Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaan qooda Itiyoo-Telekoom %40 dhaabbata dhuunfaatti gurguruufi
Mootummaan Itoophiyaa dhaabbata misoomaa biyyattii guddaa tahe Itiyoo Telekoom irraa gahee %40 tahu gurguruuf caalbaasii baase.
Ministeerri Maallaqaa karoora gartokkoo Itiyoo Telekoom gara dhuunfaatti naannessuuf qabuun dhaabbileen telekoomii idil-adunyaa fedha isaanii akka agarsiisaniif waamicha dhiyeesse.
Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimed Shiidee fi itti aanaan isaanii Obbo Iyyoob Takkaaleny ibsa miidiyaaf kennaniin gahee dhaabbatichaa %40 dhaabbata dhuunfaatti gurguruuf tahuu ibsan.
Dabalataan dhaabbilee Telekoomii amma biyyattii keessa jiran Itiyoo Telekoomii fi Safaariikoom dabalatee dhaabbata gara biraa sadaffaaf eeyyama kennuuf qophii tahuu ibseera.
Bulchiinsa MM Abiy Ahimed jalatti sagantaa haaromsa dinagdee biyya keessaa jalqabe keessaa tokko dhaabbata Itiyoo telekoom gar tokkeen dhaabbilee dhuunfaaf banaa gochuudha.
Akkaataa karoora kanaan dhaabbata telekoomii waggoota dheeraaf dorgomaa gara biraa malee biyyattii keessa tajaajila kennaa ture %60 kan tahu mootummaan qabatee itti fufa.
Itiyoo Telekoom Itoophiyaa biyya uummata miliyoona110 qabduuf qofuma isaa tajaajila kennaa turee dhiyeenya ammoo gamtaan dhaabbilee telekoomii Safaariikoomiin durfamu gabaa telekoomii kanatti makamaniiru.
Kaampaaniin telekoomii guddichi Baha Afrikaa Safaariikoom dhiyeenya Itoophiyaa keessatti bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo tahan diriirsuun tajaajila kennuu eegaleera.
Itiyoo Telekoom yeroo ammaa kana maamiloota miliyoona 69 qabaachuu isaa MM Abiy Ahimed himaniiru.
MM Abiy Ahimed akkuma gara aangootti dhufaniin dhaabbilee gurguddoo biyyattii keessaa abbootii qabeenyaa dhuunfaaf banaa gochuuf karoorsan keessaa tokko Itiyoo Telekoom yoo tahu, warshaaleen sukkaaraas as keessatti argamu.
Hanga ammaatti qabatamaan hojiitti kan gale garuu kan dhaabbata telekoomii kanadha.