Israa'el waraana booda Gaazaan akkamitti buluu akka qabdu karoora baaste ifa goote

Dubartoota gaddarra jiran

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Waraanni Hamaasiifi Israa'el gidduutti gaggeeffamaa jiru erga xumuramee booda Gaazaan akkamitti buluu akka qabdurratti Ministiirri Ittisaa Israa'el Yaa'ov Gaalant wixinee dhiyeessan.

Waraanni erga xumuramee booda Gaazaa keessatti bulchiinsi Filisxeem murtaa'aa akka ta'us ibsan.

Hamaas Gaazaa bulchuu akka hin dandeenyefi dhimma nageenya Gaazaa ilaalchisee Israa'el itti gaafatamummaa fudhattis jedhan.

Waraanni Gaazatti gaggeeffamu akkuma itti fufetti jira. Sa'aatii 24 darbe keessatti namoonni heddu du'uu ministeerri fayyaa Gaazaa beeksise.

Gama biraan ammoo ministeera dhimma alaa Ameerikaa kan ta'an Antoonii Biliikan torbee kana Baha Giddu-galeessatti deebi'uuf jedhu. Gageessitoota Israa'elifi Bulchiinsa Filisxeem Weest Baank jiru wajjin ni mariyatu jedhamees eegama.

Daawwannaan Biliinkan taasisuuf jiran kun ittaanaa duree Hamaas kan ta'e Saalee al-Aruurii Beerut keessatti ajjeefamuu hordofee naannichatti yaaddon dababalaa yeroo jirutti.

Ajjeechaa qondaala Hamaas kanaaf qubni heddu Israa'elitti qabamee jira; isheen garuu ajjeesufi dhiisuushee waan jette hin qabdu.

Waraanni Gaazatti erga dhumee booda Gaazan akkamitti buluu akka qabdurratti karoora ministirri Ittisaa Yaa'ov Gaalant dhiyeessan kanaan Israa'el nageenya guutummaa Gaazaa ilaalchisee itti gaafatamummaa fudhatti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkaataa karoora kanaatti biyyoonni garaa garaa Gaazaa deebisanii ijaaruu keessatti qooda akka fudhataniifi Masiriinis as keessaa qooda akka qabaattu ibsameera- haa ta'u garuu qoodi Masirii maal akka ta'u ifa hin taane.

Sanadi karooraa Israa'el dhiyeessite kun akka jedhutti dhimma Gaazaa bulchuu itti gaafatamummaa kan fudhatu Fiilisxeemota.

"Jiraattonni Gaazaa Filisxeemidha. Kanaaf, bifa nageenya Israa'elif yaaddoo hin taanen Filisxeemonni [Gaazaa bulchuuf] itti gaafatamummaasaa fudhatu," jedhan Yaa'ov Gaalant.

Mootummaa Israa'el keessatti kanneen leellistoota ta'an ammoo Filisxeemonni Gaazaa keessaa bahanii kanneen Yihudii ta'an achi qubachuu qabu jechuun yaada kan dhiyeessanis jiru. Haa ta'u garuu, yaanni isaanii kun "yaada finxaalessummaafi hojiirra ooluu hin dandeenye" jedhamuun kufaa ta'eera.

Qondaalli waraanaa Israa'el kana haa dhiyeessan malee MM Beeniyaamin Netaaniyaahuu garuu Gaazaan akkamitti buluu akka qabu hin dubbanne.

Haleellaa Gaazatti raawwate

Madda suuraa, Getty Images

Israa'el ammas haleellaa Gaazatti taasistu ittuma fuftee jirti. Haleellaa gaggeessituun qondaala waraanaa Palestiiniyan Islamic Jihaad kan ta'e Mamdouh Lolo ajjeesuu beeksifte.

Ministeerri Fayyaa Gaazaa akka jedhetti sa'aatii 24 darbetti namoonni 125 Gaazaa keessatti ajjeefamaniiru.

Hanga ammaa Gaazaa keessatti namoonni 22,400 ajjeefamaniiru. Kana jechuun lakkoofsa uummata Gaazaa miliyeena 2.3 keessaa %1 jechuudhan.