Hojjetaan baankii keessatti dhukaasa bane namoota shan ajjeese

Madda suuraa, Twitter/ @LMPD
Ameerikaa dhukaasa hojjetaan baankii Luwisviil, Kantakii keessatti baneen namoonni shan ajjeefaman.
Hojjetaan baankii kun yeroo namootatti dhukaasee ajjeesutti viidiyoon waraabuun Istagram irratti gadhiiseera jedha poolisiin.
Namoonni haleellaa kanaan du'an umuriin isaanii kan waggaa 40 hanga 64 gidduu jiru.
Namoota shananan ajjeefamaniin alatti sagal kan biroon ammoo kan madaa'an yoo ta'u, qondaalli poolisii reefuu torban lama dura hojii jalqabe tokko adda keessa dhahamee haala jabaan miidhameera.
Haleellaa gaggeeffamme hordofee poolisiin daqiiqaa sadii keessatti deebii kan kenne yoo ta'u, namichi dhukaasee sunis ajjeefameera.
Dhukaasni kun wiirtuu magaalaa bakka Old National Bank'tti akka saatii bakka sanaatti 08:30 irratti baname.
Namni Kaaleb Guudlet jedhamu miidiyaa biyya keessatti akka himetti, haati-warraa isaa baankicha keessa hojjettu yeroo halleellaan kun jalqabetti duubaan karra ofitti cufattee dhokatte.
Namoonni kaan ammoo yeroo namichi kunii fi qonaalonni poolisii walitti dhukaasan arganiiru.
Bulchaan Kantakii Andii Beshiir hiriyyaan isaa Toomii Eliyoot jedhamu baankichatti pirezidantii ittaanaa ta'e warra ajjeefaman keessaa tokkodha jedhe.
"Toomii Eliyoot hojii ogummaa seeraa kiyya akkan gabbifadhu na gargaareera. Akkan bulchaa ta'us na gargaareera. Akkan abbaa gaarii ta'us gorsa naaf kennaa ture," jedhe Mr. Beshiir.
Akka oduufi viidiyoon bakka haleellaan itti gaggeeeffame kanaa ba'u agarsiisanitti, poolisoonni baayyeen bakka sana qaqqabaniiru, foddaawwan manaa baayyee caccabaniiru, akkasumas meeshaalee wallaansa fayyaatu jira.
Haleellaa kana hordofee Biiroon Qorannoo Yakkaa Ameerikaa (FBI) bakka sanatti argamanii poolisoota naannawaa sanan jiran gargaaraa jiru.












