Torban kana Afrikaan suuraan waan fakkaattu: Mudde 29, 2023- Amajjin 4, 2024

Shamarran yeroo suura ka'an

Madda suuraa, TIKSA NEGERI/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Jala-bultii kabaja waggaa haaraatti shamarran Finfinnee, Itoophiyaa Addabaabaayii Masqalaatti yeroo suura ofee [selfie] ka'anitti.
Maxxanfame

Suuraawwan filatamoo torban kanaa Afrikaa keessaa.

Simannaa waggaa haaraa

Madda suuraa, ROGAN WARD/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Dubartoonni Afrikaa Kibbaa lafa fagoo Misingaa jedhamu jiran barri moofaan darbee waggaa haaraa simachuuf akkasiin uffatanii bahan...
Dargaggoota agarsiisa dhiyeessan

Madda suuraa, ROGAN WARD/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Qophiin kana fakkaatu kun jiraattota gandaa gidduutti aadaan waliin jiraachuufi amalli gaariin dargaggoota biratti akka baratamu gochuuf kan qophaa'edha.
Dubartii mucaashee taphachiistu

Madda suuraa, TEMILADE ADELAJA/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Jala-bultii waggaa haaraarratti dubartiin Naajeeriyaa, Leegos keessatti wayita daa'imashee taphachiiftutti.
Daa'ima hamuummatu

Madda suuraa, MONICAH MWANGI/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Keeniyaa, waldaa Kiristaanaa Kibeeraa keessa jirutti wayita tajaajilli kadhannaa gaggeeffamaa jiru daa'imni hanga dhumaatti turuuf rakkachuu.
Nama fuula faayamaa jiru

Madda suuraa, ESA ALEXANDER/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Waggaa haaraa simachuuf, Afrikaa Kibbaa-Keep Tawonitti namoonni yeroo fuula isaanii halluu dibatan...
Nama uffannaa aadan faayame

Madda suuraa, HALDEN KROG/EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Aadaa waggaa 300 ol lakkoofsise kan guyyaa garboonno hojiirraa boqonnaan itti kennamuuf yaadatan, Amajji 2. Kun waggaa waggaan kabajama...
Namoota hiriira galanii jiran

Madda suuraa, IHSAAN HAFFEJEE/GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Afrikaa Kibbaa magaalaa Mabopaan keessatti namoonni kabaja loltoota Afrikaa WWI irratti hirmaatan yaadachuuf agarsiisaaf bahan.
Agarsiisa waggaa haaraa simachuuf

Madda suuraa, FREDRIK LERNERYD/GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Kabaja Waggaa Haraarratti agarsiisn ispoortiis ni jira. Wixatarra, Keeniyaa Lixaa Kaagaameggaa keessatti namoonni dirreetti bahaniii osoo dhoqqee hin lagatiin akkasiin burraaqu.
Namoota dorgommii wallaansoo godhan

Madda suuraa, CAMILLE LAFFONT/AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa Niijer, Agaadeez keessatti namoonni lama dorgommii wallaansoo kan waggoota 44 darban waggaa waggaan gaggeeffamerratti agarsiisaa jiran.
Nama gammachuusaa ibsatu

Madda suuraa, JUSTIN MAKANGARA/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Dilbata darbe filannoo waliin walqabsiisee Dimokiraatik Rippablik Koongoo-Kinishaasaa keessatti sammuun namootaa dhimma siyaasaarra ture. Kun ammoo Pirezidant Feliiks Teshkeedeen yeroo filannoo mo'atanitti gammachuu akkasiin ibsachaa turan.
Nama bishaan daakuf utaalu

Madda suuraa, FEISAL OMAR/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Jimaata Somaaliyaa-Moqaadishootti namoonni yeroo sammuun isaanii siyaasa dagatutti Garba Indiyaa keessatti akkasiin utaalanii taphatu.
Namoota gammachuu ibsatan

Madda suuraa, FEISAL OMAR/REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Haata'u malee, Kibxata yeroo miseensonni Mana-maree yeroo pirezidantiin Somaaliyaa parlaamaa keessatti waliigaltee Itoophiyaan Somaalilaand waliin waliigaltee mallatteessuu balaaleffatanitti deeggarsa isaaniif dhageessifame.