Namichi lotorii doolaara biiliyoona lamaa mo'ate hanna tikeetiin himatame

Madda suuraa, EPA/EFE/REX/SHUTTERSTOCK
Namichi lootarii Ameerikaa Powerball jedhamu doolaara biiliyoona lama mo'achuun reekardii qabate tikeetiin lootarii ittin mo'ate ''na jalaa hatameeti'' nama jedhuun himatame.
Edwiin Kaastiroon jiraataa bulchiinsa Kaalifoorniyaa yoo tahu, lootorii isaaf bahe al tokkotti doolaara miiliyoona 997.6 fudhachuuf murteesse.
Haa tahu malee amma jiraataan Kaalifoorniyaa biraa Joos Riveeraan qarshii sun kan koo tahuu qaba ture jechuun himannaa dhiyeesse.
Kaastiroon dhimma kanarratti yaada hin kennine. Dhaabbati Lotorii Kaalifoorniyaa garuu akka injifataa isa sirrii tahe shakkii hin qabnu jedhe.
Ibsa Guraandhala keessa baaseen dhaabbatichi yeroo hundumaa iyyannaa namoota qarshii mo'anneerra jedhanii akka mirkaneessu himuun, ''adeemsa kana raawwachuunis ofitti amanamummaa guddaa qaba,'' jedhe.
Riveeraan Mana Murtii Olaanaa Alhaambiraatti dha kan himannaa bane.
Akka inni jedhutti tikeetiin inni gaafa Sadaasa 7, 2022 bite gaafuma sana yeroo muraasa booda nama biraan jalaa hatame.
Namni himannaa dhiyeesse kuni tikeetiin lotorii mo'atte kuni akkamiin harka Kaastroo akka galte odeeffannoo guutuu hin kennine.
Tikeetiin Powerball doolaara 2'n kan bitamu yoo tahu, injifattoonni qarshicha fudhachuuf filannoo lama qabu.
Namni tokko hamma qarshii isaaniif bahe guutummaasaa waggaa waggaan, ganna 29f fudhachuu yoo tahu, garuu namni hundi sadarkaa jedhamuu danda'uun qarshii hanga xiqqaa takkaatti fudhachuuf murteessu.
Taphni lotoriin bara 1992tti jalqabe yeroo ammaa bulchiinsota Ameerikaa 45 keessatti taphatamuurra darbee daangaawwaan Ameerikaa Pootaa Rikoo fi Odoloota Varjin fa'is gaheera.
Namni lotorii kana mo'ate gibira moootummaa %24-37 kaffala. Kaalifoorniyaa fi bulchiinsota 10 biroo keessatti garuu gibira lotorii hin kaffalani.
Nuuw Yoorkii fi iddoowwan biroo kaanitti garuu lotorii irraa gibirri bulchiinsa magaalaas ni fudhatama.















