa ture si’a mo’ateera.
Shaampiyoons Liigii Awurooppaa irratti Toomaas Tuhel Peep gaardiyoolaa caalaa milkaa’eera.
Gaardiyoolaan kilaboota duraan leenjisaa ture deebiyee morkachuutiin seenaa wal makaa qaba. Erga Baarseloonaa gadhiisee si’a afur deebiyee kan morkate Gaardiyoolaan, lama maanchester Siitii qabatee, lama ammoo Baayer Muniik qabatee ture.
Taphoota afran kana keessaa lama mo’atee, lama ammoo mo’ameera Gaardiyoolaan.
Riyaal Maadiriid V Chelsii
Bara 2020-21 keessa Chelsiin leenjisummaan Firaank laampaardiin jalqabee garuu Toomaas Tuhel bakka buusee Shaampiyoons Liigiin mirgan gale.
Bara kana ammoo, jechuun bara 2022-23 chelsiin Toomaas Tuhel leenjisaa godhee jalqabee Laampardiin bakka buusee abdii Shaampiyoons Liigiin mirgaan galuuf abbalaa jira.
Haata’u malee, Firaank Laapaard akka Toomaas Tuhel milka’aadha gaaffiin jiru.
Laampaard baruma kana keessa leenjisoota Chelsiin erga Tuhel ari’ameen booda qacare keessaa afraffaadha.
Chelsiin leenjistoota ari’uutiin kan beekamu ta’us, waancaawwan shan darban kilabichi.
Bara 2011-12 taphataa Chelsii ta’ee Shaampiyoons Liigii kan mo’ate Laampaard, leenjisaa kilaba kanaa ta’ee seenaa isaa kilabicha keessatti irra deebiin galmeessuu danda’aa?
Kilaba guddicha Ispeen Riyaal Maadiriid waliin taasisu keessa yoo darbe seenaa kana galmeessuu ittuma dhiyaata.
Chesliin taphoota Riyaal Maadiriid waliin taphateen torba keessaa tokko qofaa mo’amee afur mo’ateera.
AC Milaan v Naappolii
Kilaboonni kunneen lamaan kan Xaaliyaanidha.
Kilaba Naappoliidhaaf taphataan lammii Joorjiyaa kanaan dura maqaan isaa baayyee dhaga’amee hin beekne tokko achii as bahee ajaa’iba hojjechaa jira. Taphataan kun Khvicha Kvaratskhelia jedhama.
Taphataan kun sarara cinaarraan kan taphatu yoo ta’u barana Naappooliidhaf gooliiwwan 12 galchee kubbaa 10 mijeessuun Serie A keessatti galmee haaraa qabateera.
Taphataan kun bara kana kubbaa afur mijeessee kennuun Shaampiyoons Liigii keessatti eenyumayyu caalaa galmee gaarii qaba.
Kanaaf, tapha kilaba Xaaliyaan biraa AC Milaan waliin taasisuun Naappoooiin taphataa kanaan bahee waa milkaa’innaa?
Inter Milaan v Benfikaa
Benefikaan taphattoota ciccimoo ta’an baruma kana keessa Paawondii miliyoona 200 olitti gurgureera.
Taphattoonni ciccimoo akka Daarwin Nuuneez kilaba kanarraa Liiverpuul, Enzoo Fernaandeez ammoo gara Chelsii deemaniiru.
Akkas ta’ee garuu leenjisaa isaanii Roojar Shimiit jalatti miira injifachuun ala ta’anii mul’achaa hin jiran.
Tapha 46 erga leenjisaa kana qacaranii taphatan keessaa tapha lama qofaa mo’aman.
Kilabni Xaaliyaan Inter Milaan gama isaan kilaboota biyya isaa biroo akka AC Milaan fi Naappolii ilaalee ‘anis eenyun gadin ta’a’ jedhuu hamileen dhiyaata.
Tapha hunda isaa har’aa fi bor ilaaluuf jirra.