Carraan kondominiyeemii baatiiwwan dura haqame har’a akka bahu ibsame

Maxxanfame

Manneen kondominiyeemii baatiiwwan dura adeemsa carraa baasuu irratti rakkoon mudachuun haqamee ture Sadaasa 15, 2022 akka bahu ibsame.

Waajjiirri Kantiibaa Magaalaa Finfinnee akka beeksiiseetti, carraa har’a bahuun manneen 25,791 namoota maallaqa qusataa turaniif ni dabarfamu.

Manneen har’a abbaa carraatti dabarfaman keessaa abbaan 20/80 18,930 fi abboo 40/60 6,843 akka ta’an bulchiinsi Magaalaan Finfinnee toora miidiyaa hawaasaa irratti ibseera.  

Kana malees, manneen abbaa kutaa ciisicha sadii carraa har‘a baafamu keessatti akka hammatamu ibsameera.

Carraan manneen kanneenii kanaan dura baafamulleen malaammaltummaafi waliin dhahuu adeemsa keessatti raawwatameera jedhamuun erga qoratameen booda gutuummaatti haqamuu bulchiinsiichi ibsuun ni yaadatama.

Namoonni yakka kanaan shakkamanis seeratti dhiyeeffamuun ibsameera.

Carraa falmisiisaa ta’e keessaatti hirmaachuun qaban namoota kuma 79 kan ta’an yoo ta’u, garuu dhoksaadhaan namoonni gara kuma 172 ta’an akka carricha keessatti hirmaatan taasifamanii ture.

Kanaanis namoonni kuma 93 ta’an haala sirrii hin taaneen carraa maan jireenyaatiif qophaa’ee keessatti hamatamun ibsame.

Yeroo ammaatti bulchiinsii magaalichaa rakkoolee umaman sirressuun haala nageenyisaa eegameen haalli sirna carraa baasuu akka raawwatamuf hojiiwwan haal dure hojjatamuun himameera.

Haala sirna carraa baasuutiin walqabatees jijjiramni taasifamuufi sirni carraa baasuu ammaas haala haaraatiin Bulchiinsa Nageenya Sirna Odeeffannoo (INSA) kan muuxannoo olaanaa qabutiin akka hojjatamu ta’un himame.

Carraa har’a bahuun namoota 20/80, studiyoo abbaa kutaa 1 fi 2’f galmaa’uun gadaanaan isaa kanneen baatiiwwan 60’f qusataniif ta’u Daareektarri Olaanaa Korporeshinii Misooma Manneenii Obbo Shimallis Taamiraat ibsaniiru.

Kana malees abbaan cisiicha sadii kan turaniifi kan haaraa galmaa’aniif, gadaanaadhaan kan baatii 84’f kan qusatan jedhameera.

Kanneen 40/60 galmaa’an parsantaa 40 fi isaan ol kan qusatan ta’u kan ibsan daarektarichi, haaluma raga baankii argameetti waliigalatti namoonni 146,892 carraa abbaa 20/80, 40/60tiif ni dorgomu jedhameera.