Jimmatti hanniifi saamichi nama adoochuun raawwatamu akkamiin yaaddoo hawaasaa ta’e?

Madda suuraa, Getty Images
Torbee tokko dura namoonni lama kan dubartii tokko adoochuun maallaqaa fi qabeenya biroo birrii 61,000’tti tilmaamamu saamuun shakkaman magaalaa Jimmaa keessatti to’annoo jala oolfamaniiru.
Gochaaleen hannaafi saamichaa namoota adoochuun raawwataman keessattuu magaalota gurguddoo keessatti irra deddeebiin yeroo mudatan dhagahama.
Magaalaan Jimmaas magaalota rakkoon kun keessatti mul’atu keessaa tokko akka taate odeeffannoon Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaa irraa arganne mul’isa.
Ittaana Komaandaraa Gazzaahany Awuguchoo Itti Gaafatamaa Kutaa Komunikeeshinii fi Miidiyaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaa yemmuu ta’an gochaan kun yaaddoo hawaasa magaalattii ta’uu BBC’tti himaniiru.
“Yaaddoo ta’eera kan jennu uummatichi birrii qabatee bahuu hamma shakkuutti yoo gahe yaaddoodha. Ati saamamte taanaan ‘utuun hinbeekiin kiisiikoo keessaa baaseen kenne’ erga jettee ummanni ni yaadda’a. Yaaddoo ta’uurraa hambisuuf immoo hojiin hojjetamee uummataaf beeksisuudha” jedhan.
Saamicha namoota adoochuun raawwatamu ilaalchisee ALI bara 2015 keessa eeruu “baay’ee” fudhachuu kan himan I/A Komaandaraa Gazaahany, eeruun poolisii bira osoo hindhufinillee dhimmichi hawaasa keessa bal’inaan kan odeeffamu ta’uu isaatiin yaaddoo hawaasaa akka ta’e himu.
Taatee tibbanaa…
Shakkamtoonni lamaan Nabiyyuu Cilee fi Taammiraat Amaaree jedhaman torbee tokko dura nama adoochuun maallaqa fi qabeenya biroo saamuun shakkamanii to’annoo jala ooluu kan danda’an hojii qindoominaa hawaasni fi poolsiin waliin ta’uun hojjetaniin ta’uu I/A Komaandaraa Gazzaahany himu.
Namoonni lamaan kun “intala tokko bira deemuun adoochuudhaan birrii 37,500 baaftee erga kenniteef booda warqiishees baaftee kenniteef akkasumas mobaayiliishee baaftee kenniteef” jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Erga sana gootee booda ammas ‘nun gahu’ jechuudhaan ‘birrii kanbiraa baankii keessaa hinqabduu?’ jennaan ‘qaba’ jettee Baankii Abisiniyaa deemtee birrii baaftee kennuuf otoo deemaa jirtuu konkolaachisaan bajaajii tiraafikaaf odeeffannoo kenne,” jedhan.
Sana boodas tumsa hawaasa fi poolisiin shakkamaan inni tokko battalatti inni biraan ammoo miliquuf yemmuu yaalu konkolaataa poolisiin hordofuun to’annoo jala akka oolan himaniiru.
Shakkamtoonni lamaan to’annoo jala erga oolanii boodas “maallaqa isiniif kennina” jechuun poolisoonni akka isaan miliqsan gaafachuu isaaniis I/A Komaandaraa Gazzaahany Awuguchoo himu.
Shakkamtoonni lamaan magaalota garagaraarraa maqaa garagaraan waraqaa eenyummaa kan hojjeechiifatan akka ta’es dubbatan.
“Maqaa adda adaatiin waraqaa eenyummaa hojjechiisaniiru. Godina biraarraa maqaa biraatiin, naannoo Walqixxeetii maqaa biraatiin, naannoo Shaashamanneetii maqaa biraatiin, naannoo Hawaasaatii maqaa biraatiin waraqaa eenyummaa qabatanii kan naanna’anidha” jedhan.
Poolisiin shakkamtoota kunneen irratti murtee ariifachiisaa (RTD) kennisiisuuf Mana Murtiitti geessullee shakkamtoonni ‘abukaatoo dhaabnee mormuu dandeenya’ jechuu isaaniitiin dhimmi isaanii mana murtiin ilaalamaa akka jirus himaniiru.
Yaaddoo uummataa akka hintaane gochuuf….
Yakki hannaa fi saamichaa namoota adoochuun rawwatamufi yaaddoo hawaasaa ta’e hambisuuf hojiileen hojjetamuu I/A Komaandaraa Gazaahany himaniiru.
“Sochii isaanii hambisuufi yaadoo uummataa ta’uurraa baasuudhaaf uummata waliin taanee qindoominaan hojjechaa jirra” jedhan.
Haaluma kanaan Qajeelchi Poolisii Magaalaa Jimmaa ALI Caamsaa 2015 namoota gochaa nama adoochuun saamuurratti bobba’an sadi to’annoo jala oolchee adeemsa seeraan akka adabaman taasifamuus dubbatan.
Namoonni sadeen kunneen to’atamuu kan danda’anis eeruu “konkolaataa abbaa miila sadiitti fayyadamuun yakki nama adoochuun qabeenya saamuu raawwatamaa jira” jedhu erga argatanii booda hordoffii taasisaniin akka ta’e BBC’tti himaniiru.
Yakki kun tajaajila geejibaa kan kennan fakkeessuun namoota konkolaataa abbaa miila sadii keessa erga seensisanii booda isaan adoochuun qabeenya kan itti saamaniidha.
“Namoota sadeen qabne kana ragaa irratti barbaannee, ragaadhaan qulqulleessinee baatii Onkololeessaa darbe Manni Murtii Olaanaa Godina Jimmaa hidhaa waggaa 2 hanga 4 irratti murteesseera” jedhan.
Poolisiin namoota gochaa akkanaarratti hirmaatan to’achuufi seeratti dhiyeessuun hojjechuu akka itti fufu kan himan I/A Komaandaraa Gazaahanyi, jiraattonni magaalichaa ofeeggannoo akka taasisan fi gochaalee shakkisiisoo yemmuu arganis qaamolee nageenyaaf eeruu kennuun akka tumsan dhaamaniiru.












